Waraana Raashiyaa - Yukireen: Waraanni Yukireen dhiheessii 'soorata addunyaaf hamaadha'

Qamadii

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Eemaa Siimsan
    • Gahee, Business correspondent, BBC News

Hoogganaan dhaabbilee addunyaa gurguddoo xaa'oo oomishan keessaa tokkoo waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru dhiheessii soorataafi gatii nyaataa addunyaaf hamaadha jedhan.

Kan biyyoota 60 ol keessa sosso'u Yaaraa Intarnaashinaal Raashiyaarraa mi'a dheedhii guddaa ni bita.

Gatiin jumlaa boba'aa waan dabaleefimmoo gatiin xaa'oo dabaleera.

Hoogganaan Yaaraa, Svein Tore Holsether, haalichi hammaachuu danda'a jechuun akeekkachiisu.

Durumaa waraana dura rakkoo walxaxaa keessa jiraachuu isaanii kan himan qondaalli kuni, waraannimmoo hammeessuu dubbatu.

Raashiyaafi Yukireen biyyoota addunyaa oomisha qonnaafii dhiheessii nyaataa bal'inaan gabaaf dhiheessan keessaa muraasa.

Dabalataan, Raashiyaan galteewwan xaa'oo oomishuuf gargaaran kanneen akka potaashiifi fosfetii bal'inaan oomishti. Xaa'oon immoo midhaaniifi biqiltoota guddisuuf oola.

''Ummata addunyaa keessa walakkaan sababa xaa'oon soorata argata. Yoo xaa'oon dhibe immoo oomishi 50%'n xiqqaata,'' jechuun Obbo Holsether himu.

''Anaaf rakkoo nyaataa addunyaatti qajeella kan jedhu osoo hin taane hangam guddaa ta'u danda'a kan jedhudha.''

Gamanumaa dhaabbati isaanii waraana adeemaa jiruun miidhameera. Misaa'elli waajjira Yaaraa magaalaa Kiiv jiru rukuteera. Hojjettoonni 11 garuu hin miidhamne.

Dhaabbati buufata isaa Norweey taasifate kuni qoqqobbii Raashiyaaratti ka'ameen kallattiin dhiibbaan irra gahu hin jiru. Ta'ullee sababa geejjibni doonii rakkoo godhateef mi'a argachuun rakkisaa itti ta'eera.

Hoogganaan Yaaraa Intarnaashinaal Svein Tore Holsether

Madda suuraa, Yara International

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaan Yaaraa Intarnaashinaal, Svein Tore Holsether, durumaa sababa gatii gaaziin gatiin xaa'oo dabaluu himu

Qondaalli kuni BBC'tti dubbatanii sa'aatii muraasa booda mootummaan Raashiyaa oomishtoonni al ergii xaa'oo akka dhaaban dhaameera.

Akka hoogganaa kanaatti oomisha nyaataa Awurooppaaf galteewwan barbaachisan keessaa harki 1/4ffaa Raashiyaa irraa argama.

Xinxaltoonnii waraanni kuni baasii qonnaan bultootaa guddisee, oomisha xiqqeessuu akka danda'u himu. Kunimmoo gatiin nyaataa akka dabalu taasisa.

Yaaddoon garuu dhimma galtee qofaa miti. Xaa'oo Naayitiroojinii oomishuuf galtee guddaa kan ta'e amooniyaa oomishuuf gaaziin uumamaa hedduu ni barbaachisa.

Warshaalee isaa Awurooppaa keessa jiraniif Yaaraan gaazii Raashiyaan itti dhimma baha.

Waggaa darbe gatiin jumlaa gaazii waan dabaleef hamma Awuroppaatti oomishuu danda'u keessaa 40% kuteera.

Gatiin geejjiba doonii dabaluu, qoqqobbiin Belaarusirra (biyya biroo Potaashii bal'inaan oomishtu) ka'ame, qilleensa cimaa ta'e - kunneen bara darbe gatiin xaa'oo akka dabalu taasisan.

Raashiyaan Yukireen weeraruu kan morman qondaalli kuni, oomishi xaa'oo qonnaan bultoota bira akka gahus fedhii qabu. Kanaaf, waan lama gidduutti rakkatuu dubbatu.

Fuuladuraaf garuu addunyaan oomisha nyaataaf Raashiyaarratti of gatuu hin qabu jechuun himu.

Weerara Koovid durayyuu jijjiirami qilleensaafi lakkoofsi ummataa dabaluun oomisha nyaataa addunyaaf qormaata ta'eera. Waraanichimmoo 'cobxoorratti fanxoo,' ta'e jechuun ibsu.

''Waggoota lamaan darban, namoonni dabalataa miiliyoona 500 osoo beela'anii rafuuf siree yaabu isaanii dagachuu hin qabnu,'' jechuun sodaan beelaa biyyoota hiyyeeyyiitti akka dabalu dhaaman.