Diinagdee Itoophiyaa: Gabaa Sambataafi Dilbataa qaala’iinsa gatii furuuf hundaa’an

Oomishaalee akka xaafuu, qamadii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Oomishaalee akka xaafuu, qamadii

Magaalota Itoophiyaa garagaraa keessatti gatiin oomishaalee bu’uuraa ammas dabalaa waan jiruuf lammiilee irratti dhiibbaa uumaa jira.

Daballii gatii kanaaf akka sababaatti kan ka’an keessaa waraana biyyattii keessatti adeemaa jiruufi sababa isaatiin, gama biraan immoo rakkoo daldala al-ergii irratti mudate dha.

Dabalataan weerara koronaavaayirasii fi dhimmoota diinagdee addunyaa birootu Itoophiyaatti jireenyi qaalii tahuuf sababa jedhu namooti baayyeen irratti walii galu.

Ragaan Istaatistiksii Itoophiyaa akka agarsiisutti daballiin gatii kan bara darbeerraa bara 2014 A.L.I baatii Sadaasa keessa % 33'n dabaleera.

Kanneen keessaa oomishaaleen nyaataa baatii Sadaasa keessa harka 38 kan dabalan yoo tahu, bara darbe yeroo wal-fakkaataatti %23.2 ture.

Qaamoleen hawaasaa galii gad-aanaa qaban immoo kanneen akka malee miidhamani dha.

Qaamolee hawaasaa kana fayyadamoo taasisuuf Finfinnee fi Dirree Dhawaatti gabaan Sambataa fi Dilbataa hojii eegaleera.

Gabaan kuni maaliif hundaa’e?

Gabaan kuni gama tokkoon bittuuf gatii madaalawaa dhiyeessuuf, gama biraan ammoo oomishtootaaf carraa gabaa uumuu kan kaayyeeffatedha.

Itti gaafatamaan itti aanaa waaajira daldalaa Finfinnee, Obbo Masfin Asaffaa, torbanoota saglan darbaniif gabaan Sambataa iddoo garaagaraatti eegale kaayyoonsaa inni guddaa qaala’insa gatii magaalattii keessatti mul’atu, ‘’to’achuufi ittisuufi,’’ jedhan.

Akkasumas bittuu fi gurgurtuun kallattiin akka wal argan gochuuf akka tahe dubbataniiru.

‘’Keesumaa qaamoleen hawaasaa galii gad-aanaa qaban oomishaalee gatii madaalawaan akka argatan gochuufi kana cinatti immoo oomishtoota, qonnaan bultoota, akkasumas warshaaleen rakkoo gabaa isaanii akka furan gochuufi,’’ jechuunis BBC'f ibsaniiru.

Finfinnetti gabaan kuni guyyaa Dilbataarra kan bahu yoo tahu Dirree Dhawaatti immoo Sambatas ni dabalata.

Itti-gaafatamaan waajjira daldalaa Dirree Dhawaa Obbo Amiinuu Xahaa gabaan akkanatti hojjetu kuni kaayyoonaa qaala’insa jireenyaa hir’isuu dha jedhan.

''Keessumaa qaamoti hawaasaa galii gad-aanaa qaban gatiin otoo itti hin dabalamiin haala madaalawaa taheen akka fayyadamanisi,’’ jedhaniiru.

Dubartii teessuu yaada'aa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaatti qaala'iinsa jireenyaa mudateen hawaasni yaaddoo qaba

Gabaan kuni oomisha haala madaalawaa taheen dhiyeesssa jechuun fakkeenya kaasu.

''Qullubbiin kiloogiraama tokko, gabaa isa idileerratti hamma qarshii 40 kan gurguramu yoo tahu, gabaa Sambataafi Dilbataa kanarratti garuu hanga qarshii 28 gurguramaa,’’ jedhan.

Gabaa hundaa’e kanatti eenyu maal dhiyeessa?

Finfinneetti iddoowwan 11, Dirree Dhawaatti immoo iddoowwan afuritti gabaa guyyoota boqonnaa kanatti oomishaalee qonnaa fi warshaatu itti dhiyaata.

Kanneeen dhiyaatan keessaa xaafii dabalatee kuduraafi muduraa, zayita, daakuu, makaaroonii, paastaa, biskuutii fi saamunaa fa’i dha.

Kunis oomishaaleen kunneen ‘’gatii madaalawaan harka raabsitootaa otoo hin galiin gabaaf dhiyaatuu jechuu dha. Hawaasani gatii warshaa (factory gate price) akka argatu taasifama,’’ jechuun Obbo Amiinuun dubbatu.

Finfinneettis oomishaalee qonnaa fi warshaa wal-fakkaataa tahantu dhiyaata.

Obbo Masfin, ‘’oomishaaleen ijoo dhiyaatan kan hawaasani guyyuu itti fayyadamu dha,’’ jedhaniiru.

Oomishaalee kana kan dhiyeessan oomishtoota dhuunfaa fi gurmaa’an yoo tahan qonnaan bultoonni naannoo magaalatti jiranis oomisha isaanii dhiyeessu jedhaniiru.

Dirree Dhawaatti baatii tokkoofi torbee lama keessatti bittaa fi gurgurtaan qarshii miiliyoona 40 baasu raawwachuu Obbo Amiinuun dubbataniiru.

‘’Kunis otoo gabaa idileetiin isa qarshiin miiliyoona 10 caalaa bahuu danda’utu hafee,’’ jedhan.

Obbo Masfin gama isaaniin,’’ragaa qabatamaa akka hin qabne himuun qarshiin miiliyoona dhibbaan lakkaa’amu bahu hin oolu,'' jechuun himan.

‘’Hamma gabaa ammayyaa ijaaraa adeemnuttiifi sirna to’annoo keenyaa foyya’utti gabaan akkasii kuni itti fufa, gabaatti waanti dhiyaatus dabalaa adeema, ‘’ jedhan.

Dirree Dhawaatti immoo gandi hundi gabaa Sambataa akkasiif iddoo akka qopheessan godhamaa jira jechuun Obbo Amiinuun dubbataniiru. Haala foyya’aa taheenis itti fufuu jedhaniiru.

Itti gaafatamtoonni kunneen gabaan kuni qaala’insa gatii to’achuuf akka filannootti kan dhiyaatan tahuu eerani. Rakkoo gabaa isa idileerratti mul’atu furuuf to’annoon jalqabame cimee itti fufa jedhu.