Baayidan fi Putiin dhimma Yuukireen irratti bilbilaan walitti dhaadatan

Madda suuraa, The White House via Reuters
Pireezidantonni US fi Raashiyaa sa'atii tokko guutuu wayita bilbilaan dhimma dhiphina Yuukireeniin walqabatee jirurratti mari'atanitti akkaan walitti dhaadataniiru.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin rakkoo Yuukireeniin walqabatee jiru ilaalchisuun US qoqqobbii haaraa kan keessu yoo ta'e hariiroon US fi Raashiyaa guutummaatti adda cita jechuun Pireezidanti Baayidanitti himan.
Wayita Kamisa kaleessaa bilbilaan mari'atan Pireezidantiin Raashiyaa, ''qoqqobbiin sababii kanaan kaa'amuuf jedhu dogoggora hamaa keessa nu galcha,'' jedhan.
Pireezidanti Baayidan gamasaaniin wayita gitasaanii kan Raashiyaa Putiiniif deebii kennan, US fi michoonni ishee dhimma weeraramuu Yuukireen irratti deebii quubsaa kennuuf qophii ta'uu itti himuun, itti dhaadatan.
Mariin karaa bilbilaa kun gaaffii Raashiyaan dhiyeessiteen kan gaggeeffame yoo ta'u, ji'a kana keessa mariin akkasii wayita geeffamu kun kan lammataati.
Mareen kun yaaddoo weeraraa fi dhiphina goolama siyaasaa Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti dhiyeenya hammaateef furmaata fiduuf tattaaffii biyyoonni lixaa taasisan keessaa isa tokkodha.
Qondaaltonni Yuukireen ammatti Raashiyaan loltootashee 100,000 caalan qubsiisuu himatu.
Haalli kun biyyoota lixaa akkaan yaaddesseera.
Pireezidanti Baayidan yoo Raashiyaan Yuukireen kan haleeltu ta'e, ''qoqqobbiin isheen umriishee keessatti argitee hin beekne irra keenya,'' jechuun Pireezidaant Putiiniin akeekkachiisan.
Raashiyaan gamasheen Yuukireen weeraruuf himata jedhu guutummaatti haalteetti.
Loltoonni leenjiidhaaf socho'aa jiru kan jettu Raashiyaan, lotoota kiyya dachee koorra sochoosuuf mirga guutuun qaba jechuun deebii laatti.
Pireezidantonni lameen walitti haa dhaadataniyyuu malee, gorsaan Imaammata Dhimma Alaa Raashiyaa Putiin haasaa Baayidan waliin godhaniin ''gammadoo'' ta'uu ibsan.
Inumaa haasaan isaanii kun marii gara fuulduraaf bu'uura cimaa kan kaa'edha jedhan.
Qondaalli olaanaan US kan marii pireezidantota lameenii gurraa qabu kan maqaasaa eeruu hin feenu tokkommoo ''haalli marii qondaaltota lameenii jajjabaa fi kan wal himannaan itti heddummaate ture,'' jedhe.
Dureewwan Raashiyaa fi US kunneen ji'a dhufu Jeniivaatti qaamaan walarguun mari'achuuf jiru.














