Manni Maree Mirga Namoomaa UN komishinaroota dhimma Itoophiyaa qoratan muude

Madda suuraa, UN GENEVA
Manni Maree Nageenyaa UN sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti waraanni dhalachuun booda raawwatame qorachuuf komishinii Itoophiyaan '' beekamtii hin kennuuf'' jetteef komishinaroota sadii muude.
Pireezidantiin mana marichaa Ambaasaaddar Federiikoo Vileegas hooggantuu mana murtii yakkaa idila-addunyaa kan turte Fatuu Bensoodaa dura teessuu komishinaroota sadii of keessaa qabuu gochuun muuduu ibsa manni marichaa baaserraa beekameera.
Dubartiin Keeniyaa Kaarii Beetii Muruungii fi lammiin Ameerikaa Isteeveen Raatneer komishinaroota lamaan hafan dhimma Itoophiyaa qorachuuf komishinii hundaa'e hooggananiidha.
Manni Maree kun Muddee darbe yaa'ii addaa gaggeesseen komishinii mirga namoomaa idila-addunyaa hundeessuun Sadaasa bara 2020 waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen wal-qabatee sarbama mirga namoomaa, fi kan baqattootaa qaamolee waraana keessatti hirmaatan hundaan raawwate qorachuuf sagalee caalmaa argateen murteesse.
Mootummaan Itoophiyaa murteen kun bu'aa qorannoo dhaabbatni mirga namoomaa Itoophiyaafi kan UN argataniif beekamtii kan hin kennine, yaada furmaataa qaamoleen lameen dhiyeessan hojiirra oolchuufis hiree kan hin kennine jechuun fudhatama dhabsisuun ni yaadatama.

Madda suuraa, SPENCER PLATT
Komishinaroonni sadan ''sarbama mirgaa raawwatameera jedhamu ilaalchisee dhugaawwaniifi haalota jiran hubatu, ragaalee sassaabuun kuusu, warra gaafatamoo ta'an adda baasu, odeeffannoo kanas qooduufi itti fayydamuun yaalii gaafatamummaa mirkaneessuuf eegalamee jiru fi itti fufuu deeggaru'' jedha ibsi dhaabbatichaa.
Labsii hundeeffama komishinichaa raggaase irratti komishiniin haaraan kun gabaasa waajirri komishinii mirga namoomaa UN fi komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa waliin baasan fi yaada furmaataa dhiyeessan irratti akka gabbisu ibsameera.
Komishinaroonni kunniin Waxabajjii ykn Adoolessa keessa gabaasa afaanii akka dhiyeessan, kan barreefamaa ammoo Fulbaana ykn Onkoloolessa akka galchan gaafatamaniiru.
Komishinaroonni sadan eenyu?
Faatuu Bensoodaa: dhalattuu Gaambiyaati. Mana Murtii yakkaa Idila-addunyaatti haadha seeraa dubartii jalqabaa ta'uun bara 2012 hanga bara 2021 hooggananiiru. Aangoo sanatti guddachuu dura bara 2004 eegalee haadha alangaa itti aantuu ta'uun tajaajilaa turan.
Mana Murtii yakkaa Idila-addunyaatti makamuu isaaniitiin dura ammoo Aruushaa Taanzaaniyaatti gorsituu seeraa ta'uun tajaajilaniiru.
Bara 1987 hanga 2000 ammoo biyya isaanii Gaambiyaa keessatti haadha alangaa fi Ministira Haqaa ta'uun tajaajilaniiru.
Kaarii Beetii Muruungii: Dhalattuu Keeniyaati. Dhimma haqaa irratti muuxannoo dheeraa qabu. Falmituu mirga dubartootaa, heeraafi bulchiinsaatis.
Ammaan tana Mana Murtii olaanaa Keeniyaatti haadha seeraati. Xiyyeefannoon isaanii irra guddaan bakka walitti bu'iinsi jirutti mirga dubartootaa akka eegamu hojjechuudha.
Keerii Beetii bara 2009-2010' tti dura teessuu fi komishinara komishinii Haqa dhugaaafi araaraa ta'uun tajaajilaniiru. Komishiiniiwwan dhimma Sudaan Kibbaa fi lafa Paalistaayiin humnaan to'atame keessattis hojjetaniiru.
Isteevan Ratneer: Lammii Ameerikaati. Mana Barnootaa Seeraa Yunivarsiitii Miichigaan keessatti piroofeesara seeraati.
Muuxannoon barsiisuufi qorannoo isaanii seera namoomaa idila-addunyaa, gaafatamummaa sarabama mirga dhala namaa, fi dhimmoota kanaan walqabataniidha.
UN keessatti qaama ogeeyyii dhimma Kaambodiyaa fi Sirilaankaa ilaaluuf barreessaa olaanaa dhaabbatichaan filataman keessa turan. Garee gorsituu Koree Fannoo Diimaa Jenevaatti argamuus ta'anii tajaajilaniiru.
Ejjennoo Itoophiyaa
Walgahii addaa Manni Maree Mirga Namoomaa UN, 'sarbama mirgoota namoomaa hamaa Itoophiyaa keessatti raawwataa jira' jedhe qorachuuf komishinii hundeessuuf yeroo qophaa'u irraa eegalee Itoophiyaan murtee darbu kamuu akka hin fudhanne beeksisaa turte.
Mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba Itoopiyaatti dhalateen walqabatee sarbama mirga namoomaa qaqqabe qorachuuf UN irraa waamicha dhiyaateef hayyama kennee, bu'aa isaas faaraan simatee qaama addaa sirreefama akka godhamu qajeelfame (recommendation) raawwachuuf tattaafachaa osoo jiruu wixineen haaraan amma dhufe fedha siyaasaa biroo qaba jedha.
Ambaasaaddar Maahileet walgahiin addaa kun ''dambii hojimaataa mana marichaa kan hin hordofneefi kaayyoo hundaa'eefiin alatti fedha siyaasaaf oolaa jira'' jechuun ejjennoo mootummaa Itoophiyaa ibsaniiru jedhan miidiyaaleen Itoophiyaa.
Itoophiyaan murteen UN 'birmadummaa biyyaa dhiiba,' jechuun akka hin fudhanneefi murtichi faallaa yaadota furmaataa qorannoo waloon ka'ameeti jechuun ibsite.
Dubbii Himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum murteen UN ''meeshaa siyaasaa tattaaffii kana dura taasifame beekkamtii dhowwachuuf,'' taasifamedha jechuun ibsan.
Dabalaniis, ''bu'aa qorannoo, qorannoo waloorraa eegan waan dhabaniif'' jechuun qaamoleen qorannoo duraan gammachuu dhaban qorannoon lammataa akka taasifamu barbaadan jedhan.














