Weerara Yuukireen: Weerarri Yuukireen erga jalqabee miidhaa dinagdee akkamii geessise?

Isberbaankii Raashiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Erga guyyaa jalqabaa sababa weerara Yuukireeniin qoqqobbii jabaan Raashiyaa irratti darbee maallaqni Raashiyaa Raabil doolaaraan yeroo sharafamu %30 tahuun gadi bu'e. Kun rikardii haaraa galmaa'e yoo tahu, Yuuroonis akkasuma %1'n gadi bu'eera.

Erga waraanni kun eegalee gatiin boba'aas akka malee dabalaa jira.

Weerara Waashiyaan Yuukireen irratti gaggeesite hordofee tarkaanfiin tibbana fudhatame gama dinagdee fi hawwaasummaan gatii Raashiyaan baastu akka dabalu godha.

Lammiileen raashiyaa hiriira guddaan eeggatanii maallaqa baafachaa jiru. Kaardiin baankii isaaniis hojjechuu dhaabuu danda'a soda jedhu qabu. Yookaan ammo hammi maallaqaa baafachuu danda'an nu jalaa murtaa'a jechuun soda qabu.

Akka bulchitootni jedhanitti tajaajilli baankii Isberbaanki kan qabeenyummaan isaa mootummaa Raashiyaa tahe kufaa jira.

Tarkaanfii haaraan Senteral Baankii Raashiyaa irratti darbe ammoo kuufama maallaqaa biyyoota alaa qabu doolaara biliyoona 630 tahu fayyadamuun akka human maallaqa isaanii Rabilii hin tiksine godheera.

Humni maallaqa isaanii dadhabuu irraa kan ka'e qaala'insi jireenyaa haalaan dabalaa jira.

Kun ammo Senteral Baankiin biyyattii dhala maallaqaa tajaajila itti fufuuf filannoo muraasa qfa akka qabaatu taasisa.

Tokko hamma dhala maallaqaa dabaluu, yookaan ammoo hamma maallaqaa gara biyya keessatti galu fi bahu to'achuu taha.

Gamtaan Awurooppaa aannisaadhaaf Raashiyaa irratti hirkatanii jiraatu. Moskoonis kana irraa maallaqa guddaa argatti.

Kun ammoo rakkoo amma jiru kana irraa adda bahuun ilaalamuu hin danda'u. Biraasilsi weerara Raashiyaan raawwatte kana hordoftee qoqqobbii dabalataa dabarsaa jirti.

Torban kana irrattis Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii haaraa baankii Raashiyaa irratti qiyyeefatuu fi daandii qilleensaa isaanii xiyyaarota Raashiyaa jalaa cufuu fi meeshaalee waraanaa bitanii Yuukireeniif erguu irratti wal tahaniiru.

Garuu Gamtaan Awurooppaa toora dhiyeessii boba'aa Raashiyaa waliin 1qaban addaan hin kutan. Gatiin boba'aa ammoo Awurooppaa keessatti dabalaa dhufeera. Mooskoon ammoo dhiyeessii boba'aa xiqqeessuu yookiin dhaabuun ijaa bahachuu malti jedhamees sodaatama.

Aannisaadhaaf Raashiyaa irratti qofa hirkachuu irra tooftaa biraa barbaaduun dirqama akka tahes Gamtaan Awurooppaa irratti wla taheera.