Midhaan harka nuusa addunyaaf kan dhiyeessan Raashiyaafi Yukireen wal waraanuun eenyufaa miidha?

Gabaa midhaanii Yaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyootni akka Yaman qamadii Raashiyaafi Yukireen irratti hirkatu

Hoogganaan Dhaabbata Nyaataa Addunyaa Daaviid Baasliiy waraannii Yukireen gatii miidhaanii qaalessuun, hiyyeeyyii addunyaarratti dhiibbaa jabaa uuma jechuun akeekkachiisan.

Biyyootni ollaa walii lameen amma waraanatti galuun dubbii ijoo addunyaa ta'an omisha midhaanii nyaataaf oolan omishuufi gurguruun addunyaa gubbaatti beekamu. Amma waraanni gidduu isaanii kun omisha midhaanii miidheera. Gatiis qaalessaa jira.

Waraanni kun biyyoota midhaan gurguran gidduutti adeemaa jiraachuun addunyaa irratti uummata hedduu beelaaf saaxilaa jedhu Beesliin.

Haalichi gaannama lafarratti arguu waliin walfakkaata jechuunis ibsan.

Raashiyaa fi Yukireen gabatee biddeenaa Awurooppaa( the breadbasket of Europe) jedhamuun beekamu. Biyyootni lameen nuusa gurgurtaa midhaanii fi walakkaa bu'aawwan suufii kan akka zayita nyaataa addunyaa to'atanii jiru. Yukireen dabalataan boqqolloo gurguuruunis addunyaarratti beekamti.

Xiinxaltootni sababa waraana kanaa omishni midhaanii danqamee, gatiin qamadii sadarkaa idila addunyaatti dachaan dabaluu mala jedhu.

Sadarkaa idila addunyaatti waggoota afran darban lakkoofsi namoota addunyaa irratti beela'uu malanii miiliyoona 80 irraa gara miiliyoona 278 dabalee jira. Amma ammoo dubbiin omisha midhaanii soortota addunyaa kun lakkoofsicha ittuu dabalaa jedhan Baasleey gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irratti.

Aanga'aan kun biyyootni addatti hanqina midhaaniin miidhaman kan amma dura miidhaan hedduu biyyoota lamaan kanaafi naannoo Black Sea irraa galfatan jiruu jedhu.

Deeviid Beesliiy

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa Deeviid Beesliiy

Libaanoos miidhaan gurgurtuufi bittu harkii 50 Yukireen irraayi. Yaman, Siiriyaa, Tuniiziyaa jedhee maqaa waamuu kaniin itti fufu hunduu maaddiin daabboo isaanii Yukireenidha'' jedhan.

Biyyoota lamaaniif ammoo soortota addunyaarraa gara warra harka biyyoota ormaa ilaaluutti jijjiiramuun hin amanamuu jedhan Beesliin.

Akka ragaa dhaabbata observatory for Economic Complexity jedhamu kaahutti bara 2019 keessa biyyi qamadii harka hedduu Raashiyaa fi Yukireen irraa bituun sadarkaa jalqabaarra turte Masriidha. Bara 2020 Chaayinaan sadarkaa jalqabaa kana fudhachuutu gabaafama.

Biyyootni 10 bara 2019 keessa biyyoota lameen kanarraa qamadii bitatan ammoo: Masrii, Tarkii, Baangilaadeesh, Naayijeeriyaa, Yaman, Azarbaajiyaan, Sudaan, UAE, Senegaaliifi Veetinaami.

Akka dhaabbatni United States Department of Agricultur(USDA) jedhutti Yukireen bara 2020/2021 qamadii toonii miiliyoona 45.8 gabaa addunyaaf dhiyeessiteetti. Kanarraas galii doolaara biiliyoona 9.4 argatteetti.

Sababa waraanaa kanaan biyyootni Gidduugala Bahaa fi Kaaba Afrikaa akkaan miidhamu jedha gabaasni Rooyitarsi.

Waraanni kun miidhaan kamuu buufataalee Yukireen keessaa fe'amee akka hin baane danqaa kan ta'e yeroo ta'u, Raashiyaa irraa bituun ammoo sababa qoqqobbiiwwan irra kaahamaa jiruuf rakkisaa ta'eera.

''Namni hunduu filannoo gabaa biraa barbaadaa jira. Raashiyaa fi Yukireen irraa kuufama jiru bituun akkaan waan hin danda'amne ta'aa jira'' jedha baankarri Middle Eastern commodities.

Daldalaan kan biroon Rooyitarsi dubbise ammoo ''Yukireeniifi Raashiyaa irraa midhaan bitanii galfachuun hanga waraanichi xumuramutti waan itti fufuu danda'u mitii'' jedha.

Biyyootni Gidduugala Bahaa fi Kaaba Afrikaa fedha nyaataa isaanii guutuuf hirkannaa guddoo Yikireeniifi Raashiyaarraa jiruuf omisha ofii jabeessuun fala itti kennuu hin danda'an. Sababni isaa ammoo hanqina bishaanii qabachuu isaaniiti. Kanaaf gabaa biraa gatii madaalawaan miidhaan itti gurguru barbaaduutu itti jira.

Biyyootni akka Masriifi Libaanos hirkannaa guddaa qamadii alaa bitamurrattii qabaniifi maatiinis baasii guddaa nyaataaf sababa baasuuf addunyaarratti biyyoota akkaan saaxilamoo ta'an keessaati jedhu ogeessi diinagdee Baankii Daldalaa Abuu Daabii Monikaa Maliik.

Akka daldaltootni jedhanitti addunyaarratti biyyi qamadii hedduu biyya ormaatii bituun beekamtu Masriin bara darbe qofa fedha qamadii ishee dhibbeentaa 80 Raashiyaafi Yukireenirraa bitatte.