Maraammartoo hanqina zayita nyaataa Itoophiyaa keessaa, sababootni ijoo maali?

Zayita nyaataa

Madda suuraa, FBC

Qaala'iinsi gatii zayitaa tibbanaa mataduree haasaa lammiilee Itoophiyaa isa ijoo ta'eera.

Gabaa keessatti qooda guddaa kan qabu gosti zayitaa 'Palm' jedhamuun beekamus ta'e zayitni suufii gatiinsaanii tasaa akka malee dabaleera. Kunis fayyadamtoota irratti dhiibbaa uumee jira.

Jiraataan magaala Mandii BBCn haasofsiisefii maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan mindaa ji'aa qarshii 6,500nin miseensota maatii torba kan jiraachisan ta'uu himu.

Jiraattotni magaalichaa zayita abbaa liitira shanii birrii 1,000 hanga 1,200n bituun fayyadamaa jiraachuu kan himan jiraataan kun, "yeroo kanatti zayitii bifa kanaan bittee, saamunaa tokko qarshii 26 hanga 30n bittee, dhimmoota garaagaraaf mindaa keetirraa hir'ifamaa jiraachuun ulfaataadha" jedhu.

Obbo Nageessaa Tukkaanaan immoo godina Gujii aanaa Oddo Shaakkisootti mana nyaataa xiqqoo qaban keessatti guyyaatti maamiltoota 80 hanga 100 ta'an keessumeessu.

"Zayitiin liitirri sadi birrii 550 ta'eera. Isaanuu hin argamu. Hojii manneen nyaataaf baay'ee rakkisaa ta'eera" jedhu.

Itoophiyaa keessatti gatiin zayitaa tasa yeroo ol ka'u kun isa jalqabaa miti.

Haa ta'u malee qaala'iinsa ammaa kana maaltu fide jechuun omishtoota, raabsitoota, daldaltoota fi qaama mootummaa dhimmichi ilaallatu gaafanneerra.

Itoophiyaafii fayyadama zayitaashee

Qorannoon Inistitiyuutiin Nyaata, Dhugaatiifi Qorichaa Itoophiyaa fi 'Global Allience for Improved Nutrition' waggoota muraasa dura taasisan Itoophiyaa keessatti gosootni zayitaa Paalm, kan suufii, kan kuduraalee, 'olive oil, fi 'soya oil' faayidaarra akka oolan agarsiisa.

Akka qorannichaatti yeroon Itoophiyaan fedhii zayitaa waggaashee keessaa dhibbeentaa 90 gosa zayitaa 'palm' jedhamuun uwwistu ni jira.

Gosa zayitaa kanas biyyaalee omishichaan beekaman kan akka Indoneezhiyaa fi Maalezhiyaa irraa bitti.

Zayita kana gara biyyaatti akka galchaniif heeyyamni kan kennames dhaabbilee mootummaa lamaan 'Ale Bejimla' fi 'Jini'ad' jedhamaniifi.

Zayitni dhaabbileen lamaan gara biyyaa galchanis gama waldaalee shamattootaan fayyadamtootaaf raabsama.

Warshaaleen zayitaa akka Fibellaa fi Shemu jedhamanis difdifa paalmii gara biyyaa galchuun zayita ni omishu.

Gosootni zayitaa kunneen biroon immoo dhaabbilee dhuunfaan biyyuma keessatti omishamu, biyya alaatiis ni galu.

Daballii gatii zayitaa tibbanaa…

Daballii gatii zayitaa tibbanaaf waraanni Raashiyaafii Yukireen, daldaltootni bu'aa olaanaa barbaadan fi sababootni biroon himamaa jiru.

Garuu omishtootni maal jedhu?

Waggaa tokko dura warshaan zayitaa Fibellaa Ministira Mummee Abiy Ahimadin eebbifamee gara hojiitti yemmuu seenutti "rakkoo hanqina zayitaa Itoophiyaa keessaa ni fura" jedhamee ture.

"Fedhii zayitaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 60 deebisuu danda'as" jedhamee ture.

Haata'u malee, qaala'uun gatii zayitaa ammallee lammiilee Itoophiyaa hedduuf yaaddoo ta'eera.

Warshichi garuu gama isaatiin "rakkooleen dhiyeessii meeshaa dheedhiin walqabatan heddu na qunnamanis wantan danda'u mara hojjechaan jira" jedha.

Daayrektarri komunikeeshinii dhaabbatichaa Obbo Saxxany Ingidaaw, warshichi waggaa tokko darbe keessatti zayita paalm liitira Miliyoona 166 omishee raabsuu isaa himu.

Warshichi difdifa zayita paalm metrik toonii kuma 105 marsaalee shaniin gara biyyaa galchuusaas dubbatu.

Zayitni liitirri tokko birrii 40 gara 82tti…

Warshaan zayitaa Fibellaa waggaa tokko dura zayita liitira tokko qarshii 40n raabsaa akka ture kan himan Obbo Saxxany, amma garuu zayita paalm liitirri tokko birrii 82n raabsaa akka jiran himu.

Daballii gatii kana taasisuuf sababootni garagaraa akka jiranis dubbatu.

Sababni inni jalqabaas dabaluu gatii difdifa zayita paalmiiti.

"Difdifa zayita paalm metrik toonii tokko doolaara 762n bitaa turre. Marsaa afraffaa irratti garuu metrik toonii tokkoof doolaara 1,361 kaffalleerra. Kan amma raabsaa jirru immoo marsaa shanaffaan doolaara 1,407n bitnee kan omishnedha" jechuun sababa daballii gatii ibsu.

Daballii gatii difdifa zayitaan dabalataan adda ciccituun anniisaa elektiriikii, hanqinni sharafa biyya alaa, rakkoon nageenyaa, daballiin gatii meeshaalee dheedhii biyya keessaafii weerarri dhibee Covid-19 qormaatawwan warshicha mudatan keessaa akka ta'an Obbo Saxxany himu.

"Fibellaan maashinoota gurguddaa qabu shaniin guyyaatti zayita hanga liitira miliyoona 1.5 omishuu danda'ullee ammatti dandeettiin omishuu keenyaa walakkaasaa qofa" jedhu.

"Sababa adda ciccituu anniisaa elektiriikiin ammatti guyyaatti liitira kuma 700 fi kuma 50 qofa omishaa jirra. Rakkoo kana furuuf jenereetaroota hammeentaa boba'aa olaanaa fayyadaman bitnee hojjechaa jirra" jechuunis daayrektarri komunikeeshinii dhaabbatichaa Obbo Saxxany Ingidaaw himu.

Dabalataan rakkoon nageenyaa naannoo Benishaangul Gumuuz keessa jiru lafa qonnaa naannicha keessaa qaban irratti meeshaa dheedhii akka hin omishneef gufuu ta'uus dubbatu.

Gama biraatiin warshaan zayitaa Fibellaa ammatti zayita liitira tokko birrii 82n raabsitootaaf dhiyeessaa akka jiru himullee sakatta'iinsa BBCn magaala Finfinneefii magaaloota naannolee keessatti taasiseen zayitni paalm liitirri tokko hanga qarshii 150, abbaan liitira sadii birrii 550 akkasumas abbaan liitira shanii immoo birrii 900ti gurguramaa jiru.

Zayitni suufii (Sunflower oil) immoo liitirri tokko birrii 180 - 190ti gurguramaa jira.

Garaagarummaan gatii olaanaa kun akkamiin uumame?

"Daballiin gatii nun ilaallatu" kan jedhan Obbo Saxxany, warshichi akkataa qajeelfama mootummaarraa kennameefitti naannolee torba fi magaala Finfinneef zayita gatii olitti eerameen raabsaa akka jiru himu.

Ogeessi gurgurtaa dhimmicha dhiyeenyatti beekufii maqaansaa akka hin eeramne gaafate immoo "gatiin omishaalee bu'uraa fedhii namoota dhuunfaa irratti hundaa'uun murtaa'a" jedha.

Akka ogeessichaatti fichisiistota omishaalee bu'uraa biratti omisha gara biyyaa seensisan irraa dhibbeentaa 30 ol buufachuun gurguruu baramaa ta'uu hima.

Fichisiistotni omishaalee gara biyyaatti galchuuf sharafa biyya alaa hanga barbaadan baankiiwwan irraa waan hin arganneef maloota birootti fayyadamuuf akka dirqamanis dubbata.

Baasii mala biraatti fayyadamuun sharafa biyya alaa ittiin argatanis gatii omishaaleerratti daballii taasisuun akka bakka buusan ogeessichi hima.

"Sharafni biyya alaa dhabameera nun jedhu"…

Fichisiitotarraa zayita bituun daldaltootafii fayyadamtootaaf kan raabsan godina Wallagga Lixaatti daldalaan magaala Mandii BBCf yaadasaanii kennan, hanqinni dhiyeessii zayitaa isaan mudachuu himu.

"Zayita magaala Finfinneefii Adaamaa irraa fidna. Amma garuu dhabneerra, fiduu hin dandeenye" jedhu daldalaan kun.

"Fichisiistota yeroo gaafannu 'sharafa biyya alaatu dhabame' nun jedhu" jechuunis himu.

Dheerachuu cancala daldalaa…

Ogeessi gurgurtaa BBCn haasofsiise dheerachuun cancala daldalaa daballii gatii meeshaalee bu'uuraaf sababa ijoo isaa biraa akka ta'e hima.

"Cancalli daldalaa baay'ee dheeraadha. Fichisiistotni omishicha buufata gogaa Mojootii kaasanii Markaatoo seensisu. Sana booda gatii itti baasanii raabsitoota jumlaaf geessu.

Raabsitootni jumlaa immoo irraa buufatanii raabsitoota naannoleerra jiraniif geessu. Raabsitootni kun immoo daldaltootatti gurguru.

Daldalaan immoo meeshaa qeenxee irratti bu'aa guddaa akka buufatutti gatiisaa murteessa. Wayita zayitichi fayyadamaa bira gahutti gatiinsaa ni tuulama" jechuun cancala daldalaa jiru ibsa.

Dabalataan wayita "zayitni badeera" jedhamutti fayyadamtootni zayita hanga isaan barbaachisuu ol bitanii mana kaa'u. Kunis fedhiin omishichaa akka dabalu akka taasisu hima.

Waraana Raashiyaafii Yukireen…

Ministeera Daldalaafii Walitti Hidhamiinsa Naannawaatti daayrektarri komunikeeshinii Aadde Ababaa Taammana, "sababni daballii gatii zayitaa tibbana mul'atee waraana Raashiyaafii Yukireeni" jedhu.

Hanqinni magaala Finfinneetti mudates kan zayita suufii (sunflower oil) malee kan zayita paalm akka hintaane dubbatu.

Yukireen biyya zayita suufii omishuun beekamtu akka taate yaadachiisun "sababa waraanichaan fichisiistotni omisha argachuu waan dadhabaniif hanqinni mudateera" jedhan.

"Kunneen doolaara mataa isaaniitin zayita bitatanillee 'gatiinsaa dabalaa waan deemuuf boruf iftaan bu'aa fooyyee irraa argachuun mala' jechuun omishicha buufata doonii Jibuutiirratti kunneen tursiisan waan jiranif hanqinni mudateera" jedhan.

Aadde Ababaan Kibxata darbe "mootummaan gabaa tasgabbeessuuf zayita liitira miliyoona 40 Saawudi Arabiyaarraa galchuuf waliigaltee xummureera" jechuun BBCti himanii turan.

"Qaamaan wal arganii waliigalteerra gahameera. Liitirri miliyoonni 20 zayita suufii (sunflower) dha. Kan hafe immoo zayita Paalm dha. Zayitni kun dhiyootti gara biyyaa ni seena, gabaas ni tasgabbeessa" jechuunis BBCti himan.

Haa ta'u malee zayita liitira miliyoona 40 bituuf waliigalteerra akka hin gahamnefii dhimmichi sadarkaa qorannoorra kan jiru ta'uu Miisteerri Maallaqaa himuusaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.