Waraana Raashiyaa-Yuukireen፡ Qondaaltonni Raashiyaa Putiin marsanii gorsaa jiran eenyufaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Yuukireen irratti waraana labsuu isaaniitiin murtee biyyoota lamaan qofa osoo hin taane addunyaarratti dhiibbaa guddaa qabu dabarsaniiru. Garuu tarkaanfii kana fudhachuuf eenyufaana mari'atan laata? Eenyuun dhagahu?
Putiin tarkaanfii waraanaan walqabatu akkanaa fudhachuuf garee ministirootaa fi qaamolee tikaa of keessaa qabu ''Siloviki'' jedhamuun beekamu waliin akka mari'atantu himama.
Haata'u malee gareen kun hagam dhiibbaa uumuu danda'a?
Namoonni dhuunfaa toora Putiin irra jiran eenyufaadha?
Sergee Laavroov- Ministira Dhimma Alaa

Madda suuraa, Getty Images
Dippiloomaatii gameessi kun tarkaanfii fudhachuurratti hagas mara humna dhabanis, waggoota 18 darbaniif biyyasaanii bakka bu'uun waltajjii addunyaarratti dubbachaa turan.
Maanguddoon umrii waggaa 71 kun michuu Putiin gaafa rakkooti, qondaaltota lixaa goyyoomsuu fi mufachiisuun beekamu.
Dhimma Raashiyaa fi Yuukireen irratti garuu haasaa dippiloomaasiin akka furamu yaada kaasu turan, garuu Putiin hin dhagahan malee.
Sergee Shooyiguu- Ministira Ittisaa

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaa sodaachisa warra lixaa irraa bilisa gochuuf jecha Yuukireen hidhannoo meeshaa waraanaan ala gochuuf karoora Putiin qabatan kan adda durummaa deeggaranii fi gargaaran qondaala kana.
Bakka hedduu waliin imalu, inumaa bakka bu'aa Putiin ta'u jedhamaa ture.
Bara 2014 wayita loltoonni Raashiyaa Kireemiyaa dhuunfatan kan beekamtii itti argatan Sergee Shooyiguu turan.
Qondaalli gameessi kun Jaarmiyaa Tikaa fi humna waraanaa Raashiyaa- GRU jedhamu hoogganaa turan, jaarmiyaan kun mormituu gameessa biyyattii Aleksii Navaalnii summeessuun himatama.
Vaalery Geraasimoov- Ajajaa Humna waraanaa
Ajajaa humna waraanaa waliigalaa waan ta'aniif, Yuukireen irratti haleellaa waraanaa banuudhaan kan jalqabarratti barbaadaman isaani.
Yeroo duraaf bara 1999 waraana Chechen jedhamu erga hooggananii booda duula waraanaa Putiin gaggeessan keessatti ga'ee olaanaa gumaachaa jiru.
Weerara Yuukireen keessattis akkasuma, ji'a darbe keessa shaakallii waraanaa Beelaaruusitti Raashiyaan gaggeessaa turte kan hoogganan isaan turan.
Nama hin kolfine yookiin yeroo hunda nama dallanu ta'uunsaanii kan himamu Jenaraal Geraasimoov, Raashiyaan Kireemiyaa fottoqfachuu keessattis ga'ee guddaa gumaachan.
Nikolaay Paatruusheev- Dursaa Mana maree Nageenyaa

Madda suuraa, Getty Images
Bara 1970oota keessaa eegalanii qondaaltota Putiin waliin jiran sadi keessaa tokko.
Qondaaltonni biroon lameen dursaa tajaajila tikaa biyyaalessaa Aleksaandar Bortnikoov fi dursaa tajaajila tikaa biyya alaa Sergee Nariishkiin jedhamu.
Garee pireezdantiitti dhiyoo jiru ''Siloviki'' jedhamuun ol jiru qondaaltonni kunneen.
Akka Nikolaay Patruusheev kan dhiibbaa uumu garuu hin jiru, inumaa Putiin waliinfaa hooggansa wal jijjiiraa yoona ga'an (aangoo pireezidaantummaarraa kan hafe).
Bara bulchiinsa koministii dhaaba KGB keessa waliin turan, jaarmiyaa Putiin bara 1999 irraa hanga 2008 bulchan, FSB itti aanuun hoogganuu danda'aniiru.
Aleksaandar Bortinikoov- Daarektara Tajaajila Nageenyaa fi Tikaa (FSB)
Qondaalli kun Pireezdanti Putiin biratti akka dhuka lafeeti, qondaaltota kaanirra akkaan dhageettii qabu.
Jaarmiyaa tikaa- FSB kan akkaan murteessaa ta'ee fi Putiin hoogganaa turan, hoogganuun akkaan amanamoo ta'uusaanii mul'isa.
Jaarmiyaan FSB jedhamu kun seera hojiitti hiiksisuu keessatti olaantummaa guddoo qaba, humna kana isa raawwachiisus kuufatee qaba.
Qondaalli kun hagana mara olaantummaa qabaatanis garuu aangoo Putiin qoruu tasumaa hin danda'an.
Sergee Nariishkiin- Daarektara Tajaajila Tikaa biyya alaa (SVR)

Madda suuraa, Getty Images
Qondaalli kun umriisaanii hojiirra mootummaa keessatti dabarsan gara caalu Putiin waliin turan.
Garuu dhimmoota biyyaa xiyyeeffannoo barbaadan irratti yaada kennuurraa of qusatu, itti gaafatamummaasaa dabarsanii pireezidant Putiiniif kennuun beekamu.
Sergee Nariiskin bara 1990oota keessa waggoota hedduuf St Peteresburg keessatti Putiiniif gaaddisa ta'aa turan, bara 2004 waajjira Putiin seenan, boodarra Afa-yaa'ii paarlaamaa biyyattii ta'an.
Summeeffamuu mormituu gameessa Aleksii Navaalnii dabalatee dhimmoota Raashiyaan ittiin himatamtu hunda haaluun beekamu.
Valantiinaa Mativiyeenkoo- Hooggantuu Mana maree Federeeshinii
Hooggantuu dubartii toora bulchiinsa Putiin keessatti arguun waan yaadamu miti, dubartiin kun garuu mana maree olaanaa biyyattii waan hooggantuuf wayita humni Raashiyaa gara biyyoota alaa imaluuf jedhu kan qajeelchitu isheedha.
Bara 2014 wayita bulchinsi Putiin Kiraayimeyaa fottokfatu kanneen cinaa dhaabbatanii tumsan keessaa tokko turte.
Garuu murtee dabarsuu/tarkaanfii fudhachuu keessatti ga'ee hin qabdu, akkuma warra kaanii.
Kun hunduu eenyu qofaasaa tarkaanfii dhumaa fudhachuu akka danda'u kan mul'isuudha- Pireezdanti Vilaadmiir Putiin.
Viktar Zolotoov- Daarektara Eegdota Biyyaalessaa
Duraan Pireezdanti Putiin eegaa kan turan, amma ammoo hoogganaa eegdotaa kan ta'an qondaalli kun pireezdanticha biratti akka loltuu dhuunfaatti ilaalamu.
Waggaa ja'a Pireezdanti Putiiniin muudaman.
Viktar Zolotoov gamasaan akkuma pireezdantichi abdatan amanummaasaa mirkaneessee argame, miseensota hanga 400,000 ta'an horachuun damee kana cimse.
Raashiyaan wayita Yuukireen weerartu guyyaa tokkotti waan karoorashee raawwattu itti fakkaate, garuu wayita kufaatiin waraanaa ishee mudachuu eegalu qondaalli kun gaafatama waraana dursuu fudhatan.
Kanneen biroon eenyufaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee biyyattii Mikhail Mishustin tibba waraanaa kana diinagdee biyyattii dandamachiisuu keessatti ga'ee olaanaa taphatu, garuu waa'ee waraanichaa murtee tokkollee dabarsuu hin danda'an.
Kantiibaan magaalaa Moskoo Sergei Sobyanin fi Hoogganaan buufata boba'aa naannawa Rosneft Igor Sechin, lameenuu michuu pireezidantichaa ciccimoodha.
Obboleewwan biiliyeenaroonni Boris fi Arkady Rotenberg, ijoollummaarraa kaasanii Putiin waliin hiriyoota turan.
Barruun Forbis bara 2020 maatii dureeyyii Raashiyaa jechuun maqaasaanii baasee kan ture obboloonni kunneen hanga ammaatti michuu jaboo Pireezdanti Putiin.














