Daldala simintoo Itoophiyaa rakkoon xaxameefi furmaata barbaadu

Gatiin simintoo Itoophiyaatti akkaan dabaluun kanneen ijaarsatti jiran yaachiseera

Madda suuraa, Sean Justice

Ibsa waa'ee suuraa, Gatiin simintoo Itoophiyaatti akkaan dabaluun kanneen ijaarsatti jiran yaachiseera

Musee Immiruu [maqaan isaa kan geeddarame] magaalaa Adaamaatti simintoo daldala. Kana dura bakka buutota eeyyama qabanirraa oomishi simintoo daldaltoota bira akka gahu hima.

Haa ta'u malee, yeroo ammaa gidduutti dallaalotni baay'atanii ''rakkoo uumuu'' dubbata. Warshaadhaa ka'ee hanga isaan bira gahu ''dallaalaa sadii, afur isaa olillee jiraachuu danda'u,'' jedha.

Yeroo ammaa dameen ijaarsaa Itoophiyaa keessatti rakkoowwan guddatanii mul'atan keessaa tokko gatiin simintoo ijaarsaaf itti fayyadaman akkaan dabaluudha.

Kunimmoo kallattiin ummataafi ijaarsa pirojektootaa ni huba. Dhihoo qondaaltonni federaalaa, Naannoo Oromiyaafi aabbootii warshaa simintoo marii gaggeessaniiru.

Ministirri Albduudaa Injinar Taakkala Uumaa waa'ee haala nageenyaafi dhiheessii galteerratti akkasumas dargaggoonni naannichaa karaatti carraa hojii argatanirratti mari'atuu himan.

Warshaaleen akka Daangotee, Darbaa, Mugar, akkasumas kaan Naannoo Oromiyaa keessatti argamu. Rakkoowwan warshaaleen kuni eeran keessaa tokko nageenyi dhibuudha.

Baatii muraasa dura hojjettoonni warshaa simintoo Itiyoo Siimant 20 ol ta'an lammiilee biyya alaa dabalatee ugguramanii turan. Badii kanaafis mootummaan hidhattoota ABO -Shanee jedhu himate.

Haa ta'u malee, rakkoon warshaaleen eeran kana qofa miti. Rakkoo sharafa alaa, hanqina dhiheessiifi kaanis jiru.

Gama kaaniin, caasaa mootummaa keessa kan jiran yookiin miseensi maatii qondaalota olaanoo Oromiyaa simintoo raabsuu keessa seenaniiru himannaan jedhus jira.

Pirezidantiin tti Aanaa Naannoo Oromiyaa fi koree rakkoo simintoo kana furuuf hundaa'e kan hoogganan Obbo Awwaluu Abdiin garuu himannaa kana ni balaaleeffatu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhiheessiifi gatii samintoo furuuf raabsitoota ykn ejentoota gabaa keessaa baasuun gara dargaggoota waldaan gurmaa'aniitti dabarsuuf akka yaade himeera.

Rakkoo nageenyaa furuufis eegumsi gahaan akka ramadamu murtaa'uu Obbo Awwaluun himaniiru.

Presentational grey line

Rakkoo hammaate

Ripportarri BBC magaalaa Adaamaatti akka hubateetti waggaa baranaa baatiiwwan muraasa keessatti gatiin simintoo sadarkaa dachaa jedhamuun dabale.

Ji'oota shan dura 500 fi naannawa sanii kan gurguramu amma garuu kan 1,000 ol gurguramurree akka jiru hubate.

Kanaanis, kanneen mana jireenyaafi kaan ijaaran guddoo yaadda'u ibse. Gatiin simintoo ol bahuun yaaddoo uumuun isaa iccitii miti.

Obbo Darajjee Birhaanuun dhaabbata simintoo raabsu (eejantii) dha. Dhaabbatni isaanii simintoo warshaa simintootii fuudhee ''gatii madaalawaan'' daldaltootaaf raabsa.

Gatii mootummaan kaa'en gurgurra kan jedhan Obbo Birhaanuun, simintoon akka mi'aawuf kan gumaache raabsitoota miti jedhu.

''Warshaaleen oomisha dhiheessuu dhabuu gatii ol kaasera malee rakkoo eejantootaa miti.''

''Kan gatii dabalaa jiran suuqiiwwanidha. Yeroo nuti gurgurru namni barbaadus baay'ee waan ta'ef warra suuqitu dabalee gurgura,'' jechuun himu.

Simintoon ijaarsa daandii, riqichaafi gamoofis ni oola

Madda suuraa, franck metois/ Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltonni mootummaa gatiifi raabsaa simintoo to'achuuf raabsitoota gidduu jiran baasuun dargaggootaan bakka buusuuf yaada qabu

Haa ta'u malee, raabsitoonni kallattiin daldaltoota bira geessurraa qilleensarratti dallaalotaaf gurguran akka jiran jiraattonni ibsu.

Dhimma kana kan gaafatan Obbo Birhaanuun, dhaabbati isaanii kana akka hin goone himu. Garuu, ''jiraachuu danda'a,'' jechuun kaan wanta akkanaa kan raawwatan jiraachuu akka malan dubbatu.

Daldalaa kan ta'an Obbo Museen immoo rakkoon suuqota akka hin taaneefi dallaalota ta'uu himu.

''Nuti dallaalotarraa fudhanna,'' jechuun himu. Dallaalonni isin irraa fuutan eessaa fidu jechuun gaafatamanii ''isaaniis dallaalaa biraarraa fudhatu,'' jedhan.

Dallaallonni ''suuqii hin qabani, bilbilumaan hojjetu,'' jechuun dallaaloti isaan caalaa akka buufatan himu.

Obbo Awwaluu Abdii gama isaaniin gatiin simintoo daran dabalee fi dhiheessii isaa gabaarraa akka gaariitti kan hin argamneef sababoota ijoo tahan hedduutu mudate jechuun himu.

"Sababni tokkoffaan sababa hanqina sharafa alaatiin Omishni simintoo hir'ateera. Rakkoon ageenyaas sababa kan biraati. Kaan ammoo warra carraa kanaan duroomuu barbaadani.

''Warra omisha dhoksan. Faddaaltota kana keessa fayyadamuu barbaadantu jira" jechuun dubbatan.

Himannaa maatii qondaaltotaarratti

Qondaaltoti olaanoo Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa baatii Amajjii keessa qondaaltota mootummaa naannoo Oromiyaa malaammaltummaan himataniiru.

Akka jecha isaaniitti qondaaltotni aangoo daheeffachuudhaan daldaala Simintoo fi jimaa irratti bobba'aniiru jechuun miidiyaa hawaasummaa ibsan. Ijoo dubbiis ta'ee ture.

Haata'u malee, Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa marii gaggeessuun miseensoti isaa caasaa daldala jimaa keessa seenan akka hin jirre mirkaneessuu hime.

Himannaan qondaaltotni maatii isaanii daldala Simintoo keessumaa raabsaa keessatti hirmaachisaa jiru jedhamuun ka'u aangawoota olaanoo naannichaa dabalata.

Obbo Awwaluun yaadni qondaaltonni mootummaa daldala keessa seenaniiru jedhu kuni akka dhagahameen akka mootummaatti koreen waan kana qulqulleessu hundaa'ee qoratuu himan.

Oduun maatiin aangawaa olaanoo naannichaa ''daldala Simintoo keessa seenaniiru jedhu qorannoo taasifameen soba adii ta'ee argame. Maatiin yaa hafuutii firri firaa waan kana keessatti hirmaannaa qabulleen hin argamne,'' jedhan.

''Ejentiin simintoo akka biyyaattuu sagaltama wayiitu jira. Kana keessa tokko maatiin isaanii hin argamne," jedhan.

"Oduu maqaa haadha warraaa isaaniitiin simintoon daldalama jedhu sana warra aangoo barbaadutu shira shire. Garee maqaa namaa xureessee aangotti bahu barbaadutu uumamee ture.

''Isaantu kana oofaa ture. Koree dhaabnee qorannee dubbii sobaa ta'uu mirkaneeffanneerra" jedhan Obbo Awwalun.

Qorannoo adeemsifamaa ture kanaan garuu qondaaltonni gara gadii jiran muraasni hojii kanarratti hirmaachuuf yaalii taasisaa akka jiran bira gahamee tarkaanfiin fudhatameera jechuun himan.

Presentational grey line

Akkamiin furuuf yaadame

Raabsaan simintoos ta'e daldalaan dubbifne gatiin simintoo gatii amma jirun gadi gurguramuu akka qabu ni amanu.

''Rakkoonuu isa tokkorraa tokkotti dabarsanidha. Isatu gatii mi'eessa. Karaa bakka bu'ootaa osoo gidduutti dallaalaan hin jiraatiin ta'e gatiin isaa hir'isa jedheen yaada,'' jedhu daldalaan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ministeera Albuudaa akkasumas abbootii warshaa simintoo waliin akkamitti rakkoo dhiheessi simintoo kana furuun akka dandahamu irratti kallattii kaa'eera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gurgurtaa simintoo kana ejentoota guutummaatti gabaa keessaa baasuun gara dargaggoota waldaan gurmaa'aniitti dabarsuuf murteessuu Obbo Awwaluun himaniiru.

"Dargaggoota Ijaarree iddoo kuusaa fi gurgurtaa magaalota irratti ni qopheessina. Karaa faayinaansiitiinis haalli nimijataaf. Indastiriiwwan simintoo wajjiin akka hojjetan taha.

''Ejentoonni gabaa keessaa bahu. Omishtootarraa kallattiidhaan warra chirchaaroof darba" jedhan.

Dubartii teessuu yaada'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qaala'iinsi jireenyaa lammiilee Itoophiyaa yaaddesseera

Kuusaawwan simintoo gurguddaan magaalota hundaarratti erga ijaaramaniin booda warshaaleen hundi kallattiidhaan waldaalee dargaggootaa kanatti waan dabarsuuf gatiin gidduutti dabalamu hin jiraatus jedhan.

Dargaggootni kunneen ammoo erga simintoo kana warshaalerraa fudhatanii gatii muraasa dabaluudhaan kallattiidhaan fayyadamtootaaf dhiheessus jedhan.

"Dallaaltonnii fi faddaaltonni gidduu kana jiran guutummaatti bahu. Akkanaan rakkoo simintoo kana furra" jedhan Obbo Awwaluun.

Rakkoon nageenyaa naannoo warshaalee simintootti mula'tu furuufis mootummaan karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa qopheeffatee akka jirus himu qondaalli kuni.

"Gara fuuladuraatiif humna 'Industrial Force' jedhamu ijaaramee nageenya indastirii kan eegu akka ijaaramu kallattiin kaa'ameera.

''Hangasiifimmoo naannoo indastiriiwwan kunneeniitti eegumsi gahaan akka ramadamu murtaa'ee jira" jedhan.

Ministirri Albuudaa Injinar Taakkalaan gama isaaniin murteen akkanaa jireenya dargaggootaa akka fooyyessu, gama kaaniin immoo hawaasi dhaabbilee naannoo isaa jiran akka kunuunsu ni taasisa jedhan.

''Kunis, bakkichaaf nagaa akkasumas rakkoo nageenyaa warshaalee qunnamu hambisuuf gahee olaanaa akka qabu waliigalleerra,'' jechuun Facebook isaanii gubbaa barreessan.