Sababniifi furmaanni qaala'iinsa gatii lammiilee Itoophiyaa qoraa jiru maali?

Dubartii teessuu yaada'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Obbo Abdii Gabbisaa haadha warraa, ijoollee isaanii lamafii hojjettuu isaanii walin magaala Finfinnee keessa mana kireeffatanii jiraatu.

Hojii dhaabbata mootummaa keessa qacaramanii hojjetaniinis ji'atti mindaa qarshii 5,000 akka argatan Obbo Abdiin himu.

Haa ta'u malee mindaan isaaniifii mindaan haati warraa isaanii ji'atti argatan walitti ida'amee qarshii 8,000n maatii isaanii jiraachisuuf guddaa rakkachuu isaanii himu.

"Qarshii 5,000 kana ji'a eegeni kanin argadhu. Baasin ani baasufi qarshiin ani argadhu wal hin madaalu" jechuun ibsu obbo Abdiin.

"Kiraan manaa jira, qallabni jira, kan ijoolleen ittiin barattu jira, ijoolleen barattu laaqana qabattee deemti, geejibni jira, uffatni ijoollee akkasumas kan hojjettuuf kaffalamu jira. Gaafa kana ilaaltee jettu jireenyi baay'ee tokko nu miidhaa jira" jedhan.

Qaala'iinsi gatii Itoophiyaa keessatti yeroo yeroon dabalaa deemu lammiilee biyyattii hedduuf qormaata ta'eera.

Daballiin gatii omishaalee boba'aa irratti mootummaan dhiyeenya kana taasise immoo rakkinnicha caalmaatti hammeessuu danda'a kan jedhu yaaddoo lammiileefi ogeeyyiin diinagdee qooddatanidha.

Qaala'iinsa gatii rakkoo biyyoota hedduu…

Bara 2022 keessa ji'ootni muraasni darban kan biyyootni addunyaa heddu rakkoo qaala'iinsi gatii itti mudatedha.

Qaala'iinsi gatii biyya Yunaayitid Kingdam keessa ji'a Guraandhaala darbe galmaa'e (7%) waggoota 30 darban keessatti isa olaanaadha.

Lammiileen biyya Keeniyaas qaala'iinsa gatii daakuu midhaanii, mosee akkasumas kuduraaleefii muduraalee irratti mul'ate mormaa turaniiru.

Manni Maree Diinagdee Biyyaalessaa Itoophiyaas ibsa guyyoota dura baasen qaala'iinsi gatii qormaata guddaa ta'uu himeera.

"Qaala'iinsi gatii (ji'a Eblaa) kan ji'a Eblaa bara darbe walin yeroo madaalamu dhibbeentaa 36.6 gaheera. Dhimmicha caalmaatti ulfaataa kan taasisu immoo qaala'iinsi gatii olaanaan galmaa'aa kan jiru omishaalee nyaataa irratti" jedha ibsi mana marichaa.

Obbo Abdii Gabbisaas daballiin gatii omishaalee sadarkaa guyya guyyaan fi sa'aatii sa'aatiin jedhamuun dabalaa jiraachuu himu.

"Guyyaa guyyaan; sa'aatii sa'aatin dabala. Amma fakkeenyaaf Sanbata duraa darbe aannan saamsamtee gurguramtu ganama daa'immaniif qarshii 20n bite. Galgalammoo fuudheefin gala yemmuun jedhu birrii 30 ta'eera. Birrii 10 dabale jechuudha" jedhan.

"Haalli jireenyaa hagana jechuu hin danda'u. Baay'ee nutti ulfaataa jira. Kan anaa gadi ta'ee jiraatutummoo jira. Inni akkamitti akka jiraatu ani hin beeku" jechuunis hammeenya qaala'iinsa gatii himu.

Mootummaan Itoophiyaa qaala'iinsa gatii kanaaf taateewwan biyya keessaafii biyyaan alaa (idil addunyaa) sababa ta'uu hima.

Weerarri dhibee Covid-19, qaala'iinsi gatii omishaalee dheedhii, walitti bu'iinsawwan biyyattii muudatan akkasumas ji'oota muraasaa as immoo waraana Raashiyaafii Yukireen ta'uu Manni Maree Diinagdee Biyyaalessaa ibsa isaa tibbanaa keessatti eeree jira.

'Ollaa faana wal gargaarree walin jiraanna…'

Obbo Abdii Gabbisaa galii birrii 8,000 ta'u isaanfii haati warraa isaanii ji'atti argatan tooftaadhaan akka itti fayyadaman himu.

Midhaan gabaa keessatti gurgurtaaf dhiyaate

Madda suuraa, Getty Images

"Kiraa manaa isheen yoo kaffalte animmoo baasiiwwan ijoo akka qallabaa /soorata/, geejiba, kaffaltii mana barumsaa ijoolleefii mindaa hojjettuufi duran kaffala. Isaan ijoo kana ergan kaffalee booda yoo /maallaqni/ irraa naaf hafe wantoota kaan bita" jedhu.

"Yoo nugahuu didemmoo namarraa liqeeffanna. Amma ji'aatti namarraa liqeeffanna. Ollaa faana wal gargaarree walin jiraanna" jechuunis himu.

Kanarraa kan ka'es qusannaan "boriif" jedhanii olkaawwatan/qusatan tokkolleen akka hin jiraanne Obbo Abdii dubbatu.

Mootummaan furmaata akkamii fudhachuu danda'a?

Tarkaanfileen mootummaan Itoophiyaa qaala'iinsa gatii biyyattii mudataa jiru furuuf fudhachaa jiru quubsaa miti jechuun komiiwwan irratti dhiyaatu.

Daldaltoota omishaalee kuusuun gatiin akka dabalu taasisaniifi faddaaltota shamattootafi daldaltoota gidduu deemuun qaala'iinsa gatii uuman irratti tarkaanfiin fudhatamu laafaa ta'uutu ka'a.

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa muummee barnoota Ikonomiksii kan ta'an Dr Lataa Seeraa, gatiin omisha tokkoo kan ol ka'u dhiyeessin omishichaa gabaarratti yemmuu xiqqaatufii fedhiin immoo yemmuu dabalu ta'uu himu.

Dhiyeessin omishaalee gabaarratti akka dabaluufii gabaan akka tasgabbaa'uf immoo mootummaan omishtoota deeggaruu akka qabu eeru.

Gama biraatin immoo biyyattii keessa sababa omisha waliin wal hin qabanneen gatiin omishaalee halkan tokkotti yeroo dabalu kan mul'atu ta'uus barsiisichi kaasu.

"Yeroo tokko tokko biyya keenya keessatti halkanuma tokkotti wanti tokko 'gabaarraa dhabame' yeroo jedhanfaa dhageessa. Kuni akkamitti ta'uu danda'a? Wanti kaleessa ture tokko har'a akkamitti halkan tokkoon gabaarraa dhabamee ooluu danda'a jettee yeroo yaaddu namootni waan sana dhoksanii gatii dabalanii gurgurachuu barbaadan akka jiran nama hubachiisa" jedhu.

Kana to'achuunis gahee mootummaa ta'uu Dr Lataa Seeraa himu.

Obbo Abdii Gabbisaas "mootummaan gadi bu'ee wantoota dabalan kana irratti yoo hojjete furmaata ni arganna" jechuun furmaatni waan harka mootummaa jiru ta'uu dubbatu.

Manni Maree Diinagdee Biyyaalessaa gama isaatiin mootummaan dhiibbaawwan diinagdee biyyattiirratti uumamuu malan hir'isuuf tarkaanfilee fudhachaa akka jirufii fuldurattis akka itti fufu hima.

Kunneen keessaa immoo fichisiistotni omishaalee bu'uraa kunneen akka qamadii, zayita, soorata daa'immanii, sukkaaraa fi kkf sharafa biyya alaa dhuunfaa isaaniitti fayyadamuun akka gara biyyaa galchaniif heeyyama kennuun isa tokko ta'uu himeera.

Dabalataan "bittaan omishaalee bu'uraa kan akka qorichaa, boba'aa, xaa'oo, zayita fi kkf haala sirrii ta'een akka raawwatamu, dhiyeessii isaanii irratti harkifannaan akka hin jirannef adeemsa bittaa irratti sirreeffamni barbaachisu ni fudhatama" jedheera.