Weerara Yukireen: Hireen Yukireen gara fuula duraa maal ta'aa?

Loltoota Yukireen

Madda suuraa, Reuters

Amma falmiin jalqabameera, fakkeessuun hafeera. Dippilomaasiin ammoo baddu-baheera. Kanaaf, hireen gara fuula duraa maal ta'uu danda'a? Biyyoonni Lixaa Putiin dhaabuudhaaf maal gochuu danda'u?

Kanaaf, itti aanee maaltu ta'a?

Loltoonni Raashiyaa magaalaa Yukireen keessatti guddinaan sadarkaa lamaffaa irratti argamtu Kaarkiiviin qabatanis, loltoonni Yukireen deebisanii to'achuu himan.

Wanti guddaan Raashiyaan milkeessuu barbaadu tokko magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeev qabachuudha. Haata'u malee, magaalattiin salphaatti kan harka kennitu hin taane. Waraanni Raashiyaa magaalattii qarqara gahullee dura dhaabbachuu cimaatu mudate.

Pirezidant Putiin biyya hollaa Raashiyaa garuu michuu biyya warra Lixaa taate Yukireeniin akka fedhii Mooskootti tolchuudhaaf karoora qondaaltonni waraanoo olaanoo baasan karra cufatanii mariyachaa turan.

Karoorri waraanichaa kallattii sadii kan hordofedha. Kallattii kaabaa, bahaafi kibbaan haleeluu kan hammatedha.

Loltoonni lafoofi taankii qabatan osoo hin seeniin dura daandiin akka qulqullaa'uuf halellaawwan madiifi misaa'elaa ni taasifamu.

Putiin pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin atattamaan aangoo isaa gadi dhiisee akka harka kennu barbaada. Itti aansuun ammoo mootummaa Mooskootiif ajajamu bakka isaa akka bu'udha.

Kaayyoon isaa ammoo magaalaawwan keessatti mormiin ummataa akka itti hin fufne dhorkuufidha.

"Milkaa'eefii yeroo gabaabaa keessatti Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeev to'attee jennaan, milkaa'ina waraanaafi siyaasaa dhiibbaa uumuu danda'udha," jedhu dhaabbata qorannoo tarsiimoo idil-addunyaa irraa Biriig Been Baarii

"Haata'u malee, mootummaa Yukireen dhabamsiisuu dhabuu mala. Sababiin isaa ammoo teessoo mootummaa haaraa biyyattii gara Lixaarraan hundeessuudhaaf karoorri baheera.

Waraannni Raashiyaa guutummaan guutuutti akka karoorfametti hin deemne. Tiki Ittisa Biriteen akka jedhetti, loltoonni Raashiyaa dhibbootaan lakkaa'aman ajjeefamuufi mormiin jabaanis mudateera.

Haata'u malee, gara fuula duraatti imaluu isaanii itti fufaniiru. Waraanni Raashiyaa lakkoofsaan kan Yukireen ni caala. Caalmaan isaa tokko sadiitiifidha. Ciminni gaggeessitoota loltuu Yukireeniifi yeroo hangamiitiif waraanaa turuu danda'u gaaffileen jedhan jiru.

Ofirraa Ittisuu

Sochiin ofirraa ittisuun cimee itti fufeera. Waamichi sadarkaa biyyaattis dhiyaateera. Namni umuriin isaanii gahe hundinuu waraanatti akka makamaniif waamichi taasifameera.

Jiraattota magaalaa Yukireen, Kiyeev keessa jiraatan kuma 18 ta'an ammoo akka duulaniif qawween qoodameeraaf.

Kanarratti ammoo humni waraanaafi humni eeggataas cimee hojii ittisuu hojjechaa jira.

Iji Putiin yaaddoodhaan biyyoota Awurooppaa Bahaa Raashiya waliin wal daangessan ofirratti eeggattis. Barreessaan Ministirri Ittisaa Istooniyaa Kustii Saalim Yukireeniif gargaarsa loltummaa dabalataa akka taasifamuuf warra gaafatan keessaa tokkodha.

"Akka misaa'eloota farra taankii, farra xiyyaarotaa, rasaasaawwaniifi humna ittisaa abalatee meeshaaleen waraanaa kennuufiif nurra jira. Hawaasni NATO hunduu isaan gargaaruu qabu," jedhan.

Raashiyyan biyya baayyina ummataa miliyoona 40 qabdu Yukireen jirbeeffachiisuuf hanguma yeroo fudhataa deeme rakkoon ishee mudachuu danda'a.

Mormii biyya isaanii keessa jiru kamiyyu kan ukkaamsan Pirezidant Putiin, waggoota lamaan darban keessa akkamitti akka Belaaruus mormii haala milkaa'aa ta'een ukkaamsites ni hubata.

Mormitoota Raashiyaa keessaa

Madda suuraa, Reuters

Poolisiin mormitoota walitti qabee mana hidhaatti naqeera. Namoonni hedduun mana hidhaa keessatti reebichiifi hiraarsuun hamaan irra gaheera. Kun ammoo mormiidhaaf gufuu guddaa ta'eera.

AKka Biriing Baarii jedhanitti, "Raashiyaan meeshaa basaasaa foyyaa'aafi hacuuccaa baayyee hamaa Chaayinaan Shiinjiyaang irratti fayyadamte caalaa gargaaramti. Mootummoota finciltoota gargaaran fudhachuuf akka jirtu sodaachisuun Raashiyaa jiraachuu danda'a."

NATOn eessa jira?

NATOn ta'e jedhee Yukireenitti hin argamu. Biyyoonni Lixaa akka isaan gargaaraniif Yukireen waywaattullee NATOn loltoota isaa Yukireenitti erguu dhiisuu murteesseera.

Maaliif? Yukireen miseensa NATO miti. Kana malees, NATOn ifatti Raashiyaa waliin waraanatti seenuu hin barbaadu.

Weerarri Raashiyaan Yukireen irratti bante yeroo dheeraaf turraan akkuma Ameerikaan baroota 1980 keessa Mujaa'id warra Paakistaan deeggarte sana mootummoonni biyyoota Lixaa finciltoota Yukireen sirriitti deeggaruu akka danda'an tilmaamuun ni danda'ama.

Putiin ammoo tarkaanfii haaloo bahuu fudhachuu waan danda'uuf yaaddoon ni jira.

Hanga sanaatti garuu NATOn daangaawwan gama Bahaan jiran cimsee eegaa jira.

Dura ta'aan Koree Ittisaa Paarlaamaa UK Toobiyaas Ilwuld, "Kun Awurooppaatiif mallattoo akeekkachiisaa cimaadha. Amma hariiroo abbootii irree waliin qabnu irratti karoora keenya cimsachuu qabnda," jehan.

Walitti bu'insi kun kan kanarra hammaate ta'uu danda'a?

Oduun kun warra Yukireeniif gammachiisaa miti.

Bara 1991 Yukireen Mooskoo irraa adda baatee bilisa akka taatu sagalee kan kennaniifi abbaa qabeenyaa meeshaa nukilaraa ta'uu isaanii warri dhiisan, yeroo Yukireen irra deebiin Raashiyaa jalatti kufnaan yaaddoon waggoota 30f duubatti deebiyuu jira jechuudha.

Gaaffiin ballaa gaggeessitoota adunyaa yaaddessaa jiru Pireziant Putiin Yukireeniin booda maal gochuudhaaf yaadaniiru isa jedhudha.

Ajajaan humna ittisaa NATO haasaa dheeraa Waxabajji 2021 taasisan yeroo goolaban, Putiin ija isaanii biyyoota akka fi Istooniyaa irra hin godhanneef daangaawwan gama bahaa jiran akka hin cabneef NATON humna isaa gama sanaan jiru jabeeffachuu qaba jedhanii ture.

Putiin ammoo kana godhuu laata?

Toobiyaas Iliwuud, "Karoora waan qabu natti fakkaata. 'Waraana xiqqaa' kan ta'e kakkaasuudhaaf loltoota Yuunifoormii hin uffanne erguudha. Gara biyyoota Baalkaanitti akka hin baballanne nan sodaadha," jedhan.

NATON qophaa'uutiin ala carraa biraa hin qabu. Xiyyaarota waraanaa 100 ol ta'an qopheessee kaa'eera. Biriteen biiyyoota humna dabalataa gara Istooniyaatti ergan keessaa ishee jalqabaati.

"በWaraanni UKtiin durfamu [Istooniyaa kan jiru] qofaa isaa biyya meeshaa nukilaraa hidhachuun addunyaa irratti lamaffaa taate ni ittisa jedhee kan yaadu hin jiru. Kun US, UK fi Firaans dabalatee biyyoota miseensa NATO dhimma kakaasudha," jedhan itti dabaluun.

Waraanni raashiyaa gara biyyoota miseensa NATO ta'anitti ni gala kan jedhu yeroo dhiyootti kan yaadamu hin turre. Kun taanaan Raashiyaafi NATOn waraana walirratti banu jechuudha.

Kun hanga ammaatti hin taane. Biyyoonni Lixaa tarkaanfii waloo qindaa'aa ta'e fudhachuudhaan, qoqqobbiiwwan dinagdee ciccimoo itti dabaluudhaan ergaa cimaan Mooskoo ni qaqqaba jedhanii abdii qabu.