Leegoos: Magaalaa kiraa manaaf miliyoonni wallakkaan itti gaafatamu

Manneen jireenyaa Leegoos keessatti rakkoo olaanaadha

Madda suuraa, Reuters

Ofiin mana ijaarachuun dadhabamulleen mana dandeettii wal gitu argatanii kireeffachuun ammaan tana darggaggootattii erga cimu eegalee bubbulera.

Magaalaa daldalaa Naayijeeriyaa kan taate Leegoos keessatti kutaa baayyee xiqqoo kireeffachuuf birrii wallakkaa miiliyoonaa barbaachisa.

Naannoo magaalaa Leegoos kan baayyee ho'ituu taatee naannoo Viktoriyaa Iyilaandiitti mana kutaa lamaa kireeffachu osoo barbaaddanii, yoo xinnaate hanga doolaara kuma 22 ykn wallakkaa birrii miliyoonaa dursaan kanfalu gaafata.

Kanfaltiin dursaan gaafatamu kunis kiraa manaa waggaa tokkootti. Walumaa galattis dolaara kuma shanii hanga kuma 40 gaafatmu dandeessu.

Magaalaa kana keessatti waan abbootiin qabeenyaa gaafatan kana kanfaluu kan danda'u muraasa qofaadha.

Sababiin kireessitoonni maallaqa akkana olaanaa ta'e kana itti gaafataniifis, gatiin lafaafi ijaarsaa Leegoos keessatti baayyee qaallaa'aa ta'usaatti.

Akkasumas magaalaan Leegoos kutaa gatiin gadaanaa argachuun baayyee rakkisaadha.

Magaalaa itti kiraa manaa argachuu birriin wallakkaa miliyoonaa qabsiisuuf itti gaafatamu

Madda suuraa, GLORIA YUSUFF

Haala Kiraa haarawaa

Kireessitoonni dursa kanfaltii aragachu barbaadu. Isaafuu kanfaltii waggaa tokkoo dursaan akka kanfalaniif gaafatamu. Namni kana kaasee kanfalu hindandeenye magaalattii keessatti mana jireenyaa argachu hin danda'u jechuudha.

Sirruuyyuu amma seerri fooyya'eeti malee kireeffattoonni kanfaltii duraa kan waggaa lamaa gaafatamu danda'u turan.

Kanaafuu dargaggoonni magaalaa Leegoos haala kana dandamachuu hindandeenyees filannoon qaban walitti qabamuun mana kireeffatanii jiraachuudha.

Dargaggoo Oluwaafemiin erga yunivarsitii heebbifameen booda bara 2011 keessa gara magaalaa Leegoos dhufe.

Garuu mana jireenyaa argachuuf kanfaltii duraa kireessitoonni gaafatan kanfalu waan itti dandeenyeefu hirriyyota isaa kan biraa 10 waliin ta'uun hafaa lafa buufatanii rafu turan.

Booda keessa ammoo erga kubaaniyaa teknolojii hirriyoota isaa waliin hundessanii booda, baasii kiraa manaafi kanaan wal qabatan hirriisuuf jecha biiroo keessa bulaa akka ture hima.

Kana malees kanfaltiin tajaajila bishaaniifi ibsaaf Magaalaa Leegoos keessatti gaafatamu akkuma kan kiraa manaa sana cimaadha.

Namni mana kireessuu yoo barbaade kan kiraa manaa irraa hirrisuun tajaajila bishaaniifi ibsaatiif kanfala. Hin ta'u yoo jedhe ammoo nama kireeffatuutuu kanfaltii bishaaniifi ibsaa itti fayyadame kanfalata.

Dargaggoonni rakkina kana hundatanis walitti qabamuun waggoota sadiin dura dhaabbata tokko hundessan. Dhaabbatichis 'Fibar' jedhama.

Kaayyoonni dhaabbata kanaas karaa intarneetiitiin kireessitootaa fi misoomsitoota waliin ta'uun mana gaarii namoota kireffataniif dhiyeessuudha.

Dhaabbanni kunis kanfaltii kiraa manaa olaanaa dursaan gaafatamu hambisuun namoonni mana akka argatan taasisuudha.

Wayita ammaa kanattis dhaabbatichi kireessitoota 200 qaba. Akkasumas namoota mana kireeffachuuf galmaa'anii eeggatan maamiltoota 2,000 qaba.

Magaalaa Leegoos jiraattoonni miliyoona hedduu keessatti argaman keessattis sochiin dagaggoota kanneenii baayyee xiqqaa ta'ulleen kan danda'ameef gumaachu isaaniitti ni galatteeffamu.

Magaalaa kana keessatti minidaa gaarii qabaatamulleen kiraa manaa kanfalu nan danda'a jechuun afaan guutuu dubbachuun rakkisaadha.

Ta'ulleen ammoo Magaalattiin kutaalee xixiqqaa gatii gadaanaan jiraattootaaf dhiyeessuuf hojii ijaarsaa itti fuftee jirti.

Tarii wayita hojiin ijaarsaa manneen kanneen xumuramaniitti rakkinni mana jireenyaa jiraattoota Magaalaa Leegoos ni furama ta'aa laataa?