Itoophiyaatti qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf qamadiifi zayitiin bitame

Shaqaxawwan

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY

Qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru tasgabbeessuuf jecha bittaan qamadiin kuntaala miliyoona afuriifi zayita nyaataa liitira miliyoona 12.5 gaggeeffamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Bittaan kun kan raawwatame ji'oota Onkoloolessaafi Sadaasa keessa yoo ta'u, qamadii kuntaala miliyoona afur bitame keessaa kuntaala miliyoona tokkoo ol kan ta'u gara biyyaatti galuun isaas ibsameera.

Qamadii isa hafe ammoo hanga danda'ametti saffisaan biyya keessa galchuudhaaf adeemsarra akka jiru kan ibsame yoo ta'u, gatiin qamadiis akka hin aballeef gahee mataa isaatii ni qabaata jedhe Ministeerri Maallaqaa ibsa har'a Amajji 04, 2022 fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baaseen.

Akkasumas, bittaan zayita nyaataa liitira milioyoona 12.5 raawwatames gara biyya keessaa akka galuuf adeemsarra akka jiru Ministeerichi beeksiseera.

Bittaa qamadiifi zayita nyaataa hangi isaa gudaa ta'e raawwachuun kun gatiin akka malee akka hin aballeef to'achuuf, akkasumas qaala'insa jireenyaa gama tasgabbeessuutiin faayidaa akka qabu kan ibsame yoo ta'u, gama dinageen [maakiroo] hin raafamne akka jiraatu gochuutiinis shoora taphatu qaba jedhameera.

Ministeerichiifi dhaabbileen biroon isatti waamaman yeroo gamaggamni raawwii hojii guyyoota 100 taasifametti ture kana kan ibse.

Dabalataanis, warren zayita nyaataafi daakuu alarraa galchan sharafa alaa kan ofii isaaniitiin akka galfatan taasifamuu isaatiin gatiin shaqaxawwanii bakkuma jirurra akka turu taasiseera jedhame,.

Sababii waraana Kaaba Itoophiyaafi hanqina sharafa alaarraa kan ka'een gatiin dabaluun mul'ateera kan jedhame Itoophiyaa keessatti hanga tokkos hir'insas agarsiiseera jedhameera.

Onkoloolessa darbe daballi gatii waliigalaa dhibbentaa 34.2 kan ture, ji'a Sadaasa keessa gara dhibbentaa 33.0tti hir'ateera jedheera.

Daballiin gatii ji'a Sadaasa keessa ture kan ji'a Onkoloolessaa keessa ture waliin yeroo ilaalamu dhibbentaa 1.8 kan hir;ate yoo ta'u, yeroodhuma wal fakkaatu keessa daballiin gatii shaqaxawwan midhaan nyaataa hin ta'iin ammoo dhibbentaa 1.0tiin kan dabale ta'uu ragaan argame ni mul'isa.