Diinagdee Itoophiyaa bara 2013 keessa: Qaala'iinsa gatii, jijjiirraa nootii, waraana Tigraay, hayyama telekomii ...

Diinagdee Itoophiyaa

Itoophiyaan A.L.I bara 2013 xumurtee waggaa haaraatti ce'uudhaaf guyyoota muraasatu hafa. Barri dhumaa jiru kun, biyyattiin sababii waraanaan lammileen kumaatamaan lakkaa'aman kan itti dhuman, kanneen miliyoonotaan lakkaa'aman ammoo mana ofii dhabanii rakkoo keessatti kan argaman, qaala'insi gatii daran cimee jireenyi ulfaataa yeroo itti ta'e ture.

Itoophiyaan bara xumuramaa jiru kana keessatti dhimma ijoo Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii, dubbii ijoo biyyoota gurguddoo adunyaaf, mata-duree miidiyaalee addunyaa taateetti.

Maqaan biyyattii waraana Tigraay waliin walqabsiisee beelaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin irra deddeebiin ka'aa ture. Waraanaan alattis weerarri koronaavaayirasii biyyattiirra dhiibbaa guddaa waan geessiseef bara rakkoon hamaa ishee mudate ta'eera.

Barri dhumaa jiru kun qaala'insi gatii cimaan kan itti mul'ate, gaaga'ama dinagdeerraan kan ka'e imbaasonni kan itti cufaman, biyyattii noottii birrii bara itti jijjiirtee, bara hayyamni telekoomii haaraan itti kennamedha.

Dabalataan qajeelfamoonni dhaabbileen faayinaansii ilaallatan hedduun kan itti bahan, akkasumas Itoophiyaan seera daldalaa waggaa dheeraaf ni foyyeeffama jedhamee eegamaa ture bara itti foyyeessite ture barri dhume kun.

Taateewwan ijoo dinagdee bara darbaa jiru kana keessatti mul'atan maal fa'i?

Jijjiirraa noottii birrii

Itoophiyaan A L I bara 2012 fooyya'insa diinagdee taasisuu kan jalqabde nootii birrii abbaa 10, 50 fi 100 waggoota 20 ol itti gargaaramaa turte jijjiiruun nootii birrii haaraa ifa gochuudhaan.

Biyyattiin seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaatiif nootii birrii abbaa 200 maxxansiteetti. Biyyattiin nootii birrii duraan turan jijjiiruudhaaf baasii biroo osoo hin dabalatiin maxxansiisuuf qofa birrii biliyoona 3.7 baasii gochuu ishee ministirri muummee yeroo sana beeksisaniiru.

Nootii birrii jijjiiruu kan barbaachiseef baankonni rakkoo maallaqaa isaan mudate hambisuu fi qusannaa isaanii akka guddisan, sochii maallaqaa seeraan alaa dhabamsiisuuf, gabaan akka tasgabbaa'uuf, galiin mootummaa akka gudatu taasisa jechuunidha.

Maallaqni biliyoonaan lakkaa'amu baankiin ala jiraachuun isaa hanqina maallaqa calla guddaa (Liikiwudiitii) mudachuu isaatiin walqabatee jijjiirraan nootii rakkoo kana fura jedhamee abdatameeti. Jijjiiraa sana waliin walqabsiisee qajeelfamoota bahan waliin walqabsiisuunis jijjiiramoonni mul'ataniiru.

Hangi maallaqaa harka nama tokkoo keessa taa'uu qabuus birrii miliyoona 1.5tti daangeffamuu, hanga maallaqni namoonni guyyaatti baankii keessaa baafatanii birrii kuma 200 ta'uu, akkasumas kampaanonni maallaqa calla baafachuu kan danda'an birrii kuma 300 akka ta'u daangessuuf qajeelfamoonni bahan dhimmoota gaaffii kaasan ta'anii darbaniiru.

Baankiin Biyyaalessaa yeroo sana akka beeksisetti maallaqni diinagdee keessa sosocho'u caalmaan akka ta'uufi of-eeggannoofis akka ta'utti birriin biliyoonni 262 maxxanfameera.

A L I bara 1983 keessa hangi maallaqa maxxanfamee turee miliyoona saddetti qofa kan ture yoo ta'u jijjiiraan birrii bara kanaa seenaa keessatti isa ol-aanaa ta'ee galmaa'eera.

Miidhaa waraanni Tigraay qaqqabsiise

Waraanni jalqaba Sadaasaa Tigraay keessatti jalqabame dhiiga dhangalaase namoota kumaatamaan lakkaa'aman galaafachuurra darbee miidhaa namooomaafi diinagdee ol-aanaa qaqqabsiiseera.

Waraanni kun hanga ammaatti biyyattii hangam akka baasise odeeffannoon ifa ta'e jiraachuu baatus, akka raga Tireending Ikonoomiksiitti baasiin waraanaa hanga dhuma Mudde dhuftuutti dolaara miliyoona 502 qaqqabuu danda'a jedhameera. Bara darbe baasiin waraanaa dolaara miliyoona 460 ture.

Barressaan Ol-aanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez waraanni kun kaazinaa biyyattii keessaa dolaarri biliyoonni tokko akka bahu taasiseera jedheera.

Waraanichi jalqabamee ji'oota keessatti naannoo Tigraay keessaa ji'oota sadii keessatti birriin biliyoona lama sassaabamuun irra ture argamuu dhabuu isaa ministeerri galii beeksisee ture.

Ministeerri galii dhuma Amajji irratti gabaasa raawwii ji'a ja'aa mana maree bakka bu'oota ummataa koree dhaabbii galii, baajataa fi faayinaansiif gabaasa dhiyeesseen bara bajataa kanatti sassabamuuf kan karoorfame birrii biliyoona 290 keessaa naannoo Tigraay keessaa birrii biliyoona 7.8 kan eegamu akka ture ibseera. Ji'oota sadan waraanicha duran keessatti galiin birrii biliyoona 1.8 sassaabamee ture.

Naannoon Tigraay warra gibira ol-aanaa kaffalan keessatti kan ramadamtu yoo taatu, daldala gara alaatti Itoophiyaan taasiftu keessaa naannoo Tigraay kun gahee harka sagal qabdi.harka dhibba keessaa 6 irra turerraa bara 2021 ammoo harka lama qofa akka guddatu tilmaamaeera.

Kun ammoo waggoota 20 keessatti guddina dinagdee biyyattiin galmeesisiifte isa baayyee gadi aanaa akka ta'e ragaan dhaabbata maallaqa addunyaa (IMF) ni mul'isa.

Gudinni dinagdee waliigalaa Itoophiyaa bara darbe 2020 keessa

Qaala'iinsa Gatii

Itoophiyaa keessatti qaala'insi jireenyaa hammaachaa dhufe jiraattota magaalaa hedduuf qormaata ta'uun tabba hin bahamne itti ta'eera. Agarsiiftuu qaala'insa jireenyaa kan ta'e gatiin akka malee dabaluun ji'a Hagayyaa keessa parsantaa 30.4tti gudateera.

Akka ragaan Ejensii Istaatistiksii Itoophiyaa agarsiisutti ji'a Hagayyaa keessa gatiin midhaan nyaataa parsantaa 32n gudatee waggoota kurnan baay'ee keessatti daballii gatii biyyattiin agartee hin beekne parsantaa 37.6 irra gaheera.

Gatii dabaluu shaqaxoota midhaan nyaataa yeroo ilaallu ammoo parsantaa 19 gara 20.8tti guddateera.

Midhaan gabaa keessatti gurgurtaaf dhiyaate

Madda suuraa, Getty Images

Gatiiin bakka waraanni itti gaggeeffamuufi bakka tajaajilawwan bu'uuraa hin qabnetti baay'ee kan dabale yoo ta'u, shaqaxoonni bu'uuraa hir'achaa akka jiransi odeffannoo achii bahan ni agarsiisu.

Fakeenyaaf, odeeffannoo dhuma Amajjiitiin daballii gatii midhaan nyaataa Tigraay keessatti parsantaa 36 ol ture.

Gatiin dabaluun 30 ol ta'uun isaa shaqaxoonni bu'uuraa akka gatiin isaanii qaala'u gochaa kan jiru yoo ta'u, lammileerrattis dhiibbaa dinagdee hamaa geessisaa jira.

Sirni diinagdee Itoophiyaa waggootaaf walqixxaataa hin taane, keessattuu daldalli alatti ergamuu fi alaa galu walmadaaluu dhabuun, waraanaa fi tasgabbiin dhibuun, dabaluu gatii birriin kufaa ta'uun uumame, daldalli alatti ergamu qabbanaa'uun, hanqina sharafa alaa kanneen jedhan qaala'insi jireenyaa ol-aanaan akka uumamu gochaa jiru.

Kana biratti ammoo weerarri guutummaa addunyaarratti dhalate diingadeerratti dhiibbaa taasisaa jira.

Mootummaan Itoophiyaa daballii gatii mul'achaa jiru gara dijiitii tokkootti gadi buusuun akka tasgabbaa'u yaalaa kan jiru yoo ta'u tibba kana shaqaxawwan midhaan nyaataa bu'uura ta'an yeroo hin murtoofneef qaraxaan ala akka alaa galaniif beeksiseera.

Dhuma baatii Hagayyaa irraa kaasee zayita nyaataa, sukkaaraa fi ruuzii alaa yeroo galanis ta'e biyya keessatti yeroo gurguramu qaraxaa fi taaksiirraa guutummaan guutuutti bilisa yoo ta'u qamadiin yeroo alaa galutti qaraxaafi taaksiirraa bilisa akka ta'u murteesseera.

Paastaafi makarooniin yeroo alaa galanis ta'e biyya keessatti yeroo gurguraman, akkasumas lukkuufi killeenis taaksii kan omisha caalaa calleessuun dabalaan kaffalamurraa bilisa akka ta'an murtaa'eera.

Gatiin sharfa alaa qaala'uu

Hanqinni sharafa alaa rakkoo biyyattii ijoo ta'ee waggootaaf itti fufe bara kana keessas akka malee dabaleera.

Baroota keessatti haala adda ta'een dabalee gabaan dolaaraa baankiitti tokkoon isaa birrii 45.6n sharafamaa jira.

'Gabaa gurraachaa' jedhamuun kan beekamurratti ammoo sharafni alaa dolaarri tokko naannoo birrii 70 tiin kan jijjiiramu yoo ta'u, gargaarummaan gabaa idilee waliin jiru birrii 20 ol ta'uun isaa ogeessota diinagdee dhimma yaaddesse ta'eera.

Keessatti biyyattiin yeroo gabaa sharafa alaa akka sirna fedhii gabaarra jiruun akka gaggeeffamuuf murteessuun dura gabaa jiru walitti dhiyeessuuf hojjechaa yeroo jirtutti gargaarummaan hanga kanaa uumamuun gaaffii ogeessota dinagdee ta'eera.

Dolaara

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gabaa Gurraacha irratti dolaarri tokko hanga birrii 70tti gurguramaa jira

Gatiin birrii gadi bu'uun waraana naannoo Tigraay keessatti jalqabee gara naannollee Amaaraafi Affaaritti baballateen walqabatee tasgabbii dhabuu biyyattii mudate waliin kan walqabatus ta'ee yaaliin akka birriin gatii sirrii isaaf malu qabatu (devalue) gochuufi walmadaaluu dhabuu daldalaa ta'uu beektonni ni dubbatu.

Keessattuu sirni daldala biyyattii walqixxaataa ta'uu dhabe waliin walqabsiisee daldalli alatti ergamuu fi alaa galu walmadaaluu dhabuu isaatiin alatti dhaabbileen maallaqaa idil-adunyaa mootummaan Itoophiyaa sharafni alaa biyyattii dolaara waliin akka sirratuuf waggootaaf gaafachaa turan waliin walqabateen hojiirra ooluu isaatiinis gatiin birrii akka kufu taasiseera.

Biyyattiin waggaatti meeshaa dolaara biliyoona 14 baasu alaa kan galchitu yoo ta'u, omisha dolaara biloyoona 3.4 baasu qofa alatti ergiti.

Hayama telekoomii haaraa

Industirii telekoomii waggoota 126f harka mootummaa ture banaa taasisuun Itoophiyaan hayyama telekomii kan kennite bara kanadha.

Gaba telekoomii Itoophiyaa keessatti hirmaachuuf caal-baasii idil-addunyaa taasifameen gurmuun Safaricom warra Keeniyaan durfamu dolaara miliyoona 850n mo'ateera.

Gurmuun 'Global Partnership for Ethiopia' jedhamu kun kampaanota industirii kana keessatti jiru jedhamaniifi maqaa gaarii qaban kan of keessatti qabate yommuu ta'u, isaanis Sfaricom, Voodaakom Giruup, Voodaafoon Giruup, akkasumas Sumitoomaa Korporeeshiniifi CDC Giruup kanneen jedhamanidha.

Gurmuun kun tajaajila telekoomii bara dhufu Amajjii booda kennuu eegala jedhameera.

Itoophiyaan Itiyoo-telekoom dabalatee dhaabbileen misoomaa mootummaa keessaa gahee hanga tokko gurguruuf kan murteessiteef liqaa cimaa irra jiru kaffaluuf, akkasumas tajaajila telekoomii waliin gahuuf akka ta'e himameera.

Itiyoo-telekom tajaajila sagalee, ergaafi interneetii qofa ture babal'isuun tajaajila birrii mobaayilaan dabarsuu Teelee Birri jedhamus jalqabsiiseera.

Itiyoo-telekoom waggoota shan keessatti maamiltoota miliyoona 33 tajaajiluufi maallaqa birrii Tiriiliyoona 3.5 sochoosuuf karoorfachuun isaas gabaafameera.

Dhaabbileen alaa Itoophiyaaf liqaa gadi dhiisuu diduufi liqaa akka malee dabale

Dhaabbileen maallaqaa Itoophiyaadhaaf liqeessu jedhaman liqaa dabalataa dolaara Biliyoona 11 gadhiisuu didanii harka keessa qabataa jiru jedhameera.

Yaaddoon dhaabbileen liqaa kun dabalataan biyyattiif liqeessuu didaniif dandeettiin kaffaluu ishee dadhabuu danda'a yaaddoo jedhuunidha.

Egziim Baankiin Chaayinaa dolaara Biliyoona 1.4, qaama Baankii Addunyaa kan ta'e Intarnaashinaal Develooppimant Assooseeshin dolaara Biliyoona 3.3, Dhaabbanni Mallaqa Addunyaa (IMF) dolaara Biliyoona 2.7, akkasumas kanneen biroo liqaa kennu jedhamanii eegaman hanga ammaa hin gadhiisiin jiru.

Kana waliin walqabsiisee ijaarsi pirojektoota gurguddoo gufachuu mala kan jedhus yaaddoo uumeera.

Tibba kana liqaan mootummaa Itoophiyaa keessaafi alaan osoo hin kaffalamiin ture dhuma ji'a Adoolessaa birrii Tiriiliyoona 2.4 ta'ee akka galmaa'e gaazexaan Rippoortar ministeera maallaqaa waabeffachuun gabaaseera.

Akka gabaasichaatti jijjiirraa sharafa alaa Baankiin Biyaalessaa bara darbe taasiseen gatiin birrii baay'ee gadi bu'uu isaatiinis liqaan waliigalaa biyyattii birrii Biliyoona 221.5 akka dabalu taasiseera.

Idaan biyyattii bara kana keessa dolaara Biliyoona 60 ykn omisha waliigalaa biyyattii (GDP) keessaa parsantaa 70 qaqqabeera jedhama.

Baankii Biyyaalessaafi qajeelfamoota haaraa

Baankiin Biyyaalessaa waggaa kana keessa qajeelfamoota shan caalaa baaseera. Kanneen keessaa qajeelfama herreega tokkorraa kaanitti ergu dhorku dabalatee kaappitaalli hundeeffama baankiiwwan birrii biiliyoona shan akka ta'u kan bahe ni jira.

Baatii Hagayyaa keessa baankichi adeemsa kana dura baankonni mana jireenyaa, gamoo, lafaa fi kaan qabata godhatanii liqiin inni kennamu dhorkameera.

Baankichi murtee kanarra kan gahe diinagdee biyyattii keessa shirri mul'ateera jechuun yoo ta'u dhorkaan qabeenya hin sochoone qabachiisanii liqii fudhatan inni dhorkame hanga yoomii akka turu hin ibsine.

Dabalataan, booda kana qaala'iinsa gatii saffisaan dabalaa jiru to'achuuf qusannaa baankileen qusataniifi hamma Baankii Biyyaalessaa akka kaa'an dirqama irra jiru gara 10%'tti akka guddisan murtaa'eera.

Kana dura qarshiin of eeggannoodhaaf kaa'amaa ture 5% qofa. Hammi ol kaa'an akka dabalu kan taasifame hamma qarshii diinagdee biyyattii keessa socho'u xiqqeessuuf yaadameeti.

Dabalataan, dhalli waggaa baankonni Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa irraa liqeeffatan 13% irraa 16%'tti akka guddatu ta'eera.

Akkasumas, sharafa biyya alaa ilaalchisee qajeelfamni haaraa kan bahe yoo ta'u baankiileen daldala alaa, kan namaaf ergameefi dhaabbilee miti-mootummaa irraa sharafa alaa argatan irraa 50% Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaaf galchuu qabu jedhameera.

Kunneen bara 2013 diinagdee Itoophiyaa keessatti kanneen guddatanii mul'atan keessaa muraasadha.