Waldhabdee Yuukireen: Karoorri Puutiin waa'ee Yuukireen irratti qabu maal?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Istiiv Roozanbarg
- Gahee, BBC News, Mooskoo
Dhimma waa'een isaa walakkaa ta'ulleen hin beekamne baruuf yaaltanii beektuu?
Baay'ee dadhabsiisaa fi kan bitaa namatti galuudha. Sababiin isaas gonkumaa dhugaasaa guutuu argachuun waan rakkisaa ta'eef.
Haaluma walfakkaatuun waan Vilaadmiir Puutiin yaadu dursanii baruun rakkisaadha. Raashiyaan haala akkasii keessatti akka biyyoonni kaan waan Puutiin yaadu tilmaamuu rakkatan feeti.
Karoorri Puutiin waa'ee Yuukireen qabu maali? Dhugaa Mooskoon weerara guutuuf qophaa'aa jirti? Opireshinii murtaa'aa caalaa gaggeessuu, ykn dippilomaasiidhaaf dhiibbaa taasisuudhaaf ta'aa?
Hubannoo fi tilmaamni dhimmicharratti qaban biyyoota Lixaa yaaddoo itti uumaa jira.
- Looltoonni Raashiyaa 100,000 ta'an daangaa Yuukireenitti walitti qabamaniiru
- Leenjiin loltummaa lafoofi qilleensaa walitti fufiinsaan Raashiyaan gaggeessitu
- Qophiin waraanaa Beelaaruus- Raashiyaan dhufaa jiru
- Gaaffii Raashiyaan osoo US akka diddu beektuu Yuukireen NATO'tti akka hin makamne dhiyeessite
- Amantaa Pirezidaant Puutiin lammiileen Raashiyaa fi Yuukireen ''ummata tokkoo'' jedhuun amanu
Waashingitan amma gaafiilee nageenya Mooskootiif barreeffamaan deebii kennite. Mooskoon ammoo deebii Ameerikaa kana nan xinxala jetteeti.
Haaluma walfakkaatuun, marii cimaan itti fufeera.
''Caasaalee NATO daangaa Yuukireen irra hin kaa'iin. Biyyoota 'michota' keenyaa NATO keessaa akka bahaniif gaafanna. Daangaalee keenya keessaa bahaa. Sababii ummata Raashiyaa dorsiisaa jiruuf, biyyoota Soviyeetii duraanii keessaa bahaa,'' jedha Yevgeny Popov.
Mr Popov kan TV mootummaa irratti haasaa taasisan, miseensa Mana Maree Paartii Gamtaa Raashiyaati.
''Yeroon deebaa jira. Saffisaan murtee gochuu qabdu,'' jedha Mr Popov.
"Yoo ta'u baate hoo maaltu ta'a?'' jedheen gaafadhe.
''Ta'u baannaan addunyaa guutuuf balaa olaanaa ta'a. Qondaaltoonni Lixaa muraasni Raashiyaan dhiirummaa hin qabdu jedhu. Jarana dhugaatti arguu barbaadduu?

Madda suuraa, Reuters
Qondaaltoonni Raashiyaa ifatti NATOn nageenya biyyaaleessa Raashiyaatiif balaadha jedhu.
Ani shakkaan jira. Mooskoon michootashee akka balaatti ilaaluushee amanuuf natti ulfaata.
Daangaa Raashiyaa keessa %6 qofaatu biyyoota NATO waliin waltuqa. Biyyattiin ammoo miseensoota NATO kan akka Xaaliyaanii fi Haangaarii waliin walitti dhufeenya gaarii qabdi. Kana malees, miseensa NATO kan taate Tarkiitti ammoo meeshaa waraanaa gurgurti.
Akkasumas, NATOn (akka danaa Noorwayiin) waggoota 70f daangaa Raashiyaa irra jira. Kana malees, biyyoonni Soviyeet Yuuniyeen kan akka Yuukireen, Joorjiyaa ykn kaan kan yeroo dhihoo keessatti miseensa NATO ta'an hin fakkaatan.
Kanaaf, Raashiyaan maaliif miseensoota NATO irratti xiyyeeffannaa taasiftee?
Gama biraatiin sababiiwwan biyya keessaatiin: Ummanni Raashiyaa akka diina alaa irratti jedhaman irratti tokko ta'an kan jedhu.
Yookaan ammoo, tarii dantaa isheetiif jecha sadarkaa nageenya Awuroppaa haala kanatti fayyadamuun olaantummaa Raashiyaa deebiistee ijaaruufi bu'aa Waraana Ololaa deebiistee barreessuuf barbaaddii laata?
"Puutiin warri Liixaa bara 1990mota keessa dadhabiin Raashiyaatti fayyadaman jedhee amana. Kanaaf, Raashiyaan haala haqa qabeessaa ta'een hin keessuumeefamne, akkasumas waan isheef ta'u hin arganne.
Innis sana geeddaruu barbaada,'' jedhee aman Daarektarri waliigalaa Kaawunsilii Dhimmoota Idil-Addunyaa Raashiyaa mootummaa waliin hidhata qabu, Andrei Kortunov.
"Mormiin isaa bayyee salphaadha. Amma haalli madaallii aangoo geedarameera. Kana booda addunyaan warra Lixaa-giddu-gala taasifattee hin jiraattu. Nu dhageeffachuun yaaddoowwan keenya akka dhimma guddaatti fudhachuu qabdu.''
Kanaaf, tarkaanfiin Mooskoo itti aanu maal ta'a?
Waan ta'uu malu tilmaamuu qofa dandeenya. Innis fedhii marii Ameerikaan Raashiyaa waliin dhimmoota nageenya Awuroppaa muraasa irratti taasiftu Vilaadmiir Puutiin kan gammachisuuf gahaa ta'u irratti kan hundaa'uu ta'a.
Yoo ta'uu baate, Raashiyaan haala caasaa nageenya Awurooppaa ammaa diiguuf kutattee kan kaate ta'ee, walitti bu'iinsi waraanaa jiraachuu danda'a. Kunis adda qoodiinsa Bahaafi Lixa jiduu bara dheeraa ta'a.
''Puutiin kan hanga ammaa argateen akka gammaduun abdadha,'' jedhan Mr Kortunov.
''Akkan yaaduutti hanga tokko milkaa'eera. Marii warra Lixaa irratti hojiirra oolcheera. Kanaaf, kaayyoonsaa milkaa'uu dubbachuu danda'a. Muddama daangaa Yuukireen irratti uumuun isaa akka biyyoonni Lixaa yaadawwan Raashiyaaf xiyyeeffannaa kennaniif gargaareera.''
"Garuu ammoo inni ilaalcha addaa qabaachuu danda'a. Tarii warri Lixaa akkanumaan Raashiyaa mariidhuma bu'aa hin qabbne keessa galchuuf yaalu. Kana malees, biyyoonni Lixaaa humnaan gara Yuukireen seenuuf yaaluu itti fufaniiru jechuu danda'a ta'a.
"Kan nama dhibu hawaasni Raashiyaa karra isaa irratti waraanni guddaan akka gaggeefamuuf hin feedhan. Lammiileen Raashiyaa opareeshinii waraanaa guddaan Yuukireen keessatti hirmaachuuf hin fedhan,'' jedhu Mr Kovtunov.














