Goolama Yuukireen: US Raashiyaa tuttuqxee waraanatti seensisuuf yaalaa jirti jedhan Putiin

Putiin erga MM Hangarii waliin Moskootti mari'atanii booda yaada kana kennan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Putiin erga MM Hangarii waliin Moskootti mari'atanii booda yaada kana kennan

Wayita waa'ee Yuukireen ilaalchisuun addunyaan dhiphachaa jirtutti haasaa kan taasisan Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, US fi Nato'n hookkara kakaasuun gara waraanaatti nu oofaa jiru jechuun qeeqan.

Putiin torbanoota dheeraa booda ture dhimma kanarratti yaada kan kennan, ''kaayyoon Ameerikaa hookkara uumtee carraa sanatti fayyadamuun Raashiyaa qoqqobuudha,'' jedhan.

Humna Nato Awurooppaa keessa jiru ilaalchisuun gaaffii Raashiyaan dhiyeessaa turte US dagachiistee bira kutuuf ifaajaa jirti jedhan Putiin.

Dhimma Raashiyaa fi Yuukireen irratti dhiphinni addunyaa guyyuu dabalaa jira, Raashiyaan daangaarratti humna waraanaa jabaa ijaaraa jiraachuun addunyaa boqonnaa dhorke.

Raashiyaan loltoota (lafoo fi qilleeensaa) meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhatan 100,000 daangaa Yuukireen qubachiisuutu atakaaroo kana fide.

Raashiyaan biyya ollaashee taate-Yuukireen weeraruuf akka yaada hin qabne himuun, himata warri lixaa kaasan fashaleessiti.

Inumaa mootummaan Yuukireen waliigaltee nageenya buusuu hojiirra oolchuu dide jechuun Moskoon komatti.

Waraana karaa bahaa daangaa Yuukireen fi Raashiyaarratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 14,000 du'aniiru.

Pireezidantiin Yuukireen Volodymyr Zelensky ''waraanichi kan Raashiyaa fi Yuukireen qofa osoo hin taane waraana Awurooppaa guutuuti,'' jedhan.

Vilaadmiir Putiin erga Ministira Muummee Hangarii Viktor Orban waliin Moskootti mari'atanii booda yaada kennaniin, ''US waa'ee nageenya Yuukireeniif hagas mara waan dhiphattu natti hin fakkaatu. Kan isheen feetu misooma Raashiyaatti gufuu ta'uudha. Kana galmaan ga'achuuf ammoo Yuukireeniin akka meeshaatti fayyadamaa jirti,'' jedhan.

Qoccolloon US fi Raashiyaa bara waraana hololaa Cold War (1947-89) jalqabe, ammallee ittuma fufee jira.

Dhimmi guddaan isaan irratti waldhaban ammoo dhimma Nato dha.

Raashiyaan Naton koochoosaa gara bahaa(Raashiyaatti) akka hin babal'ifanne seeratti>

US yaada kanaaf bakka kennitee hin beektu jechuun komatu Putiin.

Yuukireen miseensa Nato taati yaaddoo jedhus qabu Putiin, yoo isheen miseensa taate ammoo miseensonni Nato hundi Raashiyaadhaan loluuf jiru jechuun rakkoo as adeemuuf yaaddoo qaban ibsan.

Bara waraana Yuukireen fi Raashiyaa kutaan Raashiyaadhaan qabamte Kiriimiyaan akka Yuukireeniif deebitu ifaaju warri lixaa.