'Tuurizimiin akkaan gadi bu'us, dinagdeen Itoophiyaa guddina agarsiise' - Ministeera Maallaqaa

Madda suuraa, Eyob Tekalign/Twitter
Diinagdeen Itoophiyaa gufuuwwan garaagaraa isa mudatanillee dandamataa jiraachuu fi tasgabbaa'aa ta'ee itti fufuu Ministeerri Maallaqaa hime.
Dhibeen Covid19, rakkoon diinagdee addunyaa mudate, weerarri awwaannisaa fi rakkoon nageenyaa Kaaba biyyattiitti mudate gufuuwwan diinagdee biyyattii mudatan ta'uu kan himan Dr Iyyoob Takkaaliny, "diinagdeen biyyattii akka waliigalaatti daandii gaariirra tureera" jedhan.
Kunis bu'aa rifoormiiwwan diinagdee biyyattiin waggaa lamaa as hojiirra oolchite ta'uu Deetaan Ministirichaa ibsa Kamisa Waajjira Ministira Mummeetti laataniin himaniiru.
Rifoormiiwwan diinagdee hojiirra oolan gama sochiilee diinagdee jajjabeessuu, misooma damee dhuunfaafi carraa hojii uumuutin gumaachuu gaarii taasisuu isaaniis dubbatan.
Itoophiyaan bara 2012 guddina diinagdee dhibbeentaa 6.1n galmeessisuu kan himan Dr. Iyyoob, ragaan guddina diinagdee biyyattii bara 2013 ammatti ifoomsamuu baatus ragaalee jiran ilaaluun kan bara darbee caaluu akka danda'u himaniiru.
Haata'u malee akka raagni IMF diinagdeen biyyattii bara 2021 keessa dhibbeentaa lamaan qofa akka guddatu hima.
Akka Dr. Iyyoobitti guddina diinagdee fooyyee biyyattiif agarsiiftuu kan ta'an guddina gama dameewwan akka qonnaa fi albuudaan mul'atanidha.
"Alergiin naannoo waggoota kudhaniif guddinnisaa dhaabbataa ture itti fufiinsaan guddachaa jira. Baranas kan bara darberraa dhibbeentaa 19n guddateera" jedhan.
Akka fakkeenyaattis alergiin albuuda Warqee kan bara darberraa caalmaa dhibbeentaa 23 akka qabu himan.
Haata'u malee dameeleen guddinni irratti hin mul'anne akka jiranis kan himan Dr. Iyyoob Takkaaliny, akka fakkeenyaatti guddinni damee tuurizimii kan bara darberraa dhibbeentaa 35n gadi bu'uu dubbatan.
Qaala'iinsa gatiifi qormaatawwan biroo…
Qaala'iinsi gatii /inflation/ yeroo gara yerootti guddataa jiru dhimma jiruu lammiilee Itoophiyaa heddu miidhaa jirudha.
Deetaan Ministira Maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny, qaala'iinsi gatii qormaatawwan ijoo diinagdee biyyattii mudatan keessaa tokko ta'uu dubbatan.
Rakkoo kana furuufis tarkaanfiwwan garaagaraa fudhatamaa jiraachuu kan himan Deetaan Ministirichaa, murtee Baankiin Biyyaalessaa tibbana maallaqaan walqabatee murteesse tarkaanfilee fudhatamaa jiran keessaa isa tokko ta'uu himan.
Murteen Baankii Biyyaalessaa kun baankoonni hanga maallaqaa of eeggannoo baankii biyyaaleessaatti olkaa'uu qaban gara parsantaa kudhaniitti akka ol guddisan kan ajajudha.
Dabalataan rakkoo gama dhiyeessii omishaaleetin jiru furuun qaala'iinsa gatii to'achuuf hojjetamaa akka jirus himaniiru.
Kanaafis gosoota omishaalee qonnaa /soorataa/ 10 yookin 11 ta'an kan qaala'iinsa gatiif gumaachaa jiran irratti xiyyeeffachuun akka hojjetamus dubbatan.
Akka furmaata yeroo gabaabaattimmoo qamadiifi zayitni biyya alaatii bitamee akka seenu taasifamaa jiraachuu himaniiru. Gama biraatin hanqinni sharafa biyya alaa qormaatawwan diinagdee Itoophiyaa isaan ijoo keessaa tokko ta'uu himan Dr Iyyoob Takkaaliny.
Rakkoo kana furuuf tarkaanfiiwwan hatattamaafi yeroo bu'a qabeessa akka hintaanefi mootummaan rakkinicha bu'urarraa furuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.














