Weerara Yukireen: Waraanni Raashiyaa hanga ammaatti magaalaa guddoo Yukireen, Kiyeev, maaliif to'achuu dadhabee?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Raashiyaafi Yukireen guyyoota 10 lakkoofsise kun mancaatii hedduu qaqqabsiiseera. Akka Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii (UN) jedhutti namoonni miliyoona tokkoo ol ta'an sababa waraana kanaan Yukireen keessaa gara biyyoota ollaatti baqataniiru.
Humnoonni Raashiyaa magaalota Yukireen heduu meeshaa waraanaa gurguddaatiin haleelaa kan jiran yoo ta'u, magaalota muraasallee to'annoo isaanii jala oolfataniiru.
Magaalota Yukireen to'annoo humnoota Raashiyaa jala galan keessatti magaalaa ulaa galaanaa taateefi baayyee murteessituu taate Keerson tokkodha.
Guyyoota darban keessa magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev dabalatee magaalonni Yukireen warri akka Kerkiiv, Chersen, Leviiv, Luhaaniskiifi Maariyoopool misaa'elii Raashiyaan tumamaniiru.
Osoo akkas ta'aa jiruu loltoonni Putiin hanga funyaaniitti hidhatan maaliif hanga ammaatti Yukireeniin qabachuun yeroo isaan fudhate ykn dadhaban?
Magaalaan guddoo Yukireen, Kiyeev, hanga ammaatti maaliif qabachuun dadhabame? Jabina Yukireen irraa kan ka'edha moo sababoota birooti jiru?
Kunnneen gaaffiiwwan hedduun gaafataa jiranidha.
Loltoonni Putiiniifi konkolaataawwan waraanaa sibiila uffatan kuma hedduutti lakkaa'aman daandii magaalaa Kiyeevitti dhiyoorra erga hiriira galanii dhaabbatanii bubbuleera.
Hiriirri konkolaataawwan sibiila uffataniifi loltootaa walqabatee karaarratti mul'atu osoo walirraa hin citiin kiiloomeetira 60 ol akka dheeratu gabaafameera.
Kun ammoo fageenya xiqqoodhuma Finfinnee hanga Bishooftuurra darbu jechuudha.
Loltoon hanga kanaa baayyatu, hanqina loojistikii tokkollee kan hin qabne, isayyu sibiila warra uffate ta'anii maaliif balbala magaalaa Kiyeev gahanii dhaabbatanii hafan? Maaliif magaalaa guddoo Yukireen kana seenanii namoota barbaadan kokkee qabanii fudhachuu dadhaban?
Masaanuu Raashiyaa kan taate Ameerikaan kanaaf deebii qabdi.
Loltoonni Raashiyaa bakka jiranitti dhaabbatanii kan hafaniif hanqina boba'aafi nyaataa akka ta'e bira gaheera jetti Waashingiteen.
Dhimma kanarratti Ameerikaa amanuu dhabuun ni ulfaata. Sababiin isaa ammoo loltoonni Putiin karra magaalaa Kiyeev irratti hiriiranii akka jiran irraa gadi saatelaayitii isheetiin waraabdee addunyaatti kan agarsiifte isheedha.

Madda suuraa, Reuters

Erga waraanni kun jalqabee torban tokko keessatti lammileen Yukireen miliyoona ta'an biyyaa baqataniiru. Kun amanuuf nama rakkisa.
Magaalaan Siiriyaa diigamteyyu lakkoofsi hanga kanaa keessaa baqachuuf walakkaa waggaa ishee fudhatee ture. Lakkoofsi namoota Yukreen irraa buqqa'anii kun kan UN hime waan ta'eefis fudhatamni isaa hin shakkisiisu.
Seenaa Awurooppaa keessatti baayyinni namaa hanga kana gahu yeroo gabaabaa keessatti buqqa'ee godaanuuf erga Waraana Addunyaa Lamaffaatiin booda isa jalqabaatis jedhameera.
Haata'u malee, Yukireen baqattoota sanyiin isaanii gur'aacha ta'e biyyaa ba'uudhaaf yaalan irratti loogiin agarsiifte taajjabbii keessa ishee galcheera.

Pirzidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gita isaanii Pirezidantii Firaans Imaanu'eel Maakroon waliin bilbilaan dubbataniiru.
Maal ture kan waliin haasa'an?
Daqiiqaawwan 90 osoo bilbila hin cufuun waliin dubbatanii ture. Garuu haasaan bilbilaa isaanii kun nagaa fiduu hin dandeenye.
Yeroo bilbilaan haasa'anitti Putiin caalaa dheekkamuun Yukireen adabattee hin teessu taanaan fedhiin Mooskoon qabdu kan dabalu ta'a jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Erga waraanni kun jalqabamee gareen marii nagaa biyyoota lamaanii marsaa lamaaf kan wal argan yoo ta'u, Yukreen dursa kennitee kan gaafattu lammileen ishee nagaadhaan biyyaa akka bahaniif Raashiyaan karaa akka bantuuf yaada jedhu dhiyeessite. Haata'u malee, marii sanarraa wanti abdii namaaf kennu hin dhaga'amne.
Gama biraan Yukreeniifi Raashiyaa eenyu walitti yaa araarsu kan jedhu dhimma addunyaan irratti mariyataa ture yoo ta'u, filannoo tokkofaa taatee kan dhiyaatte Chaansilara Jarman duraanii Angellaa Merkel taate.
Angellaa Merken fi Vilaadmiir Putiin bara tokko keessa Baha Jarman keessa jiraataniiru. Lamaan isaanii yeroo wal arganis Afaan Ruusik osoo hin taane Afaan Jarman akka isaanitti tolu dubbatama.
Putiin dur basaasaa dargaggeessa wayita turetti Baha Jarman jiraataa ture; bara sana keessa kan Afaan Jarman dubbachuu anda'e.
Angellaa Merkel ta'uu baannaanis, Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing jaarsa ta'ee araarsuu ni danda'a jedhameera.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laaviroov, af-gaaffii Aljaziiraa qofaaf kennaniin Kireemiyaa Yukireen jala turte biyyi isaanii humnaan weerartee fudhatte kanaan booda akka Yukireeniif hin deebine dhugaa jiru dubbatee ture.
Kireemiyaan qaama Raashiyaa ta'uu ishee Yukireen itti hadhooftullee liqimsuudhuma qabdi jedhee ture Laaviroov

Lafti qabatan ballataa kan dhufe humnoonni Raashiyaa magaalaa Maariyoopooloottis marsaniiru.
Interneetiifi ibsaan magaalattiis addaan citeera. Magaalaa marfamte kana keessaa bahuunis hin danda'amu.
Haata'u malee loltoonni Yukireen magaalaa isaan jaallatan Maariyoopooloon akka harka loltoota Raashiyaa hin turreef kufanii kuffiisaa jiru.
Raashiyaan kilaastar boombii kan summaa'aa ta'eefi lafa gahe gubu fayyadamuu ishee ilaalchisee ammoo ragaan argameera.
Kana kan ifa godhan ammoo barreessaa olaanaa NATO Yenis Istooltenberg ta'uu isaati.


Madda suuraa, Getty Images
Torban kana keessa oduun sodaachisaan tokko dhaga'ameera. Awurooppaatti wiirtuun nuukilaraa gudicha ta'e Raashiyaa harka galeera. Wiirtuun kun Zaappaarzhiizhiyaa jedhama
Wiirtuun nuukilaraa kun miidhamee jennaan namoota naannawaa sana jiraataniif balaa baayyee hamaa ta'e qaqqabsiisa. Isaan qofa osoo hin taane gara fuula duraatti dhalli dhala isaanii dhalatuyyu fayyaa ta'uu dhiisuu mala.
Wiirtuun nuukilaraa kun midhaan irra gahee calaqqeen isaa miliqee yoo bahellee miidhaa hamaa qaqqabsiisa.
Kana jechuun maal jechuudha? Calaqqeen qaama namaa uree seenu ni jiraata jechuudha. Namoonni qaamni isaanii akka coomaatti baqa jechuudha.
Kana sirriitti hubachuudhaaf waggoota kudhan dura achuma Yukreen keessatti wiirtuun nuukilaraa Chernoobel jedhamu balaa irra gaheen kan uumame yaadachuudha.
Wiirtuu nuukilaraa kanarra wanti tokko gahee jennaan miidhaan isaa balaa Hiirooshiimaa Jaappaan irra gahe caala balaa qaba jedhu saayintistoonni.

Biyyoonni hollaa gochaan Raashiyaa isaan yaaddesse akka Joorjiyaafi Moldovaa Gamtaa Awurooppaatiif xalayaa barreessaniiru. Maaloo miseensa Gamtichaa nu godhadhaa jedhanii iyyataniiru. Raashiyaa qofaa ofiitiin dura dhaabbachuu sodaatanii jechuudha.
Dabalataanis Putiin TV biyyaalessaa Raashiyaa irratti bahanii biyyoonni Lixaa qoqqobii dabalataa Raashiyaarra akka hin keenyeef akeekkachiiseera.
Yeroodhuma Putiin kana dubbataa turetti garuu ministiroonni dhimma alaa biyyoota Lixaa waa'ee qoqqobbii dabalataa Raashiyaarra kaa'amuurratti Biraaselsitti walga'anii mariyataa turan. Putiin ergaa ummata isaatii fdabarseen, duulli waraanaa addaa Yukireen irratti baname akkuma karoorfameen deemaa jira; tasa isin yaaddessuu hin qabu jedheera.

Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa:
- Miidhaa Nuukileerri fidu maali?
- Manni Maree Mirga Namoomaa UN komishinaroota dhimma Itoophiyaa qoratan muude
- Raashiyaan Yukireen haleeluun walqabatee biyyoonni murteessoon eenyuun deeggaru?
- Raashiyaan hidhannoo waraana Niikuleera meeqa qabdi?
- Pirezidaantiin Yukireen kan Raashiyaan waraana irratti bantee, Voloodmiir Zeleniskiin eenyu?
- Weerara Yuukireen: Putiin lola kanaaf 'Milaacii' Nukileraa harkisuu maluu?
















