Shilingiin Keeniyaa akkamiin jiruu jiraattoota Mooyyalee ulfaataa taasise?

Maallaqa Keeniyaa, Shilingii

Madda suuraa, Getty Images

"Namni Shilingii Keeniyaa malee Birrii Itoophiyaa akka horiitti hin ilaalu" jedhu jiraattuun magaala Mooyyalee BBCn haasofsiise.

Yeroo dhiyootii as qaala'uun maallaqa biyya Keeniyaa Shilingii jiruu uummata Mooyyalee irratti rakkoo fiduu jiraattootnifi angawootni mootummaa himu.

Ijoollee kudhan akka qabanfi jireenyi itti ulaafaatuu kan himan godina Booranaatti jiraattuun magaala Mooyyalee aadde Kushaa Guyyoo, "diinagdeen nurraa fagateera. Akka itti jiraannufi daa'ima itti guddisnu wallaallee jirra" jedhu.

Kanaaf sababni immoo qaala'uu Shilingii Keeniyaan walqabatee daballiin gatii omishaalee irratti taasifamu hammaachaa deemuu isaa akka ta'e aadde Kushaan himu.

"Shilingii Keeniyaa sababa godhatanii uummata saamaa jiru," kan jedhan jiraattuun magaala Mooyyalee kun qaala'uu Shilingii Keeniyaatti qabsiisuun omishaalee biyyuma keessatti omishaman irratti daballiin gatii hin malle taasifamuu himu.

Akka fakkeenyaattis gatii bishaan saamsamaa kaasu. "Bishaan abbaa liitira tokkoo birrii 13, abbaan liitira lamaa immoo birri 17 jedhu. Bishaan kun Keeniyaarraa osoo hin taanee Itoophiyaarraa dhufa," jedhu aadde Kushaan.

Bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallicha gama isaaniitin qaala'iinsi Shilingii kun qaama qaala'iinsa gatii akka biyyaatti mudate akka hin taane himu.

Qaala'uun maallaqa biyya Keeniyaa gatiin waa bituu maallaqa Itoophiyaa gadi akka bu'u taasisuu kan himan Obbo Turaan, "kuni waan ta'e jedhamee birriin keenya akka du'u hojjetamaa jiru malee waan biraa miti" jedhan.

"Dhimmi kun uummata keenya irratti rakkoo hammaataa fide. Tokkoffaa birrii keenya gadi ajjeessan. Lammaffaammoo shilingii isaanii olkaasan. Kanaaf omishni keenya asii deemu gatii salphaan gurgurama. Omishni isaaniimmoo gatiinsaa nurratti ol ka'a" jedhan Obbo Turaan.

Ka'umsa rakkoo…

Fiixee daangaa Itoophiyaafi Keeniyaatti kan argaman bulchiinsa magaala Mooyyaleefi aanaa Mooyyalee keessa sochii diinagdee lammiilee Keeniyaafi lammiilee Itoophiyaa hirmaachisetu adeemsifama.

Maallaqni biyyaalee lamaanii Birriifi Shilingiinis bittaaf gurgurtaa omishaalee garaagaraaf faayidaarra oolu.

Horii dabalatee omishaaleen midhaanii Itoophiyaadhaa gara Keeniyaatti yemmuu gurguraman elektrooniksii dabalatee meeshaleen dhumaataafi sooratni hanga tokko immoo Keeniyaadhaa gara Itoophiyaa seena.

Haa ta'u malee yeroo muraasaa as madaalliin sharafa birrii Itoophiyaafi shilingii Keeniyaa jijjiiramaa dhufe.

Birriin Itoophiyaa bushaa'aa Shilingiin Keeniyaammoo mi'aawaa dhufe.

Rakooon kun erga waggaa lamaa as daran hammaachuu kan himan jiraattuun magaala Mooyyalee aadde Kushaa Guyyoo "kanaan dura Shilingiin Keeniyaa 100 birrii Itoophiyaa 20n sharafama ture. Amma garuu shilingiin 100 birrii 50n sharafama" jedhu.

"Namni shilingii Keeniyaa qabu akka nama doolaara Ameerikaa qabutti ilaallama. Namni birrii Itoophiyaa harkaa qabu akka nama maallaqa harkaa qabutti hin yaadamu" jechuunis dandeettiin waa bituu maallaqa Itoophiyaa daran gadi bu'uu himu.

Kunis gatiin omishaalee itti fufiinsaan akka dabalu taasisuun jireenya uummataa ulfaataa taasisuu aadde Kushaan dubbatu.

Jiraataan aanaa Mooyyalee BBCn haasofsiise Obbo Godaanaa Diidaa "daldaltootni birrii yoo argan akka waan jiibbameetti ilaalu" jechuun gatii maallaqni Itoophiyaa gabaarratti dhabe ibsu.

Bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallicha gama isaaniitin sharafni maallaqaa shilingii Keeniyaafi birrii Itoophiyaa baankiidhaan osoo hintaanee namoota dhuunfaa muraasaan kan murtaa'u ta'uu himu.

Namoota magaalaa Moyyaalee keessatti daldaluutti jiran

Madda suuraa, Galgaloo Aagaa

Eenyuun raawwatama?

Mi'aawuun gatii sharafa maallaqa Keeniyaa Shilingii kun waliigaltee daldaltoota Itoophiyaafi Keeniyaan kan raawwatamu ta'uu jiraattootni magaala Mooyyalee fi aanaa Mooyyalee BBCn haasofsiise himu.

Bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallicha gama isaaniitin abbootiin qabeenyaa naannoo Somaaleefi Keeniyaa keessa jiran wal gurmeessuun raawwatamaa jiraachuu BBCti himan.

"Abbaan qabeenyaa lama yookin sadi keessattuu naannoo Somaalee keessaa 'sharafni maallaqaa har'a haganaan ooluu qaba, haganatti gadi bu'uu qaba' jedhanii murteessu" jedhan Obbo Turaan.

"Mootummaa osoo hintaanee qaamni siyaasaa 'har'a birrii Itoophiyaa ajjeesaa. Birriin Itoophiyaa akkanatti yaa kuftu' jedhee taa'ee hojjetu jira" jechuunis himan.

"To'annoon laafaadha…"

Bulchiinsi magaala Mooyyalee fi bulchiinsi aanaa Mooyyalee walin ta'uun sharafa maallaqaa seeraan alaa /balck market/ irratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaanii himanii jiru.

Kanaafis gareen hundaa'ee hojii eegaluu dhageenyeerra.

Walitti qabaan garichaafi bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallicha, tarkaanfii sharafa maallaqaa seeraan alaa /black market/ hojjetan irratti fudhatameen namootni 14 to'annoo jala oolusaanii BBCti himaniiru.

Haa ta'u malee to'annoon gama qaamolee mootummaan taasifamu quubsaa akka hintaane jiraattootni himu.

"Rakkoon nuti ilaallee mootummaan to'annoo gochuu dhabuusaati. Torban darbe keessa namoota shilingii dhoksaan sharafan to'achuuf waajjirarraa namoota bobbaasanii turan. Erga guyyaa saniitii wanti hordoffiin taasifame hin jiru" jedhu jiraattun magaala Mooyyalee BBCf yaadasaanii kennan.

Furmaatni maali?

Qaala'iinsa jireenyaas ta'ee shilingii Keeniyaa jiruu uummata Mooyyalee qoraa jiruuf furmaatni mootummaa harka jiraachuu jiraattuun magaala Mooyyalee adde Kushaa Guyyoo dubbatu.

Mootummaan gabaa tasgabbeessuuf osoo hojjetee dansa akka ta'es himu.

Qaamolee hawaasaa garaagara, baankiiwwan akkasumas waajjiraalee mootummaa dhimma daldalaa irratti hojjetan walin marii taasisuu kan himan bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallicha, sharafni maallaqaa seeraan alaa /black market/ akka hin adeemsifamne dhorkuu isaanii himan.

Qaamoleen seeraas tarkaanfii kana raawwachiisaa jiraachusaanii dubbatan.

Haa ta'u malee namoota Keeniyaa Gaamboon ta'anii sharafa maallaqaa seeraan alaa kana hogganan to'achuun rakkisaa ta'uu bulchaan aanichaa himu.

Gama biraatin loon akka re'eefi gaalaa bifa kontirobaandiin Keeniyaatti ce'anii gurguramuurra Itoophiyaa keessatti birrii Itoophiyaatin akka gurguraman taasisuun gatii maallaqa Itoophiyaa guddisuuf akka hojjetamuus bulchaan aanaa Mooyyalee Obbo Turaa Mallicha himaniiru.

Dabalataan omishaaleen soorataa jiraattotaan barbaadaman harka caalmaan Itoophiyaa keessatti kan omishaman ta'uu isaatin uummatni meeshaalee dhumataa Keeniyaadhaa dhufan bituu hir'isuun qaala'iinsa shilingii Keeniyaa to'achuuf gumaachuu akka qabu himaniiru.

"Horii, boqqoolloofi boloqqee keenya kan nyaatamu. Shilingii salbaajiidhaan olkaasuun uummata keenyaaf bu'aa hin qabu. Kanaaf waan harkaa qabnurratti waan keenya jabeeffachuu qabna" jechuun uummataaf dhaamaniiru.