Waraana Yukireen: Putiin akka waan ofiisaa qofaa haleeluutti waraanicha eegaluun herrega dogoggoraati

Namoonni dubartii Yuukireen, magaalaa Karkiiv keessatti rukutamte wayita gargaaran, Bitootessa 1, 2022

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni dubartii Yuukireen, magaalaa Karkiiv keessatti rukutamte wayita gargaaran, Bitootessa 1, 2022

Waraana Yukireenii fi Raashiyaa erga eegalee torbee tokko ta'e keessatti warri Yuukireen akka Raashiyaan eegdeen olitti ofirraa qolatan. Karoorri janeraalonni waraanaa ni raawwanna jedhanii Pireezidant Putiiniif waadaa galan akka eegan hin taane.

Lolli kun akka Raashiyaan eegde ta'uu baatus, waraana reef jalqabe waan ta'eef haala kanaan itti fufnaan fuulduratti waan ta'uu malu nama sodaachisa.

Raashiyaan Yuukireen irratti ifatti weerara bantee guyyaa itti aanutti Kiyeev harka kootti kufti jedhanii waan eegan fakkaatu ture Putiin.

Qoqqoodiinsa siyaas-diinagdeen kan daddaaqaman warri lixaa, Raashiyaan qaama biyya kiyyaati jettee falmitu akka dhuunfattuuf dura hin dhaabatan jedhanii waan tilmaaman fakkaatu.

Garuu kun hunduu amma hin taane. Yuukireenis ofirraa facciste, warri lixaas, keessatti Jarmaniin akkaataa eegameen olitti Raashiyaatti sodaa naqxe.

Diinagdeen Raashiyaas akkaan gadi bu'e, michuun Raashiyaan abdattu Chaayinaan ofiifuu tarkaanfii warra lixaan naasuu keessa seenteetti.

Guyyaa tokko yoo natti garagalan diinagdeen kiyya akkaan miidhama jettee sodaa keessa jirti Chaayinaan.

Kanaaf dubbii weerara Yuukireen kanarraa fagaattee taajjabuu filatteetti.

Magaalaa Kiyeev naannoo buufata TV dhohiinsa mudate, Bitootessa 1, 2022

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Kiyeev naannoo buufata TV dhohiinsa mudate, Bitootessa 1, 2022

Nato'n Putiin yaaddessaa ture gamasaan daranuu jabaate, Finlaand fi Siwiidiin nageenyummaasaaniif jecha dhiyooma kana miseensa ta'an.

Putiin tarii guyyaa tokko Yuukireen miseensa Nato taatee na salphifti jedhanii cichanii ofirraa ittisaa turan, garuu wayita weerara eegalan kallattii lixaan miseensota Nato hedduutu isaan mudate.

Kun hundi karoora Putiin gufachiisan.

Kun ammoo herrega dogoggoraa, Putiin wayita Covid-19n qabamanii adda of baasanii turan herreganirraa kan maddeedha.

Gorsitoota muraasa waan isaan dhagahuu fedhan qofa itti himaniin kan dabaalaman Putiin, waan ofii jedhanirraa duubatti deebi'uu hin barbaadan.

''Humna qaba, meeshaa waraanaa qaba, cimseen haleela,'' jedhanii karoorsanii itti cichuunsaanii gatii baasisaa jira, akka yaadan ta'uun waan hafe fakkaata.

US'tti Ambaasaaddarri Yuukireen akka jedhanitti Raashiyaan meeshaa waraanaa Oksijiinii qilleensa keessaa harkisee fixuun tampireecharri qilleensa naannoo akka malee ho'ee akka dhoyiinsa uumu godhu-thermobaric kan namoonni "vacuum bomb" jedhanii waaman fayyadamuu himan.

Yeroo akkasii Ambaasaaddarri akkanaa himata akkasii dhiyeessuun waanuma eegamu, dhugaan jiru garuu meehsaan rookeetii kana dhukaasu gara Yuukireen fe'amu argaa turre.

Yeroon meeshaan waraanaa hamaan kun bal'inaan hojiirra oolu fagoo miti jedhu xiinxaltoonni.

Meeshaa waraanaa (taankii) handaara magaalaa Kiyeev gubatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa Karkiiv keessatti meeshaan boombii balaafamoo hedduu harcaasu-cluster bombs- gama Raashiyaatii dhukaafamuu suuraawwan waraana booda kaafaman ni akeeku.

Boombiin kun tokkicha ta'ee dhukaafamee wayita bakka qiyyaafannoosaa ga'u bakka hedduutti faca'uun nama naannawa sana jiru hedduu miidha.

Addunyaan meeshaan waraanaa kun akka hojiirra hin oolle bara 2008 dhorkite, Raashiyaan garuu hin mallatteessine.

Meeshaa kana akkaataa qajeeltoo idil-addunyaan fayyadameera jechuunis himte, lammiileen magaalaa Karkiiv garuu yaada Raashiyaa kana mormaniiru.

Vilaadmiir Putiin dantaan Raashiyaa tuqamnaan dhimmi lubbuu lammiilee nagaa dhimmasaanii miti jedhamanii komatamu.

Seenaa waraanaa addunyaa keessatti hammeenyi isaan dhala namaa irratti raawwataa yoona ga'an kanuma amma lammiilee Yuukireen irratti raawwataa jiraniin kan mirkanaa'uudha.

Handaara magaalaa Kiyeev gamoo rukutamee caccabe, Bitootessa 1, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Handaara magaalaa Kiyeev gamoo rukutamee caccabe, Bitootessa 1, 2022

Osoo haala kanaan Yuukireen haleeluu hin danda'u ta'ee silaa meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamaa laata? Kun waan ta'uu malu ture.

Garuu xiinxaltoonni hedduun ammaaf sadarkaa kanarratti hin geenye jedhu.

Putiin garuu akeekkachiisa hamaa kennaniiru, eenyullee yoo dhimma Yuukireen keessa seenuuf dhufe adabbii seenaasaa keessatti isa mudatee hin beekne adabama jechuun akeekkachiisa jabaa kaa'an.

Addunyaan Raashiyaa hin hammanne maalgooti jiraattee jedhanii deddeebi'anii yaadu.

Nato'n kanarraa ka'ee haleellaa niwukilaraan qoladha jedhee tarkaanfii herrega dogoggoraarraa maddetti deemaara.

Seenaan bara 1939 ture Raashiyaatti deebi'aara-bara sana Istaaliin guyyaa tokkottin Fiinlaand bittimsa jedhee waraana bane, garuu warri Fiinlaand irree jabeeffatanii waan ofirraa dhawaniif milkii dhabe.

Waraanni- Winter War jedhamu kun guyyaa 100tti xumurame. Fiinlaand kutaalee biyyaa muraasa dhabdeetti, garuu akka Raashiyaan yaadde in diigamte osoo hin taane biyya of-dandeesse taatee itti fufte.

Waraanni Yuukireenillee akkuma kanatti goolabama jedhameetu tilmaamama.

Jalqaba kanarratti Yuukireen ofirraa ittisaa jirti jechuun waraanicha olaantummaan xumurti jechuu miti, jalqabbiin Yuukireen garuu kan eegameen oli.

Akkaataan warri lixaa itti deebii kennanis kan yaadameen olidha, namoonni akka Putiin hedduun warri lixaa haala kanaan Yuukireeniif birmatu jedhanii hin eegne.