Bo'oon Suweez torban tokkoof cufame Itoophiyaa akkamiin miidhe?
Kibxata darbee eegalee torban tokkoof cufamee kan ture bo'oon Suweez (Seuz Canal) biyya Masrii Wiixata ganama banamuu aanga'ootni biyyattii beeksisaniiru.
Dooniin meetira 400 dheerattu dalga galtee cirrachatti danqamuun bo'oo Suweez kan daldala addunyaa keessatti shoora olaanaa qabu cufte amma dhibbeentaa 80 soroortee jirti jedhan aanga'oonni.
Hojiin Doonii kana bakka sanaa sochoosuu itti fufeera.
Ulaan kun cufamuu isaatiin dooniiwwan meeshaalee daldalaa gara Itoophiyaa fidaa turan lama achitti danqamuu Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Itoophiyaa beeksiseera.
Dooniiwwan lama meeshaalee gara garaa fe'anii galaana Mediteraaniyaanirraan gara Jabuutii imalaa turan lamatu achitti danqamuu hogganaan dhaabbatichaa Obbo Roobaa Magarsaa BBC'tti himaniiru.
Dooniiwwan lamaan fe'uumsa isaanii waliin bo'oo Suweez kan gahan Roobii fi Kamisa darbe yoo ta'u, guyyoota shaniif achi dhaabbachuuf dirqamaniiru jedhan Obbo Roobaan.
Dooniin tokko qabeenyummaan isaa kan Itoophiyaa yoo ta'u kan lammataa kiraan tajaajila kan kennu doonii biyya biraati.
Moggaasa Asoosaa jedhamu kan kennameef doonii Itoophiyaa konteenara meeshaalee daldalaa fe'uun Tarkii irraa kan kaate yoo ta'u, dooniin lammaffaan ammoo Morokoo irraa xaa'oo fe'uun ture gara Jabuutii imalaa kan turan.

Madda suuraa, EPA
Dooniiwwan lamaanuu meeshaa yeroo irra darbu fe'anii akka hin jirre kan himan Obbo Roobaan yeroon silaa fe'uumsa itti ofirraa buusan darbuurra kan hafe miidhaan gahu hin jiru jedhan.Rakkoon akkanaa wayita ulaawwani fi buufataalee doonii hiriirri jiru kan mudatuufi baramaa ta'uus himan.
Dhiyeessii boba'aa miidheeraa?
Itoophiyaan boba'aa gara biyyaa kan galchitu karaa bo'oo Suweez waan hin taaneef dhiibbaan dhiyeessi boba'aarra gahe akka hin jirre dhaabbanni Dhiyeessii Boba'aa Itoophiyaa miidiyaa biyya keessaaf ibseera.
Itoophiyaan dhiyeessii boba'aa kan argattu irra jireessa Sa'udii Arabiyaa fi Kuweet irraa waan ta'eef b'oon Suweez cufamuun dhiyeessi boba'aa biyyattiirratti dhiibbaa hin qabaatu.
Wayita guyyoota jahaaf dooniin 'Ever Given' bo'oo Suweez cuftee turtetti dooniiwwan 367 karaa darban dhabanii danqamanii turan.
Sababa kanaanis guyyaatti meeshaaleen daldalaa doolaara biliyoona 9.6 baasan bakka gahuu malan hanqatanii danqamanii turan.

Madda suuraa, EPA
Dooniiwwan tokko tokko of duuba deebi'uun Afrikaa Kibbaarraan naanna'uuf dirqamuu gabaasaaleen mul'isan jiru.
Sababa cufamuu ulaa kanaatiin dhiyeessiin boba'aa biyyoota galoo-galaanaa fi Jiddugaleessa bahaarraa gara Awurooppaa fe'amaa ture danqaan mudateera. Sababa kanaanis gabaa Awurooppaa keessatti gatiin boba'aa dabalee ture.Wiixata ganama cirracha keessatti danqamte keessaa kan sochoofamte dooniin 'Ever Given' guyyoota itti aanaan imala akka eegaltu eegama.
Haa ta'u malee wayita ulaan kun cufamee turetti dooniiwwan 350 ol achitti danqaman wal duraa duuba hanga darbanitti yeroo dheeraa fudhatuu malu.
Qabeenyummaan ishee kan dhaabbata Jappaan 'Evergreen' jedhamuu kan taate dooniin kun konteenaroota toonii kuma 200 ulfaatan feetee turte.















