Dinagdeee Itoophiyaa: Barbareen Chaayinaa gabaa Itoophiyaa seenee ture eessa dhaqee?

Barbaree Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Baatii Sadaasaa keessa gatiin barbaree yeroo itti tasgabbaa'udha, sababiin isaa ammoo yeroo inni lafaa gahu yeroo itti gabaatti dhiyaachuu jalqabu waan ta'eef. Namoonnis barbaree yeroo dheeraaf ta'u mana keessatti kan qopheeffatan ji'uma kana keessadha.

Gabaa barbaree kana keessatti isa qotee gurguru, isa gidduu seenee dallaalu ykn warra qopheessanii rabsan, akkasumas warra fayyadamanitu wal gaha.

Ji'a Adoolessaa darbe irraa keessa garuu namoota warra rabsan birattti omishini barbaree kanaan dura hin baratamiin argamee ture. Innis "Barbaree Chaayinaa" maqaa jedhuun mul'atee walakkeessa ji'a Fulbaanaa keessa deebiyee baduu isaa daldaltoonni ni dubbatu.

"Barbaree kana yeroo Markaatoo, Takila-Ayimaanotii fidnu "Made in China" [kan Chaayinaatti hojjetame] jedha jechuun dubbata daldalaan maqaan isaa Birilleewu Aayewu jedhamu tokko.

BBCn madda 'Barbaree Chaayinaa' jedhame kanaa ilaalchisee Ministeera Daldalaafi Walitti Dhuufeenya Qaxanaa irraa odeeffannoo argachuuf irra deeddeebiin carraaqqiin taasise hin milkoofne.

Gabaa barbaree naannawaa Marii jedhamu daldaltoonni barbaree 30 ta'an kan jiran ta'ullee ji'a Onkoloolessaa gara walakkeessa daldalaan barbaree "barbaree Chaayinaa qabu" gaafatamee argamuu hin dandeenye.

Birilleewu akka jedhutti, barbaree Chaayinaa sana gurguraa akka ture akka irratti beekamu hin barbaadu sababiin isaa ammoo maamila dhabuu waan hin barbaadneef jedha.

Dalaltoonni barbaree rabsan naannawwaa Takila-Ayimaanotitti argaman BBCn gaafate sadiis "qabaannees, arginees hin beeknu" jedhu.

Haata'u malee, faallaa kanaatiin ammoo namni barbaree rabsu maqaan isaa Abdii jedhamu tokko namoonni barbaree rabsan baayyeen isaanii qabaachaa akka turaniifi ji'a Sadaasaa keessa omishni barbaree waan gaheef gatiin isaa tasgabbaa'uu isaarraa kan ka'een barbareen Chaayinaa gabaa keessaa bahu isaa dubbata.

Gatiin barbaree yoo xiqqaate hanga birrii dhibbaa hir'ateera. Barbareen Harar kiiloon tokko birrii 220tti gurguramuun isa gadi aanaadha.

Barbareen filatamaadha jedhamu Maaraqoon ammoo kiiloon tokko hanga birria 300tti gurgurama jechuun dubbata Abdiin. Hanga dhuma baatii Onkoloolessaa darbeetti gatiin barbaree gadi aanaan kiiloo tokkotti birria 340 qaqqabee akka ture namoonni ni dubbatu.

Barbareen ykn "Red Pepper" addunyaarratti timaatimatti aansee omisha qe'ee isaa namni soorataaf fayyadamudha.

Akka qorannoo bara 2018 keessa gaggeeffameetti addunyaarraa warri Veetinaam barbaree ykn "Red Pepper" fayyadamuudhaan tokkooffaadha jedhaman.

Itti-aansuun ammoo Indiyaafi Ameerikaa yoo ta'an biyyoonni kunneen sadan barbaree waggaatti faayidaarra oolu keessaa dhibbentaa 41 kan ta'u sooratu.

Barbaree Itoophiyaanonni jaallatan maaliif gatiin isaa takka kufee, takka ka'aa?

Akka qorannoo hayyoonni afur waggaa lama dura gaggeessanitti barbaree qonnaan-bultoonni omishan keessaa dhibbentaa 92.4 kan ta'u gabaaf kan dhiyeessan yoo ta'u kun ammoo biyyattii keessatti midhaan gabaaf omishaman keessatti akka ramadamu isa taasisa.

Qonnaan-bultoonni omisha barbaree isaanii dhibbentaa 60 ta'u daldaaltota naannoo isaaniitti argamanitti akka gurguran qorattoonni kunneen adda baafataniiru.

Ka'umsi sirii isaa Ameerikaa Kibbaa akka ta'e kan himamu barbareen, Itoophiyaa keessatti naannolee Oromiyaa, Amaaraafi kibba keessatti bal'inaan omishama.

Akka qorannoo ogeessota kanaatti rakkoon gabaa barbaree inni guddaan hir'ina galtee barbaachisaniidha. Omishini barbaree dhibee gara garaa isa balleessuuf baayyee kan saaxilamu ta'uun isaas rakkoo biraadha jeha.

Kana malees, barbaree omishuudhaaf humni namaa dhabamuunis rakkoodha akka isaan adda baafatanitti.

Barbareen yeroo dhaabamutti, haramamuufi gahee funaanamutti humna namaa baayyee barbaada.

Rakkoon gabaa barbaree keessatti mul'atu inni biraan mootummaa biraa deeggarsi dhibuu isaati.

Man-kuusni gahaa ta'e dhibuun, tajaajilli liqaa dhabamuu, odeeffannoon sirriin warra bitaniifi gurguran gidduutii dhibuufi rakkoowwan qulqullina waliin wal qabatanis rakkoo gabaa barbareeti.

Waldaa Ogeessota Dinagdee Itoophiyaa keessatti qorataa ol-aanaa kan ta'eefi gorsaa dinagdee mootummaa Itoophiyaa kan ta'e gargaaraan piroofeesaraa Sa'id Nuuruu (PhD), barbaree dabalatee omishaalee yeroo eeggatanii omishan biroo rakkoowwan gurguddoo afur mudatan qaala'insa gatiif sababadha jedha.

Rakkoon inni jalqabaa omishicha gahaa godhanii omishuu dadhabuudha. Biyyoonni sharafa alaa gahaa qaban akka Yunaayitid Arab Imiraatis (UAE) warra omisherraa fudhatanii ummata isaaniif yeroo dhiyeessanitti omisha kana biyya keessatti gahaa taasisuun omishuu baannaan hir'inni ni dhalata jedha ogeessi kun.

Kan lamaffaa ammoo omisha barbaree mala osoo hin yaratiin yeroo dheeraaf haala ittiin tursiifamuun danda'amu dhibuu isaati. Kanaaf, barbareen akkuma omisha timaatimaa osoo hin miidhamiin yeroo dheeraatiif akkaataa yeroo dheeraatiif ittiin tursiisuun danda'amurratti hojjetamuu barbaachisa.

Falli biraan ammoo omishti kun yeroo gatiin isaa gadi bu'u ykn rakasutti bitanii ol kaa'uudha jedhu ogeessonni dinagdee.

Rakkoon biraa dhiyeessaafi gabaa barbaree keessatti mul'atu industiriin omisha kanatti fooyya'insa biroo dabaluun dhiyeessan xiqqachuudha.

Yeroo hir'inni omishaa mudatutti alaa galchuun furmaata ta'aa?

Yeroo hanqinni omishaa mudatutti biyyoota sharafa alaa gahaa qabaniif furmaata sirriidha jedha Sa'id (PhD). Biyya akka Itoophiyaa rakkoo sharafa alaa qabdu kanaaf ammoo omisha akkasii alaa galchuun miidhaa qaba.

Haata'u malee, of eeggannoo cimaatiin si'a takkaa ykn si'a lama galchuu taanaan faayidaa qabaachuu mala.

Itoophiyaan hir'ina omisha barbaree mudate gutuuf biyya alaarraa galchuun furmaata waaraa miti. Kanaaf falli sirriin tekinooloojiifi muuxannoo jiru biyyoota gara garaa irraa fudhachuun akkaataa si'a lamaa ol omishuun danda'amu mijeessuu feesisa.

Qonnaan-bultoonni Itoophiyaa hojii qonnaa barbaree kanatti kan ilkaan buqqifatan ta'ee osoo jiruu akka omishaawwan industirii biyya alaatii galchuun miidhaa guddaa biyyarratti fida.

Faayidaawwan tarsiimaawaa kanneen qaban akka maashinootaa galchuudhaaf yoo ta'e malee omishaaleen qonnaa kiiloo tokkollee dhaabbataadhaan alaa galchuun sirrii miti jedha ogeessi dinagdee Sa'id (PhD).

"Warri alaa galchan qulqullina caaluun omisha qonnaa omishame gatii gadi aanaatiin galchuun dhoqqeefi biyyoo keessa gangalachuu isaaniif hambisa ta'a.

Kun garuu baramee jennaan gadheedha. Dhibaa'ummaa fida. Suppar-maarkeetii keessa fireen burtukaanaa afur birria 280tti gurgurama. Foon lukkuu qalamee qixaa'e, hanqaaquun, akkasumas shunkurtiin alarraa gala.

Haalli qilleensa biyya keenyaa mijataa ta'ee osoo jiruu kun akkamiin ta'e jehamee gaafatamuun barbaachisaadha," jedha Sa'id Nuuruu (PhD).

Waan falaa

Ji'a Fulbaanaa hanga Sadaasaatti barbaree Chaayinaa daldalaan dirqama qabatee gurguraa ture ilaalchisee daldaltoonni komii dhiyeessaa turaniiru. Barbareen kun yeroo qodaa isaa keessaa banamuu kaasee, "foolii kemikaalaa" akka qabu himama. Maamiltoonni barbaree kana bitatanis gammachuu akka hin qabne Birilleewu ni dubbata.

"Barbareen Chaayinaa kiiloon tokko birrii 250n yeroo dhufu, kan biyya keessaa garuu birria 350tti ture kan gurguramu. Garaa garummaa gatii ol-aanaa ta'e akkasiitu ture.

Maamiltoonni anarraa bitatan yeroo daakamutti bifti isaa bareedaa akka ta'e himu. Rakkoon isaa garuu yeroo nyaata keessa galudha," jechuun BBCtti hime Birilleewu.

Maamiltoonni isaas akka mufatan hin hoksine daldalaan barbaree kun.

Ogeessi Dinagdee Sa'id Nuuruu (PhD) omishaawwan qonnaa akka kanaa biyya alaatii galan dhukkuba qabatanii akka hin seenneef of eeggannoon taasifamee yaaliin taasifamuu qaba jechuun akeekkachiisa.

Daldalaan Itoophiyaa keessa jiru to'annoodhaaf mijataa miti kan jedhu ogeessi kun, biyyoota biroo keessatti daldaltoota gurguddoo lakkoofsi isaanii muraasa ta'etu jira waan ta'eef mootummaa waliin mariyatanii walii galuudhaaf salphaa taasisa. Kun qonnaan-bultoota warra omishaniifis ni hojjeta jedha.

Bu'aan kan argamu baayyee omishanii gatii gadi aana ta'een gurguruun ykn omisha muraasa gatii ol-aanaa ta'een gurguruun kan jedhu ogeessi dinagdee kun, daldaltoonni ykn qonnaan-bultoonni muraasni biyyi keessa jiraniifi omisha xiqqaa dhiyeessan aala'insi jireenyaa jiraachuun isaa kan tilmaamamudha.

"Biyyoota guddatan keessatti mootummaan kan waliin dubbatee furu suppar-maartetoota afur ykn sahn ta'an waliinidha.

Biyya keeya keessatti suuqiiwwan kuma 20 cufne oduu jedhan dhageenya. Kun ammoo caalaa akka hir'inni uumamu taasisa. Suppar-maartetiin dhiyeenya keessa Finfinneetti baname tokko ni jira. Oyiruu ofii isaa keessaa burtukaana ciree fidee kiiloo birria 30n gurgura.

Suppar-maarkeeticha irraa kanneen bitan ammoo isuma cinaatti gatii dacha ta'een kiiloo tokko birrii 60n gurguru," jechuun garaa garummaa dhiyeessitoota gurguoofi warra qinxaaboo gurguran gidduu jiru hima Sa'id Nuuruu (PhD).

Akkasumas caasaan gabaa omisha Itoophiyaa dalaalotaan dhiibbaa guddaa keessa kan jiru ta'uun isaafi namoonni ammoo omisharratti hirmaachuu caalaa gidduu-seenanii daallaluun buufataa jiraachuu filachuun isaanii rakkoo ol-aanaa ta'e biroodha jedha ogeessi kun.

Akkuma omishaalee abaabaa omishaaleen nyaataa kanneen omishan kampaanota gurguddoo gargaaruudhaan gara biyya keessaa akka dhufan hafeeruudhaan isaanirraa barachuun akka barbaachisu himu.

"Si'a takkaatti shaamaa 100 ibsuun hin danda'amu," kan jedhu Sa'id, "Shaamaa tokkorraa ka'uun garuu ni danda'a" jeha.

Omishtoonni abaabaa Keeniyaarraa wagga 10 dura gara Itoophiyaa kan dhufan filannoo Keeniyaa hordofee rakkoo uumame baqatanii akka ture, akkasumas Itoophiyaa keessattis omishni abaabaa madda shara alaa argamsiisu ta'uun isaa amanamee hojjetame.

Yeroo dhiyoo asittis abbootiin qabeenyaa dhuunfaas kan itti seenan ta'ee ce'umsi tekinooloojii saktara keessatti milkaa'e akka ta'e ibsa.

Akka Sa'id Nuuruu (PhD) jedhanitti, milkaa'inni akkasii kun dame biroorratti dabalamuu qaba.

"Furnaanni jalqabaa, lamaffaas ta'e sadaffaan tokkicha. Innis qonnaatiin of danda'uu qabnda," jechuun qonna ammayaa babal'isuun furmaata jiru tokkicha akka ta'e BBCtti hima ogeessi kun.