Finfinneetti manneen barnootaa dhuunfaa kanfaltii baay'ee dabalan irratti tarkaanfiin fudhatamuuf

Biiroo barnoota Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Addis Ababa education bureau

Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa dhuunfaa dhiibbaa fi kanfaltii fudhatamaa hintaanee taasisan irratti tarkaanfiin fudhatamuuf akka ta'e Biiroon Barnoota magaalattii beeksise.

Biirichi ibsa kaleessa baaseen, manneen dhibbaan lakkaa'aman daballii kanfaltii baay'ee harbeeffame taasisuusaanii hubachuu himeera.

Manneen barnootaa kunneenis tajaajila barnootaa ALI bara 2014'tiifi galmeedhaaf, haala qajeelfamni raawwii Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Qulqullina Leenjii, galmee gahumsa ogummaa fi mirkaneessuu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee baaseetiin hojjataa hinjiran jedheera.

Amma yeroonsaa murteessaafi rakkisaa ta'usaa kaasuun, kana ammoo waliin keessa bahuuf qaamooleen barnootaa hundi gaheesaanii akka gumaachaniif waamicha dhiyeesse.

''Yeroon amma keessatti argamnu kan wal gargaaruun keessa dabarru malee kan tokko isa biraa irratti dhiibbaa itti taasisu miti,'' jedhan.

Haaluma kanaanis manneen barnootaa dhuunfaa maamiltoota isaanii waliin dubbachuu fi waliigaluun akka hojjataniif biirichi akeekkachiseera.

Haata'u malee, kanneen kana darbuun hojjatan irratti haaluma eeruu dhiyaatutiin tarkaanfii cimaafi saffiisaa fudhachuuf biirichi kan duubatti hindeebine ta'u kaaseera.

Kanaan duras dhaabbileen barnootaa 41 ta'an maatiiwwaniifi biirichaaf deebii kennuufi tarkaanfiiwwan sirreeffamaa waan fudhataniif, dhorkaan irra kaa'amee ture kaafamuun gara tajaajila kennuutti akka deebi'an taasifamu kaaseera ibsi kun.

Biirichi dhaabbileen barnootaa dhuunfaa kunneen gama gahuumsa barnootaa mirkanneessuufi magaalattii keessatti carraa hojii uumuutiin gaheen qabaatan olaanaadha jedheeras.

Dhaabbileen kunneen tibba weerara Covid-19 qajeelfamoota kaa'amanii turan hordofuun hojiiwwan raawwataniif illeen beekamtii kenneera.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaa jirun, weerara koronaavaayirasiifi kaanin diinagdeen Itoophiyaa rakkoo godhachuun isaa ni beekama.