Muddama Raashiyaa-Yuukireen: Walgahii Mana Maree nageenyaa UN irratti humnootni gurguddoo lamaan addunyaa walitti bu'an

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaa fi Ameerikaan walgahii Mana Maree Nageenyaa UN dhimma Yuukireen mari'achuuf taa'ame irratti walitti bu'an.
Raashiyaan loltoota ishee daangaa Yuukireen irra qubachiisnaan Ameerikaan wal gahicha waamte.
UNtti ambaasaaddara US kan tahan Liindaa Toomaas Giriinfiildi bobbiin waraanaa Raashiyaa kun Awurooppaa keessatti waggoota kurnan keessatti kan mul'atee hin beeknedha jedhan.
Gitni ishee Raashiyaa ammoo US dhimmicha akka malee hammeessuun dhimma keessoo Raashiyaa keessa galte jechuun himatan.
Raashiyaan Yuukireen kan weerartu taanaan US fi UK'n qoqqobbii dabalataa irratti dabarsuuf qophii tahuu himaniiru.
Sekiretariin Dhimma Alaa UK Liiz Tiraas, qoqqobbii namoota dhuunfaa fi dhaabbilee biizinesii irratti xiyyeeffatu caalaa kan biraa dabarsuuf seerri qophaahuu himan.
Qondaalonni US kan jedhan qoqqobbiin amma dabarsuuf jedhan namootni dhuunfaa Kiremiliin waliin hariiroo qaban sirna faayinaansii idil-addunyaa irraa akka citan godha.
Raashiyaan loltoota 100,000 tahan, taankii, meeshaa waraanaa gurguddaa fi misaa'ela naannoo adda Yuukireen qubsiifteetti.
Gidduudhaan ammoo karaa dippilomaasiin furuuf hojiiin eegalame itti fufeera. Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinkeen Kibxata har'aa gita isaanii Sergee Laavroov waliin Ameerikaan muddamicha tasgabbeessuuf gaaffii dhiyeesiteef Raashiyaan deebii barreeffamaan naaf deebisteetti jette.
Dubbii himaan Dhimma Alaa US, deebii isaanii irratti ifatti mari'achuun ''bu'aa qabeessa hin tahu'' jedhan.
Itti dabaluun US ammas guutummaatti mariidhaan hiikuutti kan amantu tahuu himuun, ammas Yuukireen dabalatee michoota ishee waliin kan mari'attu tahuu himan.
Akkasuma Kibxata har'aa, MM UK Booris Joonsan gara magaalaa Yuukireen, Kiyeevitti imalu. Joonsan atakaaroo Raashiyaa kanaaf furmaata karaa dippilomasii fiduu fi ''dhangala'uu dhiigaa hanbisuuf'' pirezidaantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskii waliin hojjechuuf waadaa seenaniiru.
Wal gahii Mana Maree nageenyaa UN Wiixata gaggeeffame irratti Ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasilii Nebenzya Raashiyaan tarkaanfii waraanaa Yuukireen irratti fudhachuuf karoorsuu ishee kan agarsiisu ragaan hin jiru jedhan.
Loltootni isaanii bobbaafamuus UN hin mirkaneessine. Raashiyaan yeroo baay'ee loltoota ishee daangaa ishee keessa bobbaasti, kun ammoo Waashingitan kan ilaallatu hin qabu jedhan.
Raashiyaan dhimma kana irratti UN wal gahii banaa tahe akka hin gaggeessineef dhorkaa turte. Garuu sagalee caalmaa kudhanii fi lamaan murtaa'uun gaggeeffame.
Bulchiinsi Baayiden ''dhiibbaa gochuun, muuddamni akka dabalu gochaa jira,'' jedhan Obbo Nebenzyaan.
''Dhimma biyya keenya keessa galuun fudhatama hin qabu, haala qabatamaa naannichaa fi sababa muddama kanaa irratti hawwaasa idil-adunyaa gar-malee hubachiisuudha.''
Toomaas Giriinfiildi ammoo Raashiyaan Yuukireen weerarraan deebiin isaa ''hamaa'' taha jette.
''Waggoota kurnan keessatti sochii waraanaa isa guddaadha,'' jette.
''Akkuma dubbanne Raashiyaan humna waraanaa fi meeshaa waraanaa dabalataa ergaa jirti.''
Moskoon lakkoofsa loltoota ishee Beelaarus, karaa daangaa Yuukireen gara Kaabaa qubachiifte gara 30,000tti guddisuuf karoorfachuus himan.
Wiixata Ameerikaan ''qophiin waraanaa Raashiyaa hin baratamne mul'ataa jira'' jechuun maatiin hojjettoota mootummaa Ameerikaa Beelaarus jiran akka bahan ajajje.

Madda suuraa, EPA
Mooskoon biyyootni Lixaa akka Yuukireen miseensa Nato hin taane akka waadaa galaniif barbaaddi.
Miseensotni Nato yoo waraanni baname akka Yuukiren gargaaran himaniru. Fedha Raashiyaa kana ammoo Ameerikaanis hin fudhattu.
Miseensota Nato 30 keessatti US, UK akkasumas kana dura qaama Sooviyeet Raashiyaa kan turan Lithuania, Laatviyaa fi Estooniyaan argamu.
Raashiyaan loltootni Nato Baha Awurooppaa keessa akka socho'an arguu fi nageenya isheef sodaachisaa akka tahan himte.
Raashiyaan bara 2014 Kireemiyaa ofitti dabalte. Garee finciltootaa Baha Donbaas qabatanis deeggarti. Waraanicha keessatti namootni 14,000 tahan ajjeefamaniiru.














