Raashiyaan hidhannoo waraana Niikuleera meeqa qabdi?

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin tibba kana humni waraanaa Niikuleeraa isaanii akka of qopheessan ajajuun isaanii addunyaattii yaaddoo dabaleera.
Xiinxaltootni ammoo tarkaanfiin Puutiin kun biyyoonni kaan Yukireeniin deeggaruu akka itti hin fufne akeekkachiisa dabarsuufi jedhu. Kaayyoon isaas meesha waraanaa kanatti fayyadamuu mitii jedhu.
Biyya addunyaa jalqabaa meeshaa waraanaa niikuleera erga hidhattee amma waggootni 80 darbaniiru. Biyyootni addunyaa hedduun nageenya biyyaalessaa isaaniif yaaddoo ta'uu amanuun hidhachuu itti fufaniiru.
Raashiyaan meeshaa waraana niikuleeraa meeqa qabdi?
Meeshaan niikuleeraa Raashiyaan qabdi jedhamu kan tilmaamaan kaahamu yoggaa ta'u, Federeeshiniin Saayintiistota Ameerikaa Raashiyaan fiixee misaayelaa neekuleera baatu 5,977 qabdii jedha.
Kunniin keessaa ammoo 1,500 kan ta'an hojiin ala waan ta'aniif dhabamsiifamuu qabu jedhan.
Kan hafan 4,500 kan ta'an ammoo meeshaalee niikuleeraa tarsiimawaa kan akka misaayela baalastiikii ykn rookkeettii kan fageenya dheeraa furguggifamanidha. Kunniin kan niikuleera waliin walqabataniidha.
Kanneen hafan ammoo xixiqqo, meeshaalee niikuleeraa badii guddoo hin geessifne, fageenyaa gabaabaa furguggifaman kan dirree lolaafi qaama bishaanii keessa dhukaafamaniidha.
Kana jechuun garuu Raashiyaan meeshaa niikuleeraa fageenya dheeraa furgiggifamu kan ammatti qophaa'ee taa'e kumaatamaan hin qabdu jechuu miti.
Ogeeyyiin akka jedhanitti fiixeewwan misaayelaa niikuleera baatanii furguggifaman 1,500 ta'an buufata misaayelaafi boombiitti ykn ammoo qaama bishaanii keessatti qophii fixatanii eegaa jiru.
Kuni biyyoota kaan waliin yoo walbira qabamu maal fakkaata?
Addunyaarratti biyyootni sagala meeshaa waranaa niikuleeraa qabu.
Isaanis Chaayinaa, Firaans, Indiyaa, Israa'eel, Kooriyaa Kaabaa, Paakistaan, Raashiyaa, US fi UK dha.
Raashiyaan dhuka'aa niikuleeraa 5,977 qabdii jedhamee kan tilmaamamu yeroo ta'u, Nato keessaa ammoo sadii US, Firaansiifi UK'n walitti 5,943 qabu.
Kana keessaa US dhukaa'aa niikuleeraa 5,428 qabdi.
Baayyina fiixee niikuleera dhuka'aa qabaniin kan itti aanan Chaayinaa, Paakistaan, Indiyaa, Israa'eelii fi Kooriyaa Kaabaati.

Chaayinaa, Firaansi, Raashiyaa, US fi UK'n biyyoota addunyaa 191 fayyadama meeshaa niikuleeraa daangessuuf waliigaltee idila addunyaa qophaaye Non-Proliferation of Nuclear Weapons (NPT) mallatteessan keessaati.
Akka waliigaltee kanaatti biyyootni hunduu hanga dhuka'aa niikuleera isaanii daangessuufi dhabamsiisa isaarratti waliigalan.
Bara 1970-80 ammoo hanga dhuka'aawwan kanaa man-kuusaa keessa kaahamus daangessuu danda'eera.
Indiyaa, Israa'eliifi Paakisataan hanga ammaa waliigaltee kana kan hin mallatteessine yeroo ta'u, Kooriyaan Kaabaa ammoo bara 2003 waliigaltee mallatteessitee turte keessaa baateetti.
Israa'eel biyyoota niikuleera hidhataniiru jedhamanii ofii qabaachuu hin amanne keessa tokko yeroo taatu, kaan garuu qabdii jedhee amaneera.
Raashiyaan qabdii jettee kan himattuun Yukireen hanga ammaa meeshaa kana qabaachuu ragaan agarsiisu hin jiru.
Meeshaaleen niikuleera badii hangamii geessisu?
Meeshaaleen niikuleeraa badii guddaa geessisuuf kaayyeffamanii hojjetamu.
Badiin isaan geessisan wantoota kan biroo muraasa irratti hundaa'u keessaa:
- Hanga fiixee niikuleera
- Lafarraa fageenya hangamiirratti akka dhuka'u
- Naannoo itti argamu
Haata'u malee fiixeen misaayeela xiqqaa niikuleera baattulle lubbuu hedduu gaaga'uun dhiibbaa biroo yeroo dheeraaf turu qaqqabsiifti.
Bara waraana lammaffaa boombiin niikuleeraa US magaalaa Jappaan Hirooshimaa irratti dhukaafamee lubbuun namoota 146,000 gaaga'e kilootoonii 15 ulfaata.
Fiixeen dhuka'aa niikuleera amma jiran ammoo kilootoonii 1,000 ol ulfaatu.
Bakka haleellaan kun itti raawwatutti namni lubbuun ooluuf carraa qabu hedduu xiqqaadha jedhamee amanama.
Erga boombichi dhoyee booda, ibiddi akka kubbaa guddaa fi dambaliin dhuka'aa sanii fageenya km hedduun gamoowwaniifi ijaarsota jiran mancaasa.
Ittisni niikuleeraa maali, attamiin hojjeta?
Meeshaa niikuleeraa hedduu qabaachuuf sababni dhiyaatu humna niikuleera qaama biraa haleellaa raawwatuu guutummaatti qolachuun ittisuu kan jedhudha.
Yaada kana ibsuuf jechi 'mutually assured destruction (Mad)' jedhu hojiirra oolaa jira.
Hidhannoon meeshaa niikuleeraa addunyaarratti dabalaafi teeknikaaniis guddachaa jiraatus, erga bara 1945 lola irratti hojiirra oolee hin beeku.
Raashiyaan akka imaammataatti meeshaa niikuleera haleellaa ittisuuf qofa kan itti fayyadamtu ta'uufi sababawwan afur itti fayydamuuf dirqamtu tarresiteetti.
- Yoo haleellaan misaayela baalastikii daangaa Federeeshinii Raashiyaa keessatti yoo raawwate
- Federeeshinii Raashiyaa ykn michoota isheerratti haleellaan niikuleeraa yookan meeshaa biraa dhala namaa fixu yoo raawwatame
- Dandeettii niikuleeraa Raashiyaa yaaddessuun buufataaleen waraanaa ykn mootummaa ijoon Federeeshinii Raashiyaa yoo haleelaman










