Waraana Raashiyaa- Yukireen: Raashiyaan boba'aasheerra yoo qoqqobbiin kaa'ame dhiyeessii akka dhaabuu dandeessu himte

Sararri boba'aa lakkuun Nord Stream kan kiilomeetira 1,224 dheeratu Baaltik, Lubmin keessa fulla'ee gara Jarmanii deema, Sadaasa 8, 2011 eebbifamee hojii eegale

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ujummoon boba'aa daddabarsu guddcihi Nord Stream 1 jedhamu erga eebbifamee reefuu waggaa kudhan

Biyyoonni lixaa boba'aa Raashiyaa irraa gara biyyasaanii galchan irra uggura kan kaa'an yoo ta'e sarara boba'aa gara Jarmaniitti geessu akka cuftu Raashiyaan himte.

Ministirri Muummee Itti Aanaa Aleksaandar Novaak, ''boba'aa Raashiyaarra uggura kaa'uun gabaa addunyaa balaa hamaaf saaxila. Boba'aan barmeelli tokko doolaara 300 akka ta'u godha,'' jedhan.

Ameerikaan humnoota Raashiyaa Yuukireen weeraran adabuuf jecha boba'aa Raashiyaa irraa gara biyyashee galchitu irra uggura kaa'uuf michuuwwan ishee waliin mariitti jirti.

Jarmanii fi Neezarlaandi garuu karoora Ameerikaa kana hin fudhanne, ni kuffisan.

Awurooppaan gaazii fi boba'aa walduraa duubaan dhibbeentaa 40 fi 30 Raashiyaarraa argatti, yoo dhiyeessiin Raashiyaa adda cites waan ittiin salphaatti bakka buufattu hin qabdu.

Aab Novaak ibsa karaa TV biyyasaanii kennaniin Raashiyaan gabaanshee gara Ameerikaa yoo uggurames, hatattamaan Awurooppaa keessaa gabaa bakka bu'u akka barbaaddattu himan.

"Boba'aan biyyoota Awurooppaatti qaala'uu mala, kun waggoota hedduu fudhachuu danda'a. Isaantu akkaan hubamu,'' jedhan qondaalli kun.

Jarmaniin ji'a darbe keessa waraqaa eeyyamaa sarara boba'aa biyyoota lameen walquunnamsiisu, Nord Steam 2, haquuf murteessuushee yaadachiisuun, qoqqobbiin boba'aa Raashiyaarra kaa'amu kamuu addunyaa akka miidhu dubbatan.

"Nutis tarkaanfii qoqqobbii kana gitu fudhachuuf mirga qabna. Sarara boba'aa gara Jarmaniitti geessu Nord Steam 1 cufuu dandeenya,'' jedhan.

Raashiyaan gaazii uumamaa fi boba'aa hin qulqulloofne qabaachuun addunyaarraa sadarkaa duraarra jirti, qoqqobbiin damee kanarra kaa'amu kamiyyuu diinagdeeshee akkaan miidha.

Yuukireen ammoo warri lixaa akka tarkaanfii irratti fudhachuu qaban irra deddeebiin dhiibbaa uumaa jirti, garuu murteen kun gatii boba'aa addunyaa akka malee olkaasa yaaddoon jedhu hunduma bira jira.

Boba'aa Raashiyaa qoqqobuuf sochiin warra lixaa erga eegalameellee gatiin boba'aa barmeelii tokkoo doolaara 139 caaluu Brent Crude oil ni mul'isa.

Kunimmoo erga bara 2008 as isa olaanaadha.

Dubartii boba'aa konkolaataatti naqaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, UK keessattis gatiin boba'aa akkaan dabaleera

US walta'iinsa michootasheellee yoo dhabde kophaashee qoqqobbii kaa'uuf murteeffachuu himteetti, biyyi kun Raashiyaarraa boba'aa dhibbeentaa 3 qofa argatti.

Wiixata darbe ammoo Chaansilarri Jarman Olaf Scholz yaada qoqqobbii kana hin barbaachisu jechuun haqanii turan.

Awurooppaan beekaa qoqqobbii damee annisaa Raashiyaarra kaa'amu keessaa moggaatti ba'aa jirti, sababni isaa ammatti Raashiyaarraa malee bakki boba'aa argattu waan hin jirreef jedhan qondaalli kun.