Waraana Tigraay: Miidhaa waraanni Tigraay diinagdee Itoophiyaarraan gahe

Madda suuraa, AFP
Waraanni Itoophiyaan ji'oota 10'f itti jiru miidhaa guddoo qaqqabsiise - kumaatamaan kan lakkaa'aman du'aniiru, miiliyoonotni qe'eerraa buqqa'aniiru, hedduun ammoo qarqaarsa fedhu.
Garuu biyyattii Afrikaatti lakkoofsa uummataan lammaffaa taate kanarra miidhaan gahaa jiru kana duwwaa miti - waraanni kun gama diinagdeen baasii guddaa baasise - kana bakkatti deebisuuf tarii waggoota hedduu fudhachuu mala.
Jiraattuu magaalaa Finfinnee kan taate shamarreen ganna 26 Tigist, baasiin ji'atti baastu sababa lamaan dabaleera jetti: waraana naannoo Tigraayitti Sadaasa dabre eegaleefi weerara koronaavaayiras.
Maqaanshee guutuun akka hin himamne kan gaafatee dubartiin kun ''Covid fi waraanaan dura baasii mana keessaaf Birrii 1,000 ji'atti baasaa ture. Amma garuu 2,000n baasa,'' jetti. ''Wanti hunduu amma qaala'eera - bilbilli, nyaannifi uffanni.''
Lakkoofsi mootummaarraa gadhiifames kanuma agarsiisa. Gatiin mi'ootaa guyyuu itti fayyadamanii qaala'eera. Kan bara dabre wajjin ennaa walbira qabamu, giddugaleessaan harka nuusaan dabaluusaatu himame.
Tigist maatii gargaaruuf supparmaarkeetii keessatti walitti qabduu maallaqaa tahuun hojjetti. Isheen baasii nyaataa oggaa dandeessu, obboleessi ishee ammoo kiraa manaa kaffala.
''Jijjiirraan doolaaraas gaarii miti,'' jetti. ''Waggaa dabre doolaarri 1 Birrii 35 ture, amma garuu 45 galeera.''
Xiinxalaa Gaanfa Afrikaa kan tahan Fayisal Roblee, baasiin waraanarratti bahe ''humna Itoophiyaan doolaara argachuuf qabdu haalaan miidheera,'' jechuun, gatiin jijjiirraas haalaan akka hammaatu taasiseera jedhu.
Waraanni Tigraay biyyattii akka baasise ifatti beekamuu baatus, akka raaga Trading Economics'tti dhuma bara kanaatti baasiin waraanaa doolaara miiliyoona 502 gaha jedha. Bara dabre doolaara miiliyoona 460 ture.
Torban dabre keessa barreessaa olaanaan UN Antooniyoo Gutereez, waraanni kun ''kaaznaa biyyattii keessaa doolaara biiliyoonaa ol fudhateera,'' jedhan.
Weerara koronaa fi waraana kanaan dura, naannichatti diinagdeen Itoophiyaa guddinaan isa saffisaa ture. Barkurnee haga 2019 jirutti waggaa waggaan giddugaleessaan %10n guddachaa turuu Baankiin Addunyaa ni hima.

Madda suuraa, Getty Images
Tigist jijjiirraa doolaaraa baankii keessaan karaa seeraan jijjiiramu kan kaafte tahus, gabaa seeraan alaa (gabaa gurraachaas jedhama) irratti gatiin Birrii garmalee kufeera. Aabba Roobleen Doolaarri takkittiin Birrii 75 fa'i gaheera jedhu.
Itti dabaluunis daldaltoonni biyyattii sodaa nageenyaa babal'achaa jiruun sodaa keessa jiraachuu himu.
Namoonni hedduun maallaqa baankii keessaa qaban hunda baasuun, gara daangaa Somaalilaanditti geessuun kanneen maallaqa jijjiiranitti kennaa jiru jedhu xiinxalaan kun. Kunis gatiin Birrii ittuu hammaachuun akka kufu dirqisiiseera jedhu.
Tigraayitti cufamuu baankii
Waraanni kun kan eegale erga paartiin naannoo Tigraay bulchu TPLF, buufata waraanaa humnoota federaalaa Sadaasa dabre haalele booda. Taateen kun kan dhalate wayita TPLF fi MM Abiy Ahimad, paartii biyya bulchu diigamuu, filannoo achi butamuufi dhimmoota kaan irrattis waldhabdee jabaa keessa wayita turanitti.
Ergasii Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, waraanni Ertiraa, humni addaa naannolee fi milishoonni waltahuun, waraana hamaa tahe kana hidhattoota Tigraay wajjin gaggeessaa jiru.
Qaamoleen gama lamaaniin jiran badii hamaa qaqqabsiisuun himatamu - gudeeddiifi ajjeechaa jumlaan isaan keessaati.
Naannoo Tigraayitti tajaajiloonni kanneen akka bilbilaafi baankii, ji'a Waxabajjii keessa finciltoonni erga magaalaa Maqalee to'atanii booda mootummaan uggurameera.

Madda suuraa, AFP
Naannichatti namoonni 400,000 ol haala beelaan walfakkaatu keessa jiru. Raabsaan deeggarsaa haalaan kan daaga'e oggaa tahu, dhiyeessiin elektrikaafi boba'aas dhumaa jira - kunis gatiin akka qaala'u godheera.
Jiraataan Maqalee Filmon Birhaane BBC Tigrinyaatti akka himetti, gatiin nyaataafi kiraa manaa haalaan olka'eera jedha.
''Baankiin waan cufameefi waajiraaleen mootummaas mindaa kaffalaa waan hinjirreef, qarshiin hinjiru,'' jedha.
Dhiibbaa caalbaasii telekoomii irratti
Akka addunyaatti waraanni kun maqaa Itoophiyaan bakka abbootiin qabeenyaa dhaqanii itti invast godhaniin qabdu miidheera jedhu ogeettiin diinagdee Irmgard Erasmus.
''Fayyadamtoonni kee qaala'insa gatiin dhiibbaan guddaan irra gaheera taanaan, guddina gama namootaan dhufu - akka US fi Eurozone keessatti arginu hin argitu,'' jedhan.
''Waliigalatti filannoon hafe invastimantiin biyya alaa guddina akka saffisuudha. Egaa kanatu balaa maqaan gaarii baduu jedhuun miidhamaa jira.''
Akka ogeettiin kun jedhanitti wayita Itoophiyaan sektara telekoomii dhaabbilee dhuunfaaf banuuf murteessite, kaampaaniiwwan addunyaa kanneen akka MTN hawwatee ture.
Dhumarra garuu kaampaanii tokko duwwaatu heeyyama lamaan keessaa tokko irratti dorgomuun milkaa'e. Kunis waltahinsa dhaabbilee Safaricom'n durfamu oggaa tahu, isaanis $miiliyoona 850 baasuuf waliigalan.
Fedhiin invastarootaa kanneen heeyyama argatan sirna maallaqa mobaayilaa keessatti hirmaachuu dhorkamuun akka sababaatti kahus, maddeen damee kanaa waraanni Tigraay invastaroota irratti dhiibbaa uumuu himu.
Dhiibbaa waraana dhaabuu
Guddinni waliigalaa Itoophiyaa bara kanaa haalaan gadi bu'eera - 2020tti %6 kan ture wayita tahu, 2021tti garuu %2 callaadha. Kunis barkurnee lama keessa isa gadaanaa tahuu ragaan IMF ni mul'isa.
Biyyattiin meeshaalee $bln 14 baasan kan galchitu oggaa tahu, $bln 3.4 qofa alatti ergiti.
Akka taajjabdoonni diinagdee kaasanitti, liqiin biyyaalessaa Itoophiyaa barana $bn60 yookis oomisha waliigalaa GDP biyyattii keessaa %70 gaha jedhu.
''Kuni tilmaama gadaanaadha,'' jedhu Aadde Erasmus. Dabaluunis baasiin waraanaa Itoophiyaa kan raagamen ol tahuu mala, akkasumas amma dura liqii hin gabaafamnes fudhatteetti jedhu.

Madda suuraa, AFP
Ameerikaan kanneen waraanicharra hirmaatanirra dhorkaa viizaa kaa'uufi deeggarsa gariin qabdus, haga ammaa hawaasni idiladdunyaa dhiibbaa diinagdee cimaa mootummaarra hin keenye - sagantaawwan deeggarsaa gurguddoos hin haqne.
Uummata biyyattii keessaa nuusa kan tahu sarara hiyyummaa biyyooleessaa gadiin jiraatu, giddugalaan galiin nama tokkoo doolaara 850.
''Badhaafamaan Noobelii MM Abiy Ahimad waraanicha tasgabbeessuu yoo baatan, carraan qoqqoobbii ittiin hammeessan jiraachuu mala,'' jedhu dhaabbata Brookings irraa Witney Schneidman.
Bulchiinsa Baayidanitti wanti rakkoo itti tahe, MM Abiy irra waraanicha akka dhaabu dhiibbaa barbaachisu irra kaa'uufi kanas Itoophiyaa haala hin miineen gochuudha jedha xiinxalaan kun.
''Wanti godhamuu danda'amu hundi harkasaanii jira, garuu uummata miiliyoona 110 harkaa qabda. Uummata guutuu kana qoollifachuu yookaan achi dhiibuu hin dandeessu,'' jedha.















