Muddama Yuukireen-Raashiyaa: Sodaa dhiyeessi boba'aa gufachuu mala jedhuun gatii dabale

Nama boba'aa konkolaataa isaatti guuttachaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Rakkoon Yuukireen-Raashiyaa dhiyeessii zayita boba'aafi gaazii guutummaa addunyaa irratti gufachiisuu mala soda jedhuun gatiin akka malee dabale.

Ka'umsi gatii jikita boba'aa gabaa idil-addunyaa erga waggoota turban darbanii as isa guddaadha jedhame kan qaqqabe yoo ta'u, gaafa Kibxata barmeeliin tokko $99.38 ta'eera.

Raashiyaan baha Yuukireenitti naannolee finciltootaan qabamanii jiran lama akka biyyoota walabaatti beekamtii kenniteefiif booda loltoonnishee akka naannolee kanneen seenan ajajjeetti.

UK fi biyyoonni lixaa baayyee michoota ishee ta'an biyya Sa'ud Arabiyaatti aantee zayita boba'aa gabaa alaaf erguutiin adunyaarratti lammaffaa taate Raashiyaarra qoqqobii kaa'uuf dhaadachaa jiru.

Kana malees, Raashiyaan gaazii uumamaa omishuudhaan addunyaa irratti tokkoffaadha.

Rakkoon Yuukireen-Raashiyaa gabaa zayita boba'aa irratti "dhiibbaa guddaa ni qabaata". Jalqaba ji'a kanaa irraa kaasee %10 oliin dabaluun isaas kanuma agarsiisa, jetti Suwii Tiriin Maanulaayif Invastiment Manaajimantiirraa.

Qoqqobbiiwwan akka Raashiyaan jikita boba'aa ykn gaazii uumamaa xiqqaa alatti ergitu dirqisiisu, "dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa cimaa qabaata" jetti.

Fiideliitii Internaashinaal keessatti daarektarri invastimantii Maayik Kuriin ammoo sababoota rakkoo Yuukireen, qorra Gannaa US keessatti mudatuufi hanqina invastimantii dhiyeessa zayita boba'aafi gaazii guutummaa addunyaarra jiruun gatiin boba'aa $100 darbuu danda'a jetti.

Raashiyaan gabaa zayita boba'aafi gaazii uumamaa addunyaa keessatti gahee guddaa qaan qabduuf dhiibbaa isaa bakka hunda tuquu mala jetti Maayik.

Qaqqabiiwwan US fi EUn Raashiyaarra kaa'anii waggoota baayyeef ture dinagdee Raashiyaarratti "miidhaa guddaa" qaqqabsiiseera.