Finfinneetti baatii sadiif kiraan manaa akka hin dabalamne dhorkame

Kondominiyeemii

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ji'oota sadan itti aananiif magaalattii keessatti gatii kiraa manaa dabaluun akka hin danda'amne beeksise.

Bulchinsi magaalichaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti akka ibsetti, seera daballii kiraa manaa dhorku irratti erga mari'ateen booda sagalee guutuun mirkanneessuu hime.

Haaluma seera kanaatinis baatiiwwan itti aanan sadiif namoota kireeffatan manaa baasuu ta'e kiraa manaa dabaluun dhorkaadha jedhame.

Guyyaa seerichi itti raggaasifame ALI Hagayya 18, 2013 irraa kaasee hojiirra kan ooluudha jedhameera.

Sababiin bulchinsichi itti seera kana baaseefis, mana jireenyaa irratti sababii amansiisaa hintaaneen gatii dabaluun walqabatee jiraattonni komii dhageessisaa waan jiraniif jedhameera.

Mi'oota bu'uuraatiin alattis kiraa manaa irratti osoo haala yeroo xiyyeeffannoo keessa hingalchineefi fudhatamaa haala hintaaneen dabaluun jireenya jiraattoota irratti dhiibbaa taasisaa jiraachuu himeera.

Dabalamuu kiraa mana jireenyaa sirrii hintaane kana dhorkuun, komii jiraattootaaf deebii kennuuf murteen kun darbuu ibsameera.

Haaluma kanaanis iyyannoowwan dhiyaatan irratti erga hojiin qulqulleessuu raawwatameen booda, qaamoolee gatii dabalan irratti haaluma seerichaan tarreeffamee ka'ameetiin itti gaafatamoo akka taasifaman himeera ibsi kun.

Kana malees magaalattii keessatti qaala'insii jireenyaa dabalaa jiraachuu kaasuun, irra jiraan isaa ammoo kan amansiisaa hintaaneefi sababiiwwan nam-tolchee ta'een kan mudateedha jedhe.

Qaala'insi jireenyaa kunis jiraattoota magaalattii rakkoolee olaanaaf saaxilaa jira jedhan.

Kanaanis walqabatee mootummaan rakkoolee mudataa jiran salphisuun, dhiibbaan jireenya lammiilee irraa akka salphatu gochuuf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataa jira jedhame.

Tibba weerarri Covid-19 mudatee tureetti namoonni hedduun rakkina keessa galuusaanitiin walqabatee, jiraattonni magaalichaa miira wal gargaaruu irraa ka'uun ofumaa kiraa manaa hir'isuun wal gargaaraa akka turan kaaseera.