Weerara Yukireen: MM Abiy rakkoo Yukireen keessa jiruuf qaamoleen hunduu akka of-qusatan waamicha dhiyeessan

MM Abiy Ahmad

Madda suuraa, Feesbuukii MM Abiy Ahmad

Ministerri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) rakkoo Yukireen keessatti dhalateef qaamoleen hundumtuu akka of-qusataniif waamicha dhiyeessan.

MM Abiy ergaa waraana Raahiyaa-Yukireen ilaalchisuun fuula miidiyaa hawwaasummaa isaaniirratti baasaniin, "Itoophiyaan wantoota Awurooppaa keessatti deemaa jiru qalbiifi itti dhiyeenyaan horodofaa jirti," jechuun ''qaamoleen rakkoo Yukireen keessatti deemaa jiru kana irratti hirmaataa jiran akka of-qusataniif ni gaafanna," jedhan.

Waggaan laman darban sadarkaan birmadummaa hawaasa addunyaa hangam akka ta'e kan ifatti agarsiisedha kan jedhan MM Abiy, "dhimmootni nuti nurraa fagoodha jennu miidhaaf kan nu saaxilan waan ta'eef biyyi kamiyyuu odola [kan qofaatti bahee jiraatu] miti," jechuun ibsan.

Ibsa isaanii kanaan yeroo COVID-19 mul'atee turetti weeraricha ilaalchisuun deebii biyyi tokko kennu guutummaa addunyaatti dhiibbaa qabaa ture jedhan MM Abiy.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Kanaaf, "waggoota rakkisoo lamaan booda, yeroo hawaasni addunyaa keenya miidhaa dinagdeefi fayyaa weerarri kun uume keessaa bahaa jiru kanatti, jireenya ummata keenyaa bakka isaatti debisuun dhimma dursi kennamuufiifidha. Keessumaa ammoo qaamoleen hawaasaa saaxilamoo ta'an.

Weerara fayyaas ta'e hidhannoon wal dura dhaabbachuu keessatti hunda caalaa kan miidhaaf saaxilaman qaamolee hawaasaa kanneenidha," jedhan.

Itoophiyaan waraana dhiyeenya keessa turterraa wantota barsiisan qooddu hedduu qabdi kan jedhan MM Abiy, "waraanni maatiiwwan, hawaasa, jiruufi jireenyaafi waliigala dinagdeerratti miidhaa akka qaqqabsiisu muuxannoon dabarsine ni mul'isa.

Miidhaa waraanni qabeenya irraan gahe salphaatti kan deebifamu ta'ee yaaadamullee, dhiibbaa darbee turu [waraanni] hariiroo waliin jireenyaa hawaasaa irratti qabudha kan biyyoota madeessu," Jedhan.

Waraana dhiyeenya keessa turameefi Itoophiyaanota baayyeef ammallee akka haaraatti yaadatamaa jiru kaasuun, mootummaan isaanii qaamoleen waraana kana keessatti qooda fudhatan of-eegannoo cimaa akka taasisaniifi dubbicha caalaa hammeessuurraa akka of qusataniif gaafatan, MM Abiy Ahimad.

"Dubbii daran hammaachaa jiru kan dhimmichi akka caalaa yaaddoowwan dabalataan babal'atu taasisan nu yaaddessaniiru waan ta'eef, warri dhimmi kun isaan ilaallatu hundi karaawwan danuu jiran gara wal hubachuutti geessan akka filataniif waamicha goona," jedhan.

Biyyoota Afrikaa yaada murtee UN irratti

Biyyoota Afrikaa weeraramuu Yukireen ilaalchisee yaada murtee UN dhiyeesse irratti sagalee kennuun deeggaran keessaa 29 sagalee deeggarsaa kennan, 17 ammoo gama lachuuyyu sagalee dhowwatanidha.

Biyyi Afrikaa tokkottii yaada murtee UN dhiyeesse kana sagalee mormii kennachuun mormite Ertiaa qofaadha.

Biyyoonni Afrikaa sagalee isaanii hin galmaa'iin hafan ammoo biyyoota 8 yoo ta'an, Itoophiyaan warra kana keessatti argamti.

Tarreeffama biyyoota Afrikaa ejjennoo yaada murtee UN irratti agarsiisaniin

Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante kun har'a guyyaa sadetteffaa isaa qabatee kan jiru yoo ta'u, mariin akkaataa nagaan bu'uu danda'amurratti jalqabamus waraanichi aran hammaatee itti fufeera.

Akka aanga'oonni Yukireen jedhanitti waraana kanaan hanga ammaatti namooti nagaa 2000 ajjeefamaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ammoo sababa waraana kanaatiin namoonni Yukireen keessaa gara biyyoota ollaatti baqatan miliyoona tokko tareera jedhe.

line

Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa:

line