Waraana Raashiyaa -Yukireen: NATOn humna hangamii qaba? Maalifi Raashiyaaf bowwuu mataa ta’e?

Madda suuraa, Anadolu via Getty
Raashiyaan Yukireen weeraruun qormaata NATOn waggoota 73 keessatti argee hin beekneefi isa mudatee hin beekne itti ta'eera.
Waraanni yeroo ammaa Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu kun daangaa biyyoota miseensota NATO ta'an irratti yoo ta'u, biyyoonni miseensota NATO ta'an hangi tokko itti aanee ammoo Raashiyaan waraana nurratti banti jedhanii yaaddoo qabu.
Ameerikaa, Kanaadaa, Yunaayitid Kingidom, Firaans, jarman fi biyyoota Awurooppaa baayyee miseensummaan kan qabateeru NATOn Baha Awurooppaa keessa loltoota dabalataa sochoosaa jira.
UK fi Yunaayitid Isteet garuu loltoota gara Yukreenitti galchuuf karoorri kamiyyuu akka hin jirre ibsaniiru.
Garuu NATOn maali?
Dhaabbatni Waadaa Waraanaa Kaaba Atilaantik, NATO'n tokkummaa waraanaa bara 1949 biyyoota 12 hammachuun hundaa'edha.
Miseensonni NATO biyyi tokko isaan keessaa biyya biraan weeraramnaan walii birmachuuf waliigaltee qabu.
Kaayyoon hundeeffama isaa jalqabaa waraanaan booda babal'ifannaa lafaafi bulchiinsaa Raashiyaan Awuroopppa keessatti gochaa turte dura dhaabbachuuf ture.
Bara 1955 ammoo Sooviyeet Raashiyaan humna NATO kana qolachuu kan danda'u tokkummaa biyyoota Baha Awurooppaa Komunistii hordofanii ''Warsaw Paakt'' [Warsaw Pact] jedhamu hundeessite.
Bara 1991 kufaatii Sooviyeet Raashiyaa hordofee biyyoonni duraan miseensa 'Warsaw Pact' turan miseensota NATOtti makaman.
Amma tokkummaan waraanaa NATO jedhamu kun biyyoota miseensa ta'an 30 of keessaa qaba.

Madda suuraa, AFP via Getty
Rakkoon amma Raashiyaan NATO fi Yukireen irraa qabdu maal?
Yukireen duraan biyyoota Sooviyeet Raashiyaafi biyyoota Gamtaa Awurooppaa daangessitu turte. Lammiileen hidda dhiiga isaanii Raashiyaa ta'an miliyoona hedduu kan qabdu Yukireen, hariiroo hawaasummaa cimaas Raashiyaa waliin qabdi.
Garuu miseensa NATO hin turre, ''michuu isaanii'' turte malee. Kana jechuun ammoo fuulduratti yeroo barbaaddetti tokkummaa waraanaa NATO jedhamu kanatti makamuu akka dandeessu agarsiisa.
Raashiyaan ammoo akka kun hin taane biyyoonni Lixaa akka waadaa galaniif barbaaddi. Yaada Raashiyaa kana ammoo isaan hin barbaadan.
Yuukireen ummata sanyiin isaanii Raashiyaa irraa ta'an hedduu qabdi. Aadaafi hawwaasummaan uummata Raashiyaa waliin hariiroo guddaa qabu.
Akka tarsiimoo isheetti Kireemiliin Yuukireeniin akka boroo qe'ee isheetti ilaalti.
Amma waan rakkoo tahe Pirezidaant Vilaadmiir Puutiin humnoonni Lixaa tokkummaa kana fayyadamuun Raashiyaa marsuu barbaadu yaaddoo jedhudha.
Ameerikaan bara 1990 NATOn kana caalaa gara Baha Awuroopppatti hin babbal'atu jechuun waadaa Raashiyaaf galte cabsiteetti jechuun mormu.
NATO ammoo himata kana haaluun miseensota isaa xiqqootu Raashiyaa waliin daangaa qooddata, kunis tokkummaa ittisaaf oolu jedhe.
Sochii amma Raashiyaan humna waraanaa ishee daangaa Yuukireen irratti bobbaaste, biyyoonni Lixaa dirqamuun fedha nageenyaa Raashiyaan barbaaddu sana akka fudhatan gochuuf jedhu namoonni baay'een.
Wanti Putiniin yaaddessan biroon maal?
Pirezidant Putiin biyyoonni Lixaa gurmaa'ina NATO fayyadamanii Raashiyaa marsu jedhu. Kanaaf, NATOn sochii isaa Baha Awurooppaa keessatti taasisu akka dhaabu barbaadu Putiin.
Putiin NATOn waliigaltee gara Baha Awurooppaatti hin baballatu jedhamee waliigalame Ameerikaan akka cabsite himu. Ameerikaan ammoo waadaa akkasii hin galle jetti.
NATOn ammoo biyyoonni miseensa ta'an Raashiyaan wal daangessan lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'uufi biyyoonni kunneenis kan isaan NATO irraa barbaadan deeggarsa loltummaa qofaa akka ta'e ibsa.
Raashiyaafi NATO ilaalchisee maaltu jira?
Lammileen Yukireen bara 2014 pirezidaantii isaanii jaalala Raashiyaa qabu yeroo angoo irraa ari'anitti odola kaaba biyyattiitti argamtu Kireemiyaa to'atte Raashiyaan. Kana malees Raashiyaan mormitoota mootummaa baha Yukireen jiran deeggaruus itti fufte.
Kana hunda keessatti NATOn tarkaanfii hin fudhanne, biyyoota Baha Awurooppaa baayyeetti garuu loltoota bobbaasuun garuu deebii kenneera.
Tarii Raashiyaan biyyoota miseensa NATO weeraruuf kaayyoo yoo qabaatteef dursanii ittisuuf akka danda'amutti yaadameeti kun kan ta'e.
NATOn Istooniyaa, Laatiiviyaa, Romaaniyaa fi Polaand keessa loltoota isaa qubachiiseera.
Kana malees NATOn xiyyaaronni Raashiyaa gara naannichaa keessa akka hin seenne dhorkuudhaaf eegumsa qilleensaa biyyoota Baaltikiitti baayyisee cimseera.
Mooskoon gama isheetiin humnoonni kunneen gadhiisanii akka bahaniif akeekkachiisaa turteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Waraana ammaa kanaan NATOn maal godhe?
Ameerikaan daangaawwan gama Bahaatiin jiruun humna NATO cimsuudhaaf jecha loltoota kuma sadii gara Polaandiifi Romaaniyaatti ergiteetti.
Dabalataan loltoonni waraanaaf qophii ta'an 8,500 qophii cimaatiin akka turan ajajjeetti. Haata'u malee, Yukireen keessa loltuu qubachiisuuf karoorri hanga ammaa hin jiru.
Kana malees, Ameerikaan meeshaaleen waraanaa gara garaa, akkasumas misaa'eloota farra taankii dolaara miliyoona 200 baasan, Yukreeniif kan ergite yoo ta'u, meeshaaleen biyyoota miseensa NATOs ta'e Ameerikaatti hojjetame Yukireeniif akka kennamu hayyamameera.
Yunaayiti Kingdom ammoo gama isheetiin Misaa'eloota farra taankii fageenya dhiyootti dhukaafaman Yukireeniif kan ergite yoo ta'u, loltoota dabalataa 350 gara Polaanditti ergiteetti.
Karaa Istooniyaatiinis loltoota dabalataa 900 ta'an erguudhaafis yaaddeetti.
Humna waraanaa Kibba Awurooppaafi humna doonii fayyadamuudhaan Yunaayitid Kingidom loltoota kuma 1 of eeggannoon akka turan ajajjeetti.
Tarii rakkoon namoomaa hamaan yoo dhalateef dooniin kun gargaarsa akka qaqqqabsiisu irraa eegama.
Denmaark, Ispeen, Firaans, fi Neezerlaand ammoo jeettiiwwan waraanaa gara Awurooppaa Bahaafi Mediteraaniyaanii Bahaatti erganiiru.
NATOn maal gochuuf qophaa'aa jira?
NATOn xiyyaarotaafi dooniiwwan waraanaa of eegganoon akka turan kan taasise yoo ta'u, daangaa Raashiyaafi Yukireen irratti ammoo lakkoofsi loltoota isaa akka dabalu ni eegama.
Loltoota kuma 40 ta'an qophaa'an bobbaasuu danda'a jedhamaas jira.
Dabalataanis Romaaniyaa, Bulgaariyaa, Hangaariifi Silovaakiyaa keessattis garee waraanaa dabalataa qopheessuu akka danda'u kan eegamu yoo ta'u, Polaandiifi biyyoota Baaltik keessatti sochiin jirus walfakkaata.
















