Namoonni maqaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin simintoo raabsaa turan eenyu fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni dhuunfaa maqaa Pirezidantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin seeran ala waldaan gurmeessuun simintoo raabsaan jedhaman hidhaafi maallaqaan adabamuun oggeessi seeraa BBCn dubbise ibsan.
Namoonni adabbiin itti murtaa'e kunneenis maqaa Obbo Shimallisiin sanada sobaa qopheessuu fi waldaa seeraan ala simintoo raabsu ijaaruun miidhaa qarshii miiliyoona 29 olii qaqabsiisuutu himame.
Kanaanis namoota badii kanaan shakkaman saddeeti hidhaa cimaa waggaa tokkoofi walaakaatii hanga waggaa 20 gahuufi maallaqaan adabamun, Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaatti Daareektooreetii Dhimma Malaammaltummaa Diinagdeetti abbaan alangaa Obbo Gizaachoo Daanyee BBCtti himan
Qonadaaltoota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiran dabalate yeroo garaa garaatti, Obbo Shimallis fi aanga'oonni naannichaa biroon daldala siminitoo keessaa harka qabaachuu himatamaa turan.
Haata'u malee himannaa qondaaltoota olaanoo naannichaa irratti ka'e kana hordofunis qorannoo taasifameen himannichi dhara ta'u adda baafamu paartiin badhaadhina naannichaa himuun ni yaadatama.
Namoonni adabbiin itti murtaa'e eenyu fa'i?
Namoota himannaan irratti banamee murteen addabii irratti dabarfame kanneen keessaa tokkooffaan oggeessa nageenya naannichaa kan ta'an Obbo Addisu Angaasaati jedhan abbaan alangaa kun.
Lammaffan ammoo, obbooleessa himatamaa tokkooffaa kan ta'an Obbo Taaddala Angaasaa yoo ta'an, himatamaa sadaffaan Obbo Warquu Caalaa, Itti gaafatamaa Biiroo Daldala naannichaa duraniiti jedhu.
Namoota dhunfaa kanneeniin alattis namoonni bakkee garaa garaatii gochaa kana keessaa harka qabaachun isaanii mirkanaa'e ittis adabbiin murtaa'u himameera.
Murtoo kenname fi akkamitti yakkichi akka raawwatame ilaalchisees, abbaan alangaa Obbo Gizaachoo Daanyee BBCtti himaniiru.
Akkamitti yakki kun raawwatame?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Gizaachoon akka jedhanitti, namoonni amma murteen irratti dabarfame kunneenis namoota dhuunfaa fi hojjattoota mootummaa ta'udhaan waldaa Intarpirazii raabsaa simintoo Milkii jedhamu hundeessuun socha'aa turan.
Waldaan kunis Magaalaa Dukam Ganda Kootichaa keessatti seeraan ala erga hundeessaniin booda, himatamaa keessaa tokkooffaan kan ta'an Obbo Addisuu Angaasaa akka waan ''obbleessa Pirezidanti Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati’’ ta'eetti hawaasaatti ofiisaanii ibsuun hojjataa ture jedhan.
Obbo Gizaachoon akka jedhaniitti, himannaan kunis namoota 13 irratti kan bu'ureeffamedha.
Isaan keessaa kan biraa ammoo obbooleessa Obbo Addisuu Angaasaa, kan nama hojjataa Bulchiinsaafi nageenyaa Oromiyaa kan turanii, Obboo Taaddalaa Angaasaa ta'u kaasu.
Haaluma waliigalataanis, himatamaa tokkooffaa irratti addabbiin hidhaa cimaa waggaa 20 fi qarshii kuma 200 lamaa murtaa'u dubbatan Obbo Gizaachoon.
Akkasumas himatamaa lammaffaa irratti hidhaa cimaa waggaa 12 fi qarishii kuma 20, akkausmas himatamaa sadafaan hidhaa waggaa shaniif qarshii kuma 10 irratti murtaa'u oggeessi seeraa Obbo Gizaachooon BBCtti himan.
Himatamtoonni kaanis hidhaa waggaa tokkootii hanga waggaa lamaafi addabbiin qarshii hanga kuma shanii dhaddacha guyyaa Kaleessaa ooleen itti murtaa'u kaasan Obbo Gizaachoon.
Maqaan Obbo Shimallis maali fa'iitti fayyadaman?
Himaamaa tokkooffaa kan ta'an Obbo Addisuun, ''Ani obboleessa Obboo Shimallisi, dhimma keessanan isiniif raawwachiisa jechuun qarshii namarraa fuudhaa ture,’’ jedhan abbaan alangaa Gizaachoon.
Kana malees bu’aa gurgurtaa simintoorraa argamu akka waan Obbo Shimallis Abdiisaaf geessuufitti itti gargaarame jedhan.
Obbo Addisuun miseensa waldaa simintoo rabsuu kana keessatti hin hammatamne. ''Obboleessa akka hin taanees mirkanaa'uun gochaa raawwataniin adabamaniiru'' jedhan.
Waldaan raabsaa simitoo kunis jalqabumarraa keessaa ALI bara 2013tti yoo IMAXA ta'e hundeeffamu kaasee seeraan waan hin hundoofneef kan jedhan Obbo Gizaachoon, ''waldaa daldal xixiqqaa akkasii keessatti hojjataan mootummaa hirmaachu hin danda'u'' jedhan.
Haata'u malee himatamaa tokkooffaan obboleessa isaa abbummaan waldicha hogganuuffi namoota waldaan gurmeesse kaaniitti fayyadamuun faayiidaa gara birrii gara miiliyoona 29 agrteera jechuun ibsan.
''Kanaanis galiin daldala Simintoo birrii miliyoona shan ol kan silaa mootummaa argachu qabu dhabsiisera'' jedhan.
Gama biraatiinis himatamaa tokkooffaan yeroo 2010 Biiroo Bulchiinsa Nageenya naannichaatti mindeeffaman ragaa barnoota kutaa 10 dhiyeeffateenis irratti murtaa'u dabalun himan oggeessi seeraa kun.
Haaluma walfakkaatuun himatamaa saddaffaafi kan duraan Hogganaa Ittaanaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa turan Obbo Warquu Caalaa, ''wayita simnitoon Warshaa Daangoteerraa kallattiin akka bitaniif xalayaa deeggarsaa barbaachisu ofiin barreessee mallasseessuun himatamaa tokkooffaa kennaa ture'' jedhamuun himataman.
Akkasumas haatii warraa himatamaa sadaffaa hojjattuu mootummaa yoo taatu, garuu miseensa waldaa Imaaxaa kana keessa turte jedhan.
Ammattis Waldaan raabsaa simintoo Milkii jedhamu eeyyamni isaa haqamuun, simintoonni kuntaalli 8,000 irraa dhaalamuu dabaluun himaniiru.
Qorannoo yakkaa kun yeroo dheeraa fudhachuu kan himan oggeessi seeraa Obbo Gizaachoo Daanyee, himatamtoonni to’atamanii ragaan namaafi barreeffamaa irratti dhiyaateras jedhan.












