Ayyaana Iidaaf waamichi waraana dhaabuu dhiyaatus Sudaanitti lolli hammaatee itti fufeera

Loltoota Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Ayyaana Eid al-Faxir sababeeffachuun guyyoota sadiif waraanni ni dhaabata jedhamee eegamus magaala Kaartum dabalatee Sudaan bakka heddutti lolli cimaan gaggeeffamaa jira.

Lolli cimaan gaggeeffamaa kan jiru magaala guddoo biyyatti, Kartuum keessatti.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni akka US, Kaatar, Turkii, Sudaan Kibbaafi Saawudifi fa'aa waraanni akka dhaabatuuf waamicha dhiyeessuu Waraanni Sudaan beeksisee ture.

US, fi UN qaamoleen wal-waraanan guyyoota sadiif waraana akka dhaaaniif waamicha dhiyeessun dhiibbaa taasisaa turan.

Humni Addaa Sudaan Jeneraal Mohaammd Hamdaanin namoonni nagaan ayyaana Iidaa akka kabajaniifi deeggarsi namoomaa akka qaqqabuuf waraana akka dhaabu beeksisee ture.

Humni Waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhanin gaggeeffamu garuu waamicha waraana dhaabuu kaa cinatti dhiisun haleellaa cimaa gaggeessuu ittan fufa jechuun fuula Twitarasaarratti ibse.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Nageenya lammiilee eeguf humna guddaa magaala Kaartum keessatti bobbaasus beeksise.

Jiraattonni magaala Kaartum, Humni Waraanaa guddaan bobba'ee daandiwwan magaala Kaartum irratti akka mul'atan ibsu.

Humni Addaa gamasaatin Humni Waraanaa Sudaan waraana guyyaa sadiif dhaabuu waan dideef haleellaa irratti gaggeeffamaa jiru "ofirraa qolataan jira" jedhe.

"Waraana tokko, uummata tokko"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni Waraana Sudaan biyyattiin waraana lama hin qabdu jechuun Humna Addaa Jeneral Mohammad Hamdan Dagalodhan deeggaramu irratti lafoofi qilleensarraan haleellaa gaggeessaa jira.

Dhaadannoo "Waraana tokko, biyya tokko" jedhu fayyadamuun lola kana gaggeessaa jira.

Waamicha biyyoota ollaa Sudaanifi biyyoota lixaarraa dhiyaatun hanga uummanni Sudan ayyaana Iidaa kabajee deeggarsi namoomaa qaqqabutti guyyoota sadiif waraanni ni dhaabata jedhamee eegamaa ture.

Akka karoora kanaatti silaa waraanni kun kan dhaabachuu qabu har'a barii obboroo sa'aatii 12 irraa eegalee ture.

Qaamoleen wal-waraanan kun garuu waamicha dhiyaatef gurra waan qaban hin fakkaatu. Lolli cimaan daandii magaala Kaartum irratti gaggeeffamaa jiru.

Humni Waraana Sudaan waraana kana yoo addaan kute, Humni Addaa (RSF) deebisee of-gurmeessun dhiyeessii meeshaalee waraanaa argata jedhee yaada.

Waamichi waraana dhaabuu dhiyaate kun si'a sadaffaaf ta'us si'a sadanuu hojiirra hin oolin jira.

Haa ta'u garuuu ammayyuu biyyoonni heddu waraanni dhaabatee lammiilen deeggarsa namoomaa akka argataniif dhiibbaa gochaa jiru.