Waraana Raashiyaa-Yukireen: Erga bara 2008 as gatiin boba'aa sadarkaa olaanaan dabale

Caasaa boba'aa

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan akkaataa Raashiyaa qoqqobuu dandeessurratti waahillan ishee waliin mari'achaa jiraachuu erga ibsitee booda gatiin boba'aa akkaataa waggoota 13n darban keessatti dabalee hin beekneen dabalee addunyaa yaaddesse.

Qaamni ka'umsa gatii boba'aa addunyaa ta'e - Brent crude- gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaaara 139 akka ga'e ibse.

Erga Raashiyaan Yuukireen weerartee as gabaan boba'aa akkaan dabalee jira, fayyadamtoonni hedduun sababa kanaan rakkoon isaan mudachuu ibsaa jiru.

Kubbaaniyyaan oomisha boba'aa kan Jappaan, Nikkei fi kan Hong Kong, Hang Seng, harka 3n erga hir'isanii booda Eeshiyaa keessatti hanqinni guddaan mudateera.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkan Dilbata kaleessaa akka dubbatanitti Pireezidanti Baayidan oomisha boba'aa Eeshiyaarra qoqqobbii kaa'uuf waahillan isaanii waliin mari'ataa jiru.

Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'ootaa US Naansii Peloosii ammoo manni marichaa boba'aa Raashiyaarraa galchuu dhaabuuf haala mijeessaa jiraachuu ibsanii, Yuukireen dandamachiisuuf ammoo Kongiresiin doolaara biiliyoona 10 ramaduu himan.

"Manni maree kun Raashiyaa diinagdee addunyaa keessaa baasuuf seera dandeessisu baasuutti jira,'' jedhan.

Sarara boba'aa

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Yuukireen Waayit Haawusiifi walumaagalatti warri lixaa Moskoorratti tarkaanfii madaalawaa fudhachuu dhabuu komachuun erga dhiibbaa uumuu eegalaniiti Ameerikaan tarkaanfii fudhachuuf akka jirtu kan ibsite.

Boba'aa Raashiyaarra qoqqobbii kaa'uun waraanicha daran kan hammeessuu fi diinagdee addunyaa akkaan kan miidhu ta'uu ogeeyyiin dubbataniiru.

''Ameerikaan tarii boba'aa Raashiyaa gara biyyaa galchuu dhaabuun uggura irra kaa'uu dandeessi ta'a, Awurooppaaf kun hin danda'amu.

''Sababni isaa Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ujummoo boba'aa gara biyyoota Awurooppaa geessu irraa kutuu danda'u waan ta'eef,'' jedha gorsaan gabaa anniisaa Vandana Hari.

Gatiin boba'aa jaarmiyaan Brent crude baasu torbee darbe keessa harka 20n dabalee ture, sababni isaas goolama gabaa addunyaa mudateen walqabatee hanqinni boba'aa mudachuu mala jedhamee waan sodaatameefi.