'Qobbootti raayyaan ittisaafi humnoonni Amaaraa walitti bu'uun miidhaan qaqqabe' - Jiraattota

Naannoo Amaaraa magaalaa Qobbootti miseensota humnoota Amaaraafi raayyaa ittisa biyyaa gidduutti Dilbata kaleessaa [Ebla 09, 2023] walitti bu’insi uumamee akka ture jiraattonni magaalattii himan.
Jiraataa BBCn dubbise tokko Faannoo fi miseensonni humni addaa Amaaraa gam-tokko goruudhaan miseensota raayyaa ittisa biyyaa waliin walitti dhukaasaniiru jedhuyyu, jiraataan biraa garuu walitti bu’insi kan ture Faannoofi raayya aittisa biyyaa gidduu qofadha jechuun miseensonni humna addaa walitti bu’insa ture keessatti akka hin hirmaatiin hime.
Jiraattonni lamaan magaalaa Qobboorraa Roohitars dubbise magaalaatiin alatti dhukaasa madfii akka dhaga’an ibsanii, dhukaasni kun garuu qama isa kamirraa akka ta’e akka hin beekne dubbatan.
Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) gama isaatiin magaalaa Raayyaa Qobboofi naannawaa sanatti “dhukaasni meeshaa guddaatiin deeggarame” gaggeeffamaa akka ture ibseera.
Walitti bu’insi humnoota Amaaraafi raayyaa ittisa biyyaa gidduutti uumamuun kun kan dhaga’ame mootummaan Federaalaa humnoota addaa naannolee diiguudhaan miseensota gara caasaaleen nageenyaa birootti akka makamaniif karoora akka qabu ibsuu hordofee, addatti naannoo Amaaraatti mormiin erga dhaga’ameen boodadha.
Warri murtee kana morman humnoonni naannolee hollaa naannoo Amaaraa ta’an Tigraay fi Oromiyaa keessa socho’an Amaaraaf yaaddoo waan ta’aniifi humni addaa diigamuu hin qabu jechuun mormu.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) tokkummaa Itoophiyaatiif, akkasumas nageenya ummataatiif jecha bulchiisni isaanii miseensota humna addaa naannoo gara caasaa nageenya abirootti galchuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Haata’u malee, karoorri kun naannoo Amaaraa irraa mormiin guddaan kan mudate yoo ta’u, kjaleessa magaalota akka Gondar, Dabre-maarqosfi Dabre-birhaan dabalatee naannicha keessa bakkoota birootti hiriirawwan mormii gaggeeffamaniiru.
Jiraattonni BBCn dubbise lamaanuu Dilbata kaleessaa ganama sa’aatii 3:00 irratti sagaleen dhukaasaa dhaga’amuu jalqabe takka tasgabbaa’aa, deebiyee ammo dhaga’amaa guyyaa guutuu dhukaasni gaggeeffamaa akka oole dubbatan.
Jiraattonni kunneen kara agama baha magaalaa Waldiyaa Nook jedhamuun beekamuun dhukaasa dhaga’amaa oleen sagalee meeshaa waraanaa guddaa dabalatee sagaleen dhaga’amaa akka ture himu.
“Sagaleen Madfii dhaga’amaa ture. Har’a ganamas [Wixata] sagaleen meeshaa waraanaa gurguddaa dhaga’amaa ture. Amma garii xiqqoo [gaabbi] jedheera,” jechuun ibsan.
Walitti bu’iinsi Qobboo akkamitti eegale?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraatan BBCn dubbise akka jedhanitti walitti bu’iinsi uumamuu malee eenyu dursee dhukaasa akka eegale hin barre.
Jiraatan biraa garuu walitti bu’iinsi kan eegale gareen Faannoo konkolaataa Raayyaa Ittisaa irratt dhukaasa banuu hordofee akka ta’e ibsu.
“Faannowwan mufatanii taa’aa turan bakka raayyan ittisaa iru deemanii konkolaataa oraali argannaan dhukaasa itti banan. Sana booda isaanis [raayyaa ittisaa] dhukaasan,” jechuun dhukaasni hammaachuu jiraatan maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan BBCtti himan.
Jiraatan biraa dhukaasa gaafa Dilbataa ture eenyu akka dursee eegale hin barre ammoo humni addaa humna nageenyaa biraatti hin dabalamnu jedhan garee Faannoo waliin ta’uun Raayyaa Ittisaa wajjin walitti dhukasuu himu.
Jiraatan lammaffaan garuu walitti bu’iinsa uumamerratti kan hirmaate garee Faannoo malee humna adda akka hin taane himu.
“Umni addaa hin dhukaasne. Humni addaa kaampii magaala keessa jiru keessa ture, ammayyii achuma jiru. Faannodha kan rayyaa ittisaa wajjin walitti dhukase” jechuun BBCtti himan.
Miidhaa qaqqabe
Jiraattonni kunneen walitti bu’iinsa Kanaan miidhaan namarra ga’e hagam akka ta’e ibsuu hin dandeenye.
Garuu miseensonni faannoo sadi ajjeefamuu dhageenyeerra jedhan.
‘’Faannoon sadi ajjeefamaniiru. Kanneen faannoo tokko awwaalleerra. Garuu reenfa lamaan hafe ammallee hin kaafamne jedhamaa jira. Gama raayyaa ittisaan miidhaa qaqqabe garuu hin beeku. Sana beekuun baayyee ulfaata,’’ jedhan.
Jiraataan kan biraan dhukaasa sa’atii dheeraaf ture dhababachuu BBCtti hime.
Walitti bu’iinsa kana booda miseensonni faannoo bakka sanaa dheessanii ba’uu akka dhagahan garuu ibseera.
‘’Kaleessa magaalaan waraana keessa turte. Uummanni manaa hin ba’in oole. Har’as daandiin qullaadha. Keessa keessa garuu uummanni socho’uu eegaleera,‘‘ jechuun haala har’a magaalaa Qobboo keessa jiru ibse.
Jiraataan magaalaa Qobboo kann biraan erga mootummaan humna addaa bifa haaraan gurmeessuu egaluu ibsee eegalee mormiin magaalattii keessaa dhabamee akka hin beekne ibse.
‘’Erga mormiin eegalee, erga daandiin cucuufamee guyyoota sadi ta’eera. Sambata darbe ammoo hiriirri gaggeeffameera,‘‘ jedhe namni kun.
Har’a ganama ammoo daandiiwwan dhagaadhaan cufaman uumanni akka banu raayyaan ittisaa dirqamsiisuu himan.
Kana malees ganama kana abbootiin amantii gareewwan walitti bu’an araarsuuf yaalii taasisaa akka turan jiraattonni himaniiru.
Pireezidantiin naannoo Amaaraa Yiliqaal Kaffaale (PhD) miidiyaa naannochaatti akka himanitti tarkaanfiin humna addaa bifa haaraan gurmeessuu naannolee hunda keessatti fudhatamaa jiru, dogoggoraan hubatameera.
‘’Qaawwa odeeffannoo uumameen magaalota tokko tokko keessatti hiriirri mormii, waamichi diddaa fi sochii geejjibaa ugguruun mudateera,‘‘ jedhan.
Itti dabaluun yeroo ammaa, ‘’miseensonni humna addaa garri caalaan mariisaanii xumuranii garee humna nageenyaa kamitti akka makaman qophiin eeggachaa jiru ,‘‘ jedhan.
Miseensonni humna addaa mooraa keessaa ba’anis akka mooraatti deebi’an waamicha dhiheessaniiru.












