Baayidan fi Putiin muddama Yukreen irratti 'furmaata karaa dippiloamaasii' barbaaduuf

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan muddama dhimma Yukireniin wal abatee jiru laaffeessuuf yeroo lammataatiiif pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin marii taasisuuf.
Hoggantoonni lamaanis Kamisa haar'a bilblaan mari'atu jedhame.
Isaanis waa'ee nageenya biyyoota lamaan jidduufi haala Awuroppaa akka mari'atan Waayit Hawuus beeksiise.
Waaraanashee daangaa Yukireen irratti kan walitti qabde Raashiyaan, biyyattii weeraruuf karoora qabaachu haalti.
Waraanni ishee leenjiidhaaf achi jiraachuufi Raashiyaan lafa isheerratti barkka barbaaddeetti loltootashee sochoosuuf mirga qabaatu dubbatti.
Ameerikaanis marichaan dura deebii walfakkaataa kennuuf jecha haanga'oota biyyoota Awuroppaa waliin marii taasissuu ibsi Waayita Hawuus beeksiise.
Qondaaltoonni tikaa Yukireen gamasaanitiin loltoonni Raashiyaa kuma 100 ol ta'an gara daangaa walo isaanitti ergamuu dubatu. Kanaanis walqabatee US yoo Yukreen weeraramte qoqqobbii akka keessuu Putiin akeekkachiifte.
Baayidan Putiinif ''daandii dippilomaasii'' ni dhiyeessaaf malee, loltoonni Raashiyaa daangaa Yukireen irratti walitti qabamusaanitiin ''baayyee yaadda'eera'', jechun qondaalli US madda oduu AFPtti kan himan.
Baayidan yoo Raashiyaan ''gara Yukiren weraruutti kan ceetu'' ta'e US deebii kennuuf qophaa'u Puutiiniitti akka himu eegama.
Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilikan guyyaa Roobii Pirezidaantii Ukireen Voolodyymyr Zelensky waliin haasa'anii turan.
Dubbi Himaan Isteet Dippaartimentii Need Piraayis akka jedhaniitti, Bilikan walabummaa, birmadummaa fi tokkommaa daangaa Ukireeniif deeggarsa fuuldura loltoota Rashiyaa daangaa biyyattii irratti ijaaraamaa jiruutti kan hinjijjiramne ta'u Ameerikaa mirkanneessaniif jiru.
Jalqaba baatii kanattis, pirezidaantoonni lamaan karaa viidiyootiin walgahiin taasifatanii kan turan yoo ta'u, yeroo sanattis Baayidan deeggarsa walabummaa Ukireeniiffi tokkummaa daangaa isheetii qaban himanii ture.
Ukireen miseenta Nato taa'u baattulleen waliitti dhufeenya cimaa qabdi.
Raashiyaan gamasheetiin Naton gara bahalixaatti akka hinsochooneefi meeshaan waraanaa Ukireeniif ykn biyya ollaa kamuufu akka hin ergamne waliigalte seeraa barbaadi.
Barreessaa olaanaan Nato Jeensi Istolanbargi michummaan misheemsummaa Ukireen dhimma Nato fi Kyiv ta'u cimsanii ammanu.
- Raashiyaan Yukireen weeraruuf qophiirra jirtii?
- Sodaa weerara Yukireen irratti Baayidan Putiin akeekkachiisan
- Sababoota shan Sooviyeet Yuuniyeen akka diigamu taasisan
- Biyyootni Lixaa weerara Raashiyaarraa Yukireen irratti raawwatuuf qophaa'uu himan
- Putiin yeroo Sooviyeet Yuuniyen diigamte konkolaachisaa taaksii ta'ee hojjedheera jedhan
''Mariin Raashiyaa waliin taasifamu kamuu dhigaatti dudhaalee murteessuu nageenya Awuroopaa haala kabajarreetti kan hundaa'e ta'u qabaata,'' jedhanii duran duraan.
Pirezidaantiin Lituniyaa Gitaanaas Nauseda haala ammaan tana jiru ta'ii ''balaa cimaa waggoota 30 asi'' jechuun ibsan.
Qoldaaltoonni Raashiyaa Ammajjii 10 irratti Jeenee keessatti qondaaltoota US waliin wal arguuf jiru. Baayidan gyya sanatti Puutiin waliin wal argu akka danda'an gaafatamanii, ''ni ilaalla, jedhulleen garuu marii Jeeneev keessaarratti inni hin hirmaatu.













