Qoqqobbiin maallaqa sochoosuu dhorku haaraan hangam Raashiyaa miidha?

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan waraana Yukireen irratti bante hordofee biyyoonni Lixaa qoqqobbiiwwan ulfaatoo ta'an gara garaa irra kaa'aa jiru.
Qoqqobbiiwwan Raashiyaa irra kaa'aman keessaa baankoti Raashiyaa sirna maallaqa sadarkaa idil-addunyaatti kan ittiin dadabarsan 'Swift' jedhamu irraa dhorkamuun isaaniifi Senteraal Baankiin Raashiyaa hojii baankii idil-addunyaa akka hin raawwanneef dhorkamuun isaa qoqqobbii isa baayyee hamaa ta'edha.
Baankoti Raashiyaa sirna maallaqa sadarkaa idil-addunyaatti ittiin sochoosan 'Swift' akka hin fayyadamne dhorkamuun dhaabbileen maallaqaafi kampaaniiwwan biroo Raashiyaa keessa jiran irratti dhiibba ammuma mul'atu ykn kan bulee hammaachaa deemu qabatee dhufa.
Swift akka hin fayyadamne dhorkamuun Raashiyaa irratti kan jalqabame miti. Bara 2018 keessa Ameerikaan baankoti Iraan sirna Swift keessaa baasuu dandeesseetti.
Dinagdeen Iraan kan Raashiyaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa ta'ullee, tarkaanfii kana yeroo sanatti mootonni Awurooppaa baayyeen mormanii turan.
Zayita boba'aa fayyadamtu sadii keessa harka lama Raashiyaa irraa kan argattu Jarman dhimmichi addatti ishee yaaddesseera. Hayyamni toora zayita boba'aa Raashiyaa irraa gara Jarmanitti diriirfames Jarmaniin dhorkameera.
Dhimmichi ifatti ibsamee beekamuu baatus aanga'oonni Ameerikaa, Awurooppaafi Yunaayitd Kingidom dhaabbileen isaanii baankota Raashiyaa waliin hariiroo qaban irratti miidhaan akka hin qaqqabneef waliigalteerra gaaniiru.
Qoqqobbiin kun Raashiyaaf qormaata ta'u garuu filannoo biroo tokkollee hin qabdu jechuu miti. Bara 2014 keessa Raashiyaan Kireemiyaa weeraruu hordofee sirni maallaqa ittiin waliif dabarsuu isheen ifa goote SPFS kan jedhamu akka filannootti jiraaf.
Sirna wal fakkaatu Chaayinaanis diriirsiteetti. Chaayinaan CIPS kan jedhamu sirna maallaqa sadarkaa iil-adunyaatti daddabarsuun danda'amu dabalataa qabdi.
Kanaaf, qoqqobbiin Raashiyaa irra aa'ame kun Chaayinaatiif carraa addaa uumuufiin hin hafu. Raashiyaan filannoo barbaachaaf gara Chaayinaatti siquun ishee hin oolu.
Kun ammoo olaantummaa maallaqaa dolaara giddu-galeessa godhate diiguudhaaf carraaqqii Pireziaantiin Chaayinaa Shii Jiipiing taasisaniif ulaa hin eegamiin baneeraaf. Yaadichas atattamaan hojiitti hiikuuf ni gargaara.
Ta'us garuu hariiroo daldalaa alatti erguufi alaa galchuu Chaayinaan biyyoota addunyaa biroo waliin qabdu baayyee guddaa waan ta'eef, Chaayinaan saffisaan Raashiyaa gargaaruudhaaf hayyamamtuu ta'uu dhiisuu dandeessi kan jedhanis jiru.
Raashiyaatiif Swift akka hin fayyadamne gochuu caalaa, tarkaanfii hojii Senteraal Baank Raashiyaa qoqqobuuf fudhatamudha.
Kuusaa dolaaraa idil-addunyaa dolaara biliyoona 630 akka hin fayyadamneef dhorkamuun dinagdee Raashiyaa irratti miidhaa hamaa qaaqabsiisuun isaa ifadha.
Gama biraan ammoo mootummaan Yunaayitid Kingidam kanaan booda sochii maallaqaa Raashiyaatiif ejjennoo garaa laafuu hin qabaadhu jedheera.
















