Weerara Yukireen: Raashiyaan Yukireen haleeluun walqabatee biyyoonni murteessoon eenyuun deeggaru?

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan ollaa ishee Yukireeniin weeraruun walqabatee US fi Gamtaan Awurooppaa ifatti Raashiyaa mormuun qoqqobbiiwwaniif deeggarsa meeshaa waraanaa Yukireeniif erguun garam akka jiran agarsiisaniis biyyootni addunyaa murteessoodha jedhaman biroon ejjennoo walmakaa qabu.
Gabaasa kana keessatti biyyootni addunyaa biroon ejjennoo akkamii akka qabataniifi waan hoogganootni biyyoota kaanii Raashiyaan Yukireeniin weeraruurratti jedhan ibsina.
Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan Yukireeniin weerartee torban tokko darbus ammallee pireezidant Shii Jiinpiing hanga ammaa dhimmicha irratti homaa hin dubbanne. Gama Ministeera Haajaa Alaa biyyattii garuu ibsi baheera.
Ibsa Guraandhala 25 baafteen Chaayinaan wanti jette ''birmadummaafi tokkumaan daangaa biyyoota hundaatti nan amana'' kan jedhu. Itti dabaluunis ''Raashiyaan yaaddoo nageenyaa amansiisaa ta'e waan qabduuf dhimmi ishee akka ta'utti fudhatamee fala argachuu qaba'' jette.
Chaayinaan hanga ammaa dhimma amma Yukireeniifi Raashiyaa gidduutti ta'aa jiru ibsuuf jecha ''weerara'' jedhu hin fayyadamne.
Ogeeyyiin idila addunyaa ejjennoo Chaayinaa kanatti hedduu hin raajamne. Ji'a tokko dura Putiiniif Shiin Beejiingitti wal-arganii turan, kunis erga bara 2013 yeroo 38ffaaf ta'uu isaati.
Lameenuu waliin ta'uun adeemsa waraana ololaa ykn Cold War irratti warra lixaa akeekkachiisaniiru.
Shiin ammoo addumatti Nato isa Baha Awurooppaa keessatti babal'ataa jiru akka dhaabu dubbataniiru.
Inni guddaan garuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii weerara Raashiyaa sagalee guutuun akka hin balaaleffanne sagalee dhorkatteetti.
Indiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan Yukireeniin weeraruun erga dhagaahamee sa'aatiiwwan booda qondaalli Ministira dhimma biyyaa alaa Indiyaa Raajkumaar Raanjaan Siing biyyi isaanii walitti bu'iinsa kana keessatti eenyuunuu hin deeggartu jedhani.
Weerara kana ilaalchisee Mana Maree Nageenyaan balaaleffannaaf yeroo sagaleen kennamu Indiyaan sagalee callisaa galmeessifatte.
Mooskoofi Deelhiin dhimma ittisaa irratti hariiroo jabaa kan qaban ta'us, dhiyootti Naareendiraan Moodiin pireezidantii Yukireen Voloodmiir Zeleneskii waliin hariiroo qabaachaa turan.
Guraandhala 26 ibsa dubbii himaan mootummaa Indiyaa baaseen Ministirri Muummee biyyattii Moodiin rakkoo kana karaa nagaa furuuf waan dand;an hunda akka gumaachan beeksiseera.
Tarkii

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Tarkii Pireezidantii Tarkii Rasiip Taayip Erdohaan biyyi isaanii sababa walitti bu'iinsa kanaa hariiroo Raashiyaafi Yukireen waliin qabdu adda hin kuttu jedhan. Ankaaraan lolliifi muddamni kun hammaachuurraa akka deebi'u akka gumaachitus dubataniiru.
Miidiyaan biyyaalessaa Tarkii akka gabaasetti biyyattiin dooniiwwan waraanaa ulaa Tarkiin gara Black Sea' tti akka hin dabarre dhorkuuf waliigalteetti.
Biyyi miseensa Nato taate, Tarkiin gama Black Sea'n Yukireeniifi Raashiyaa waliin daangaa galaana ni qooddatti. Lameenuu waliin hariiroo gaarii jedhamus qabdi. Ulaa galaanaa gama Tarkiin jiru cufuun gaaffii Yukireen irraa dhiyaateedha.
Tarkiin ifatti tarkaanfiin Raashiyaan Yukireen irratti fudhattee haqa-maleessa fi seera-maleessa'' jechuun ''walitti bu'iinsi kun naannoo keenyaafi addunyaaf yaaddoo nageenyaa jabaa uuma'' jettetti.
Pireezidantiin Tarkii Erdohaan torbe darbe ibsa gama televizhinii biyyaalessaan dabarsan irratti ''Opireeshinii waraanaa Raashiyaa ni mormina'' jedhan.
Erdohaan jalqaba ji'a kanaatti Yukireeniin daawwatanii, walitti bu'iinsa Kiyeeviifi Mooskoo araarsuuf fedha qabaachuu himanii ture. Yukireen dirooniiwwan Tarkii biyya ishee keessatti omishuu akka dandeessus hayyama kennanii turan. Dirooniiwwan kunniin naannoo Donbas kan hidhattootni Raashiyaan deeggartu qabatan keessatti Yukireen ittiin lolaa jirti.
Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Ejjennoon Iraan walmakaadha. Qondaalotni Iraan gariin waraanicha ni mormu. Garuu yaadni ijoon Teehraan Raashiyaa gara kanatti kan galche dubbii barbaacha warra Lixaati kan jedhuudha.
Pireezidantiin biyyattii Ibraahiim Ra'iisii Vilaadmiir Puutiin waliin Guraadhala 24 yeroo bilbillaan haasa'an ''Nato'n babal'achuun isaa biyyoota walabaa naannoo adda addaa jiraniif yaadoo nageenyaafi tasgabbiiti'' jedhanii turan.
Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Hoseen Amiir-Abdollaahiyaan tiwiitara gubbaatti wanti maxxansan ''walitti bu'iinsa Yukireeniif hiddi isaa dubbii barbaachaa Nato'tii'' jedha. Haata'u malee ''furmaatni kanaa waraana jennee hin amannu'' jedhan.
Braaziil

Madda suuraa, Getty Images
Biyyootni LaatiinAmeerikaa hedduun Raashiyaa komataniiru. Callisni Braaziil garuu kan hin eegamneedha.
Pireezidantiin Braaziil Jeer Bolsonaaroo kan dhiyeenya kana Mooskootti imalanii gita isaanii Putiin waliin mariyatan lammiilee isaanii Yukireen keessatti danqamaniif qajeelfama dabarsuurra kan darbe yaada kennuurraa of qusataniiru.
Ministirri Haajaa Alaa biyyattii ammoo waraanni dhaabatee furmaatni dippiloomasii akka soqamu gaafataniiru. Gocha Raashiyaa kanaan ammoo opireeshinii waraanaa Raashiyaan daangaa Yukireen keessatti bakka filattee raawwattee jedhan.
Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa UN irrattis Braaziil Raashiyaa mormitee sagalee hin laanne.
Biyyoota Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images
Gamtaan Afrikaa kan miseensota 55 of keessaa qabu Raashiyaan waliigaltee idila-addunyaa fi walabummaa Yukireeniis akka kabajjuu ibsa Guraandhala 24 baaseen beeksiseera.
Dura taa'aan gamtichaa Maakii Saaliifi kan komishinichaa Muusaa Faakii Mahaammat lameenuu Mooskoofi Kiyeev ''dhukaasa dhaabanii marii siyaasaa gochuun rakkoo waraana ardii kanaa uummuu malurraa'' boodatti akka jedhan gaafataniiru.
Kanaan gamatti garuu yaadni jabaan aardii kanarraa dhagaahame kan Keeniyaati. UN'tti ambaasaaddarri Keeniyaa Maartiin Kimaanii waraanni kun eegaluu guyyaa sadii dura haasaa walgahii UN irratti godhaniin Raashiyaan Yukireen keessatti hidhattoota deeggaruu gocha bara kolonii Afrikaan walfakkaata jedhaniiru.
Daangaan ammaa biyyoota Afrikaa kan ofiin sararame osoo hin taane biyyoota dur turan boodatti jechuun London, Paarisiifi Liizbanitti sararame jedhan.
Qaama ofii biyya ture deebisanii dhuufachuu yaalii godhamu fi of babal'isuu mormaa turre ammas irra deebinee morminaa jechuun gocha Raashiyaa balaaleffatan.
Afrikaan Kibbaa Raashiyaan atattamaan humnoota ishee Yukireen keessaa haa baaftu jette. Naayijeeriyaan weerara kanaa dinqamuu malee gocha kana hin balaaleffanne dhukaasni akka dhaabatus hin gaafanne.
Waldaan biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa kan biyyoota 10 of keessaa qabu ibsa Guraadhala 27 baaseen maqaa Raashiyaa takkaahuu osoo hin dhayiin weerarichas osoo hin balaaleffatiin xumure.
Biyyoota kana keessa kan of danda'ee dubbate Singaapoor yoo taatu, ''weerara biyya walabaa irratti osoo dubbii hin barbaadamiin sababa dhiyeessuun raawwatamu cimseen balaaleffadha'' jette.
Indoneezhiyaan maqaa Raashiyaa osoo hin dhayiin ibsa kennite keessatti haleellaan waraana fudhatama hin qabu jette.
Hoogganaan Ittisaa Filippiins Deelfiin Loreenzaa Yukireenitti dhiyaannee hin jirru '' dhimmi kun nu hin galchu wanta isaan Awurooppaa keessatti hojjetan kamuu keessa hin gallu'' jechuu isaanii CNN gabaaseera.
















