Chaayinaan Raashiyaa cina dhaabbachuun babal'achuu Nato mormite

Vilaadmir Putinii fi Shi Zhinpingi Beejingitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Vilaadmir Putinii fi Shi Zhinpingi erga bara 2019 as yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti wal arguun mari'atan

Chaayinaan gara Raashiyaa goruun dhiibbaa biyyootni Lixaa gochaa jiranii fi babal'ifannaa Nato balaaleffatte.

Moskoo fi Beejingi yeroo Winter Olompikii sababeeffachuun Puutin daawwannaaf Chaayinaa deemanitti dhimmoota adda addaa irratti wal tahuun ibsa kennan.

Ibsicha irratti Moskoon dhimma Taayiwaan ilaalchisee ejjennoo Chaayinaa akka deeggartu himuun walabummaa iddoolli kun barbaaddu akka mormitu himte.

Puutinii fi Shi Zhinpingi sirna baninsa Olompikii yeroo bonaa gaggeeffamu [Winter Olympic] dursuun waliin haasaa taasisaniiru.

Kireemiliin haasaa gaggeesitootni lameen waliin godhan ''ho'aa'' fi bu'a qabeessa jette.

Biyyootni lameen ibsa dheeraa baasan keessatti Nato ilaalcha Waraana Ololaa facaasuun himatanii, waa'ee waliigaltee nageenyaa Aukus, kan US, UK fi Awustiraaliyaa gidduutti mallaattaa'eenis ''akka malee yaaddoo qabaachuu'' himan.

Akka waliigaltee Aukus bara darbe ibsame kanaatti nageenya naannoo Eeshiyaa Paasfik cimsuuf, Awustiraaliyaan humna waraanaa galaanarraa niwukileeraan gabbate ijaaruuf waliigalan.

Kana gidduutti Raashiyaan ammoo imaammata 'Chaayinaa Tokkittii' jedhu akka deeggartu himte. Imaammatichi foxxoquun kan ofiin of bulchaa jirtu Taayiwaan dhumarratti qaama Chaayinaa akka taate hima.

Taayiwaan garuu akka biyya walaba taate tokkootti of ilaalti. Heera mataa ishee fi gaggeessaa karaa dimokiratawaa taheen filattes qabdi.

Ibsi amma biyyootni lameen, Raashiyaa fi Chaayinaan baasan ammoo ''iddootti wal hin utubne hin jiraatu,'' jedha.

Haa tahu malee ibsi isaanii kun dhimma Yuukireen kan Raashiyaa fi biyyoota Lixaa gidduutti muddama uume homaa hin jenne.

Yeroo waraanni jechootaa hammaate kanatti Ameerikaan Roobi ibsa baasteen Raashiyaan haleellaa sobaa Yuukireen raawwatte jechuun agarsiisuuf karoorsuun weeraraaf qophoofte jechuun himatte.

Mooskoon ammoo viidiyoo suukaneessaa Yuukireen haleellaa daangaa Raashiyaa keessatti ykn uummata afaan Raashiyaa dubbatan Baha Yuukireen irratti raawwate jette agarsiisuuf jetti.

Raashiyaan garuu ragaa sobaa homaa hin qopheesine kana kan deeggaru Ameerikaan ragaa homaatuu hin dhiyeesine jette.

Ameerikaan loltoota dabalataa Nato akka deeggaraniif gara Baha Awurooppaatti akka ergitu torban kana keessa ibsite.

Raashiyaan garuu kun agarsiiftuu Naton gara Bahatti babbal'achuuti jette.