Ilaalcha Yukireen irratti: Waraanni Afrikaa keessaa maaliif hamma Yukireen xiyyeeffannoo dhabe?

Madda suuraa, AFP
Xalayaan Afrikaarraa ergamuun har'a immoo gaazexeessaan lammii Aljeeriyaa - Kaanaadaa, Maaher Mezaahi garaagartee walitti bu'iinsi Awurooppaafi Afrikaatti ilaalamurratti yaada isaa akkanaan katabe.

Hundi keenya walqixa, kaan garuu qixxeerra caalu.
Yaadi kitaaba Joorji Orweel irratti barraa'e kuni yeroo waraanni karra Gamtaa Awurooppaa irratti banamu ifatti mul'ateera.
Raashiyaan Yuukireeniin weeraruu isheen balaaleeffannaa bal'aatu mudateen. Humnoonni ciccimoo addunyaa walitti bu'iinsa dhaabsisuuf hammana waliin dhaabbachuun isaanii garuu gama Afrikaatti ija raajiin ilaalame, yaaddessaadhas.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi qoqqobbiiwwan kaan ka'amuun ni hubatama. Sababni isaas waraanni kuni gara waraana niwkilaraatti akka seenu kan fedhu hin jiru.
Dhimmi ijoo garuu waraana Afrikaa keessaa furuuf hammana walta'umsi mul'achuu dhibuun isaa ajaa'iba.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsi yaaddoo ibsuufi ergamni addaa ergamaaf ergamaa turan. Garuu, gabaasa bal'aa, akkasumas ibsi bulchitoota addunyaa kallattiin darbe hin turre. Gargaarsa taasisuufillee hammana kaka'umsi hin mul'anne.
Miiliyoononni baqachuuf dirqaman
Itoophiyaa keessatti baatiiwwan 16 darban baay'ee hamoo turan.
Kaaba biyyattiitti, sababa lola Tigraayiin, lammiileen miiliyoona lamaa ol ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru.
Dabalataan, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman balaa beelaaf saaxilamaniiru. Mootummaan ulaa deeggarsaa cufuun himatama, garuu himannaa kana hin fudhatu.
Qaamolee waraana keessa hirmaataniin yakki waraanaa raawwatuu hin oolle. Ajjeechaan jumlaafi gudeeddii akka meeshaa waraanaatti raawwatuu dhaabbileen mirga namoomaa ibsaniiru.
Miidhaan namoomaa dhaqqabsiise hamaa ta'us xiyyeeffannoon sadarkaa addunyaarra argate garuu giddugaleessa ture.
Walitti bu'iinsoonni xiyyeeffannoo hin argatiin biroos ni jiru. Amajjii keessa Kaameroon biyya waancaa Afrikaa qopheessite keessan ture.
Bakak waancaan taphatamu waan hidhattoonni socho'aniif eegumsi cimaa ture.
Yeroon tapha ramaddii Tuniziyaafi Maalii daawwachuuf bahetti dirreerraa 20km fagaatee dhukaasatu ture.
'Waraana dhugaa' Kaameruun keessatti
Lammiin Denmaark na waliin dalagu Buster Kirchner jedhamu na waliin magaalaa Kaameroon Limbee keessa ture.
''Maaher, waraanni dhugumatti adeemsifamaa jira,'' jechuun yeroo deebi'u natti hime.
''Walitti bu'iinsa xiqqoo miti. Hospitaalonni, manneen barumsaa yeroo haleelaman argeera. Ummanni rakkateera.''

Madda suuraa, AFP
Waraanni Itoophiyaafi Kaameroon BBC fi miidiyaalee kaan irratti gabaafamaa ture. Balaaleeffannaan guddaa garuu meerre?
Yaaddo Yukireen addunyaan akkana xiyyeeffannoo kenneef kan Afrikaa gaafa ta'e maaliif callise?
Hamma tokko, dhaggeeffattoonnis haala walfakkaatun hin ilaalani.
Gabaasni miidiyaa waraana Yukireen kuni sababni isaa maaliif ta'u akka danda'u agarsiiseera.
Dhoksaan yoo sanyummaallee ta'uudhaa baate walqixa nahuu dhabuun miidiyaalee bu'uurri isaanii Awurooppaafi Kaaba Ameerikaa ta'anirraa mul'ateera.
Nami oduu dhiheessu tokko baqattoonni Yukireen ''kan badhaadhan, galii giddugaleessaa kan qaban, baqattoota Jiddugala Bahaa yookiin Kaaba Afrikaarraa baqatan miti,'' jechuun isaan ibse.
Kuni baay'ee na dhibe. Biyyoonni badhaadhan ani dhaqee daawwadhe marti Baha Jiddugalaa jiru.
Yaadi biraa immoo Televijinii Faransaay irratti xiinxalaan tokko lammiileen Yukireen kan Faransaay waliin tokkodha. Sababni isaas ''akkuma keenya konkolaataa walfakkaataa oofu,'' jechuun dubbate.
Aljeeriyaa keessa akkasumas bakkeewwan biroo naannichaa keessa ilaalee: ''Nuti lammiilee Yukireen hin fakkaannuu?'' jedheen of gaafadhe.
Intarneeta gubbaa barbaadee akkan hubadhetti guddinni dinagdeefi humna namaa Yukireeniifi Aljeeriyaa walitti dhihaata.

Biyyoonni lamaanuu ummata miiliyoona 40 ol qabu. Oomisha waliigalaa biyya keessaan Yukireen addunyaarraa sadarkaa 55ffaarraa jirti. Aljeeriyaan sadarkaa 58ffaarra argamti.
Yukireen waraana cimaa qabaachuun sadarkaa 22ffaarra argamti, Aljeeriyaan 31ffaadha.
Yoo akkana ta'e, maaliif Yukireen Kaaba Afrikaa caalaa ''badhaatuu'' fi ''galii giddugaleessaa'' kan qabdu maaliif jedhu?
Lammileen Afrikaa konkolaataa bareedaa hin oofani jedhanii maaliif yaadu? Nuti Aljeeriyaatti, konkolaataa Faransaay keessa oofan oofna.
Waraana Itoophiyaafi Yukireen irratti ejjennoo osoo hin qabaatiin waraana Yukireen irratti ejjennoo qabaachuun maaliif barbaachise?
Dhalli namaa namuma. Waraannimmoo Kiiv, Landan, Bogotaas ta'u kaanitti waraanuma.
Wanti guddaa torban darberraa barre loogii dhoksaa nu keessa jiru sirreessuun dhala namaa hundaaf sagalee ta'un akka barbaachisudha.
Mee hundi keenya wal qixaan wal haa ilaallu.

Xalayaa Afrikaarraa:

















