US muddama Raashiyaaf Yuukireen hordoftee loltoota 3,000 gara Awurooppaatti erguuf

Loltuu Baha Yuukireen Donetiski dhaabbataa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Baha Yuukireen Donetiski dhaabbataa jiru

Pirezidaantiin US Joo Baayiden torban kana keessa loltoota dabalataa gara baha Awurooppaatti erguuf murteessuu qondaalonni Waatiy Haawus himan.

Kunis sodaa Raashiyaan Yuukireeniin weeraruuf jedhu dabalaa dhufnaanidha.

Loltootni gara 2,000 tahan Firoot Biraag, Kaaroliinaa Kaabaa irraa gara Poolaandiifi Jarmanitti ergamu. Loltootni 1,000 durumaan Jarman jiran ammoo gara Roomaaniyaatti geeffamu.

Mooskoon ammoo himata Yuukireenin weeraruuf jedhu soba jette. Garuu Yuukireen akka humna Tokkummaa Waadaa Waraana Kaaba Atilaantik [NATO] kan Ameerikaatiin durfamu akka hin makamne cimsitee mormiti.

Muddamni kun waggaa saddeet erga Raashiyaan Kibba Yuukireen Kiriimiyaa jedhamu ofitti dabalteen booda dhalate.

Kutaan kun bakka finciltootni Raashiyaadhaan deeggaramuun mootummaa Yuukireen waraananiin to'atameera.

Erga bara 2014 as namootni 14,000 ol tahan waraanicha gidduutti ajjeefamaniiru.

Loltoota buufata Foort Biraagii dhufan keessaa 1,700 kan tahan gara Poolaand kan deeman taha. Kan 300 ta'an ammoo gara Jarman deemu jedhan maddeen Peentaagoon Rooyitarsitti akka himanitti.

Yuukireen keessatti waraanatti hin hirmaatan garuu michoota US eeguuf bobbafaman jedhan maddeen kunneen.

Bobbiin humna waraanaa kun isa Peentaagon ji'a darbe gara loltoota 8,000 yeroo barbaadamanitti gara Awurooppaatti bobbaasuuf qopheessuu himteen dabalatadha.

Muddamni Raashiyaa fi Yuukireen gidduu erga yeroo dhiyoon as haalaan dabalaa kan dhufe yoo tahu, biyyootni Awurooppaa hedduun miseensa Nato tahan Yuukireen cina akka dhaabbatan himaa jiru.

Ameerikaan wal gahii Mana Maree Nageenyaa UN dhimma Yuukireeniif Raashiyaa irratti Wiixata darbe taa'ame irratti Raashiyaan Yuukireen kan weerartu yoo tahe deebiin isaa ''hamaa'' akka tahu himte.

Raashiyaan Yuukireen weeraruuf hin karoorsine haa jettu malee loltoota gara 100,000 tahan daangaa Yuukireenitti bobbaasteetti. Meeshaaleen waraanaa gurguddaanis fe'amanii qophiirra akka jirtu Ameerikaan himteetti.