Itoophiyaatti simintoon 'gabaa bilisaan' akka socho'u murtaa'uun gatii tasgabbeessaa?

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2019'tti barbaachisummaan simintoo Itoophiyaa meegaatoonii 12 (kiloogiraamii biiliyoona 12) yeroo gahu dhiyeessiin garuu meegaatoonni 8.9 qofa ture.
Gabaasni Dhaabbata Indastirii Galteewwan Keemikaalaa fi Ijaarsaa akka agarsiisutti Itoophiyaan simintoo hanga meegaatoonii 20 oomishuu dandeessi.
Mootummaan Itoophiyaa bara 2020-21tti ijaarsa daandiifi riqichaaf simintoo birrii miiliyoona 58.8 baasu hojiirra oolcheera.
Itoophiyaan dhaaboti biyya alaa oomisha simintoo irratti akka hin bobbaaneef dhorkaa keesse bara 2020tti ture deebistee kan kaaste.
Yeroo kanatti Itoophiyaan simintoo meegaatoonii 17.1 humna oomishu qabdi ture jechuun dhaabbati kuni gabaasee ture.
Waggaa sadiin dura hanqinni simintoo yeroo mudatu sababiin ijoo hanqina boba’aa ture. Kana furuuf immoo Ministeerri Daldalaa gatii simintoo kg100 birrii 450 akka hin caalle murteessee ture.
Mootummaan dhihoo kana immoo simintoon kuntaala tokko birrii 600 hin caalleen akka gurguramu murteessuus, qarshii 2000 oliin gurguramaa tureera.
Dhimmoota gatiin simintoo akka qaala’u godhan keessaa tokko warshaaleen simintoo gurguddoo Naannoo Oromiyaa rakkoon nageenya jiru keessa jiraachuu isaaniiti.
Qaala’insa kana tasgabbeessuufis Ministeerri Daldalaafi Walitti-hidhaminsa Naannolee, gurgurtaan simintoo ‘gabaa bilisaan’ akka socho’u murteesseera.
'Gabaan bilisaa' simintoo maali? Gatii tasgabbeessaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Afaan qorannoo diinagdeen ‘’gabaan bilisaa’’ dhiyeessaafi fayyadamaan seera fedhiidhaan bu’uureessaniin haala itti bittaafi gurgurtaa raawwatanii dha.
Haala kanaan gidduu-galtuummaan mootummaan baayyee xiqqaa ykn guutummaan guutuutti jiraachuu dhiisuu mala.
Kanaan dura gabaan simintoo Itoophiyaa keessatti qajeelfama gabaa bilisaan bulaa ture jechuun dubbatu Yunivarsiitii Finfinneetti hayyuu qorannoo diinagdee kan tahan Dr Guutuu Teessoon.
‘’Simintoon diinagdee Itoophiyaaf utubaa dha,’’ kan jedhan hayyuun kuni keessumaa damee indaastiriidhaan guddachuuf tattaaffii biyyattiin taasiftuuf simintoon murteessaa akka tahe ibsu.
‘’Kanaaf ture mootummaan ADWUI simintoon baay’inaan akka oomishamuufi warreen alaa galchan immoo gibira otoo hin kaffaliin akka galchan kan eeyyamaa ture.’’
Darrib Takkaan Finfinneen naannoo 22 maazoriyaa jedhamutti simintoo qinxaaboodhaan gurguruu irratti daldalaa bobba’e dha.
Yeroo mootummaan warri qinxaaboo gurguran dhorkee turettiifi simintoon akka garaa yeroo hin argamnetti fayyadamaan miidhamee ture jedha.
‘’Yeroos simintoon kuntaalli tokko qarshii 2000 oliin gurguramaa ture erga gabaa bilisaa jedhamee garuu guyyaama sadii keessattiyyuu gatiin qinxaabooo birrii 1500 gadi gurguramaa jira, jumlaadhaan immoo isaa gadi tahuu mala, ‘’ jedha.
Ministeerri Daldalaafi Walitti-hidhaminsa Naannolee murtoo kana kan dabarse gatii tasgabeessuuf jecha dha, warshaaleen gatii ofii akka baasan gaafatee, gatiin warshaaleen kunneen kennan olaanaa tahuu hubachuun booda dha.
Haala kanaan ministeerichi gatiin simintoo inni gadi-aanaa 510 inni guddaan immoo 683 akka tahu murteessee ture.
Mootummaan oomishni simintoo gad-aanaa tahuusaa hubachuudhaani piroojektiiwwan mootummaaf dursi kennamuu qaba jechuun ajaja dabarsee kan ture.
Darribii fi warreen simintoo jumlaa fi qinxaaboodhaan raabsan biyyattii keessa oomishni simintoo gahaa jira, gatiinsaas gad-hir’achaa adeema amantii jedhu qabu.
‘’Daldaltoonni simintoo qinxaaboo gatiisaa gad-buusanii gurguraa jiru. Ani garuu hin jalqabne. Gatiinsaa kana caalaa gadi-bu’ee yeroo 1000 fa’i galu gurguruun eegala,’’ jedha Darrib.
Maamilootisaa tasgabbaa’anii akka eeganis gorsa. ‘’Yeroo tokko tokko warshaaleen oomisha isaanii qabanii tursu, kan ammaa caalaa gatiin hir’achuu mala,’’ jedha.
'Hongee simintootu ture'’
Pirezidaantii Waldaa Oomishtoota Simmintoo Itoophiyaa kan tahan Obbo Haayilee Assaggid, ‘gabaa bilisaa’ jedhamus, ‘’ammallee mootummaan gatii simintoo warshaaleen itti gurguran murteesseetu jira,’’jedhu.
Oomishoota ijaarsaa baay’inaan faayidaarra oolan keessaa tokko kan tahe simintoon Itoophiyaa keessaatti gatiinsaa akkana dabaluu kan danda’e cancalli dhiyeessii oomisha kanaa waan, ‘’butameefi,’’ jedhu Dr Guutuun.
Akka isaan jedhanitti warshaaleen simintoo kana dura oomisha isaanii kan gurguran gatii gabaan murteessuun ture.
Haa tahu malee, waggoota sadan, afran darbanitti, hojimaati duraanii boodatti deebi’ee, ‘’warri aangoo qaban oomishni kuni akka baduufi gatiinsaa akka qaala’uu gochuun isaanii ajaa’iba dha,’’ jedhu.
‘’Akkamiin oomishni hamma simintoo gahu gabaa keessaa dhabamee mootummaan akka sukkaaraa fi zayiitii kan raabsu?’’
Hayyuun kuni akka jedhanitti aanga’oonni mootummaa naannoolee fi federaalaa tokko tokko gabaa kana to’achuu isaaniirraan kan ka’e, ‘’simintoo mootummaatu gurgura,’’ hamma jechuutti gahamee ture.
‘’Kana nuti afaan qorannoo diinagdeen ‘Monoppoolii jennaani. Daldalaa tokko, dhiyeessaan tokko gaafa tahu jechuu dha. Akkamiin warshaa simintoo walitti qabanii dhiyeessaan tokko akka gurguru gochuun isaanii na dhiba,’’ jedhu.
Akka isaan jedhanitti amma mootummaan deebi’ee gara ‘gabaa bilisaatti’ kan garagale ‘monoppooliidhaan’ qabachuun gatiin simintoo akka qaala’u, hojii dhabdummaan akka babal’atuufi dameen ijaarsaa miidhamuusaatiini.
Pireezidantiin Oomishtoota Simintoo, Obbo Haayileen akka jedhanitti, hojimaata haaraa kanaan dura simintoon akka garaa hin socho’u ture, warri qinxaaboo gurguran akka hin gurgurre dhorkamanii turan.
‘’Kanaaf hojimaatni inni duraanii piroojektiiwwan mootummaa qofa ture kan fayyade, sababa kanaan damee dhuunfaa hongeen simintoo dhahee ture,sana furuuf jecha dha qajeelfamni haaraan kuni kan bahe,’’ jedhu.
Gama biraan to’annoo keellaa irratti taasifamu dabalatee qaamoti dhimma kana to’anna jedhan baay’achuun, ‘’gatiin simintoo qajeelfama duraanii jalatti baayyee qaala’aa akka deemu taasise,’’ jedhu Obbo Haayileen.
Kanaaf kana dura haala gurgurtaa simintoo mootummaatu to’ata ture, ‘’amma garuu warshaaleen akka to’atan gochuu, ‘’gatii simintoo warshaa dhaa itti bahu mootummaadhaan kan murtaa’e yoo tahu, kan warra Jumlaafi qinxaaboodhaan gurguranii immoo daangeffama gatii kaa’eraafi,’’ jedhu.
Akka isaan jedhanitti dhimmi ijoo sochiin simintoo bilisa tahe eeyyamamuusaati.
Qajeelfamni wixinee amma jiru, ‘’raabsaan tokko gatii warshaa irratti hanga parsantii 10 dha kan dabaluu danda’u, kan qinxaaboo gurguru immoo baasii hunda danda’ee hanga parsantaa 15 dabaluu danda’a.’’ jedhaniiru.
Gabaan simintoo 'bilisa' tahuun eenyun fayyada?
Dr Guutuun gabaan bilisa tahuun bittoota ni fayyada malee hin miidhu jedhanii amanu.
Obbo Haayileenis, qajeelfama haaraa kanaan piroojeektiiwwan mootummaa galtee simintoo isaanii warshaalee irraa ammallee argachuu danda’u, piroojektonni xixiqqoo immoo raabsitoota irraa bitachuu danda’u jedhu.
‘’Warreen simintoo qinxaaboo gurguran, oomishaalee ijaarsaa kanneen akka bilookeetii simintoo fayyadamuun tolchan irra yeroo dhorkaan turetti gabaa seeraan alaa (gabaa gurrraacha simintoo) irraa bitu ture, gatiin warshaa 600 tahus, gabaa irratti garuu hanga 2000tti gurguramaa ture,’’ jedhu Obbo Haayileen.
Mootummaan kana dura gatii simintoo tasgabeessuuf tarkaanfii garagaraa fudhachaa ture. Tahus hojjechaa hin turre, qajeelfamani amma bahe garuu sirnaan hojiirra oollaan milkaa’uu mala jedhu Dr Guutuun.
‘’Kanneen humna siyaasaa jabeeffataniif gabaan simintoo akka sa’aa elmamtuuti. Halkan tokkoon galii miiliyoona baayyee argamsiisuu danda’a. Tahus oomishni kuni bilisaan akka gurguramuuf itti dhiisu kan jedhu garuu nan shakkisisa,’’ jedhu.
Obbo Haayileen, kanaan booda warshaaleen mootummaa irraa deeggarsa yoo argatan, simintoonis iddoodhaa gara iddootti bilisaan yoo socho’e, warshaaleeni kuusaa mataasaaniirra simintoo akka gurguranis eeyyamameera, ‘’haala kanaan gatiin akka duraatti ni qaala’a amantii jedhu hin qabu, ‘’ jedhan.
Gamaa biraan Warshaan Simintoo Masooboo oomisha dhaabee ture akka hojii eegaluufi warshaaleen biroo meeshaalee suphaan akka deeggaran mootummaan ajaja kenneera jedhu.
Haala kanaan warshaan Masooboo yoo hojii jalqabee naannolee Gondariifi Affaar fa’iif raabsa warshaaleen kaan immoo iddoowwan biyyattii kaaniif qaqqabsiisu jedhu.
‘’Dabalataan meeshaalee suphaa bituudhaaf gatiin doolaaraa fooyya’aa dhufa amantii jedhu waan qabnuuf ni fooyya’aa, dameen dhuunfaa miidhamaa tures ni fayyadamaa,’’ jechuun ibsaniiru Obbo Haayileen.
Dr Guutuun garuu qajeelfamni ‘gabaa bilisaa’ hojiirra akka ooluuf kutannoon mootummaa murteessaadha jedhu.
‘’Daldalaa hanga aanga’aa oolaanaatti namoonni seeraan ala kan fayyadaman. Cancalli kuni citee sirni gabaa fooyya’aa diriiruu danda’aa ? Mootummaan hoo dhimma kana hojiirra oolchuuf dhugumaan murteesseeraa? Humna raawwachiisuu hoo qabaa?’’ gaaffii jedhu qabu.












