Itoophiyaan zayitii, shukkaara, ruuzii fi aannan eeyyama sharafa alaa malee akka galu murteessite

Zayita nyaataa

Madda suuraa, FBC

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa meeshaaleen akka zayitii nyaataa, shukaara, ruuzii fi aannan daa'imman sooratan eeyyama sharafa alaa tokko malee (Franco valuta) karaa gumuruuka biyyattii kallattiidhaan akka galuu danda'an murteessuu isaa beeksise.

Murteen kun kan darbe gatii meeshaalee akkaan dabale tasgabbeessuuf ta'uu eere ministeerri kun gama miidiyaa hawaasummaa isaarratti.

Lammiileen Itoophiyaa eeyyama jireenyaa biyyoota alaa qaban, mirgi Franco valuta akka eeyyamamuuf gaafachuusaanii hordofee tarkaanfiin kun fudhatame.

Haalota kunneen ilaalcha keessa galchuun zayitii, shukkaara, ruuzii fi aannan ji'oota ja'an itti aananiif eeyyama sharafa alaa tokkollee osoo hin gaafatamin namuu karaa gumuruukaa galfachuu akka danda'u eeyyamameera.

Haalli sharafa maallaqaa ammoo karaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa mirkanaa'a akka Ministeera Maallaqaa Itoophiyaatti.

Ministeerichi qaala'iinsa gatii meeshaalee tasgabbeessuuf jecha meeshaaleen alaa eeyyama sharafa alaa malee akka galan yoo eeyyamu kun kan jalqabaa miti.

Waggaa darbes tarkaanfii walfakkaataa fudhatee ture.

Haata'u malee tarkaanfiin kun qofti qaala'iinsa gatii meeshaalee tasgabbeessuu akka hin dandeenye ogeeyyiin damee kanaa yeroo hedduu yaada kennu.

Weeararri koronaavaayirasii, jijjiiramni qilleensaa, rakkooleen nageenyaa fi walitti bu'iinsi kutaalee addunyaa garaagaraa keessatti mudatan akkasumas diinagdeen addunyaa daddaaqamuun gatiin gabaa akka dabaluuf qabxiilee akka sababaatti eeramaniidha.

Rakkoo akkanaaf furmaata waaraa kan ta'u, oomisha biyya keessaa dabaluun murteessaadha jedhu ogeeyyiin.

Firaankoo vaaluutaa maali?

Firaankoo Vaaluutaan sharafa alaa madda seera qabeessarraa argamuudha.

Eeyyama baankiin ala meeshaalee alaa galchuuf akka sanada seera qabeessatti kan gargaaruudha.

Namoonni mirga Firaankoo Vaaluutaa qaban meeshaalee alaa gara biyyaa wayita galchan seerota ciccimoo Baankii Biyyaalessaa fi Baankii Daldalaa hojiirra oolchuuf dirqama hin qaban.

Kana jechuun sharafa alaa argachuuf eeyyama manneen baankii osoo hin barbaachisin mirga Firaankoo Vaaluutaa fayyadamuun meeshaalee gara biyya keessaa galchuu danda'u jechuudha.