Hookkarri Sudaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota ollaarratti dhiibbaa akkamii qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Tibbana Sudaan jeequmsaan hunkuramaa jirti. Jeneraalotni lameen aangoo qabachuuf jecha wal dhabdee keessa galuun waraanatti jiru.
Ajajaan humna waraanaa biyyattii Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaanii Mana-maree olaanaa biyyattiif pirezidaantiifi ajajaa raayyaa ittisa biyattiiti.
Humna waraanaa biyyattii waliin waraanaattii kan galan ammoo ajajaan humna addaa Raappiid Saappoort Foorsis (RSF) Sudaan fi itti aanaa pirezidaantii Mana-maree olaanaa biyyattii kan tahan Jeneraal Mahaammad Hamdaan Dagaaloo jedhamu.
Jeneraalotni lamaan aangoo irratti wal dhabuun magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum dabalatee magaalota biyyattii adda addaa keessatti walitti bu’insa guddaa kaasuun lubbuun namootaa darba jira.
Pirezidaantii duraanii Omar al-Bashir aangoorraa kaasuun aangoo harkatti kan galfate bulchiinsi siivilii biyyattii osoo hin turiin aangoorraa kaafaman.
Ergasii Sudaan Mana-Maree Ce’umsaa hundeessuun ajajajoota waraanaa lamaan kanneeniin gaggeeffamaa turte.
Bu’uurri walitti bu’insa amma mudatees jeneraalota waraanaa kanneen lamaanidha.
Jeneraalotni lameenuu aangoo Sudaan gaggeessuu harka namoota siiviliitti deebisuuf waliigaluu ibsanii ture.
Humna addaa ykn RSF biyyattiis gara waraana idilee biyyattiitti makuuf waliigaluu ibsaniiru.
Maqaa masoo Hemetii jedhamuun kan beekaman Jeneraal Dagaaloon kan gaggeessaa jiran humna addaa kuma 100 tahu, yoom human waraanaa idileetti makamu, sana booda hoo eenyu waraana waloo biyyaa kana gaggeessa? Kan jedhu irratti jeneraalotni lameen osoo walii hin galiin hafaniiru.
Walitti bu’insi ammaa kun osoo hin ka’iin dura muddamni hammaatee ture. Walitti bu’insi ni ka’a jedhamee garuu hin eegamne. Abdii lammiileen Sudaan qabanis jeneraalonni kunneen garaagarummaa yaadaa qaban mariin furu kan jedhu ture.
Jeneraalonni lameen garuu karaa biraa filachuun gara wal waraanuutti galan. Walitti bu’insi kun hiree Sudaan gaaffii keessa galcheera.
Garuu rakkoon kun Sudaan irra darbee biyyoota ollaa fi Gaanfa Afrikaa keessattis dhiibbaa uumuun isaa waan hin oolledha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abdurahamaan Sayid Abuu Hashiim xiinxalaa siyaasaa Gaanfa Afrikaati.
Gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irratti akkuma Omar al-Bashir aangoo irraa kaafamaniin ajajoonni waraanaa biyyattii gara aangoo qoqooddachuutti yoo galan rakkoo tahuu akka malu dursanii hubachuu dubbatu.
Kanaaf ammoo dhimmoota lama akka sababaatti kaasu.
Kan jalqabaa waraanni aangoo yoo qabate gadhiisuuf eeyyamamaa hin tahu kan jedhudha.
Uummata tasgabbeessuuf jecha "aangoo gara siiviliitti deebisna" jedhu malee murteen kun onnee isaanii irraa kan madde miti jedhu.
Sababni biraan kaasan ammoo wal qoqqoddaa waraana keessa jiru akka tahe kaasu.
Waraanni Hemeetiin gaggeessan raayyaa ittisa biyyaa kan deeggaru haa fakkaataniyyuu malee fonqolcha mootummaa erga gaggeeffameen as of danda’anii qofaatti akka bahanitti hojjechaa ture. Kun ammoo rakkoo hamaa akka kaasu ifa ture jedhan.
Humniaddaa ykn RSF kun biyyattii keessatti qofa osoo hin taane biyyoota kaan waliinis kallattiin qunnamtii qabaachuun isaa, loltoota isaanii gara Yamanii fi Liibiyaatti bobbaasuun isaanii, hidhannoodhaan, dippilomaasiifi hojiidhaan waraana idilee biyyattii caalaanii akka deeman agarsiiftuudha jedhan.
"Kumni humna addaa kun humna argataa dhufe. Oolee bulee gara walitti bu’insa kanaatti akka galu ifaa ture," jedhu Abuu Haashim.
Waraanni humna addaa kun yoom waraana idileetti makama? Sana booda eenyu gaggeessa kan jedhu as irraa kan dhalate tahuu hubachiisu.
“Biyya tokko keessa humni hidhate lama jiraachuu hin danda’u. Keessumaa kan hidhate, hogganaa mataa isaa kan qabu, dippilomaasii mataa isaa kan gaggeessu, humna raayyaa ittisa biyyattii idilee dadhabsiisa malee hin jabeessu. Kun biyya tokko eeguufi ittisuuf humna jabaa hin kennuuf," jedhan Abuu Haashim.

Sudaaniifi biyyoota ollaa
Dhimma Sudaan irraa kallattiin biyyootni fedha qaban baay’eedha.
Naannoo walitti bu’insi kun itti ka’e Baha Afrikaa yeroo kaanis walitti bu’insa irraa kan fagaate miti. Walitti bu’insi yoo hin jiraannellee muddamaan kan guutamedha.
Xiinxalaan siyaasaa biraa Adam Kaasee walitti bu’insi Sudaan kan mudate yeroo Itoophiyaan rakkoo siyaasaa keessa galtetti akka ture yaadatu.
Sudaan Kibbaas tahe Ertiraa keessa muddamni siyaasaa akka jiru kaasu.
"!Hulaan galaana diimaa daandii daladalaa adunyaa isa bu’uuraati. Kana irratti Sudaan biyya guddoo waan taateef yeroo gabaabaafis tahe dheeraaf walitti bu’insi mudachuun naannicha keessatti rakkoo guddaa uuma,’’ jedhan.
Waanti Sudaan keessatti raawwatu kallattiinis tahe al-kallattiin dhiibbaa isaan irra geessisa.
Keessumaa rakkoon amma dhalate yoo itti caale wantootni wal xaxaan mudachuu malu jedhu.
Qe’ee isaanii irraa buqqa’uun gara biyyoota ollaatti baqachuun jiraachuu akka danda’u eeran.
Walitti bu’insa kana gidduun loltootni leenjiif dhufan jedhaman Masirii irraa irraa Sudaan galuun bakka Merewaa jedhamutti ‘to’annoo jala oolfamuu’ isaanii himameera.
"Masiriin Al Burhaaniidhaan deeggarti.Kaayiroon tarkaanfii akkamii akka fudhattu ni ilaalla. Callistee teessee garuu hin ilaaltu. Haalichi ishee yaadessa. Akkuma keenya [Itoophiyaa[ daangaa bal’aa waliin qooddatu. Lammaffaa ammoo lagni Abbay Sudaan keessadha kan darbu," jedhan.
Kanaaf, Kaayiroon waa’ee Sudaan kana itti dhiyeenyaan hordofti jedhan.
Namni gara aangootti dhufu dhima Hidha Abbayyaa irratti ejjennoon qabaatu ishee yaadessa. Fedha Kaayiroo kan faallessu gara aangootti akka dhufu hin barbaaddu. Kanaaf, gara Sudaanitti carraan galuu ishee guddaa taha jedhan.
Akka kana duraa harka wayyaa jalaan hojjettu dhiistee ‘ifumatti’ irratti hirmaachuu akka dandeessu himu.
Itoophiyaanis dhimma Sudaan irratti na ilaallata kan jettu dhimmoota hedduun jiru.
Hidha Guddicha Haaromsaa waliin wal qabatee, akkasumas daangaa bal’aa waliin qabaachuufi baqattootni Itoophiyaa hedduun Sudaan keessa jiraachuun isaan duraati.
Waanti Sudaan keessatti raawwatu hariiroo biyyoota lameeniirratti dhiibbaa mataa isaa qabaata.
“Hanga walitti bu’insi jirutti dhimma Hidha Guddichaafi daangaa irratti nagaa buusuun carraan isaa ni dhiphata. Garuu walitti bu’insi kun karaa nagaa kan xumuramu yoo taheefi sirni gaariin yoo diriire, akkasumas namni fedha uummata Sudaan dursuun hojjetu yoo dhufe, Hidha Guddichaa ilaalchisee waanta gaariirra gahuu danda’u,’’ jedhan Adam Kaasee.
Xiinxalaan kun akak jedhanitti, walitti bu’insi kun yoo itti fufe Hidha Guddichaafis tahe sochii uummata biyyoota lameeniirratti rakkoo guddaa uuma.
Haalli Chaayinaa fi Ertiraas dhimma kaafamuu qabu gara biraati. "Karaa Bahaa Sudaaniin Ertiraa waliin dhimmi wlaitti ishee fidu baay’eedha.
Mootummaan Ertiraa harka isaa maratee hin taa’u. Mootummaan Ertiraafi Chaayinaa Jeneraal Heemeetii warra deeggaranidha. Dhimmi kun walitti bu’insicha hammeessuu danda’a,’’ jedhu Abuu Haashim.
Sudaaniifi daangaa Itoophiyaa
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa, Itoophiyaan loltoota ishee daangaa Sudaan irraa kaasuu hordofee loltootni Sudaan daangaa Itoophiyaa cabsanii seenuun gaaffii lafichi keenya jedhu kaasuun isaanii ni yaadatama.
Kana yaada keessa galchuun Itoophiyaan naannolee harkaa bahanii turan carraa deebistee qabachuu qabdi jechuun kanneen yaada kennanis jiru.
Bakkeewwan kanneen haala kanaan deebistee fudhachuun "dhimmicha karaa nagaa furuu waliin wal qabatee, hidha haaromsaa waliin wal qabatee, akkasuma daangaa bal’aa waliin qooddachuu fi ollaa tahuu irraa kan ka’e yeroo kana humnaan deebisanii qabachuun fudhatama Itoophiyaan adunyaa irratti qabdu miidha’’ kan jedhan Obbo Adam, humnaan deebisanii qabachuun milkaa’ina hin qabu jedhan.
Dhimmichatti mariidhaan furmaata waaraa itti kennuu akka qaban himan.
Hiree Sudaan

Madda suuraa, Getty Images
Abuu Hashimiif dhimmichi waan gatii hin qabne ta'eera.
"Qaamoleen lamaan ida’ama zeeroo keessa galaniiru. Kana jechuun, tokko mo’achuu qaba. Lamaan isaaniis kan jechaa jiran kanumadha. Tokko isa tokko mo’achuun to’annoo jala oolchuun hidhuudha kan yaadaa jiran,’’ jechuun ibsa Abuu Hashiim.
“Garuu lammiileen Sudaan aadaa araaraa ittiin beekaman tokko qabu,’’ kan jedhan Abuu Hashiim.,’’ humna araara buusuu qabu, waanti amma mudate garuu gara sanatti waan isaan geessu natti hin fakkaatu. Kanaaf, tokkoon isaanii mo’achuu qabu’’ jedhan.
‘’Tarii wal mo’achuu kan hin dandeenye yoo tahe, lamaan isaanii gidduutti araarri bu’ee, dhiifama walii godhanii, guutummaatti humni waraanaa aangoo irraa fagaachuu akka qabu kan waliigalan yoo tahe qofa biyyattiif waan gaariin dhufuu danda’a,’’ jedhan.
Uummannis bulchiinsa siivilii waan barbaaduuf dhiibbaan hawwaasa adunyaas itti dabalamee waliigaltee irra yoo gahan abdii qabaata.
‘’Yoo kun hin taane garuu akkuma Somaaliyaa keessatti tahe, waraana walii waliinii kaasuun wal bittinsuu fiduu danda’a,’’ jechuun Abuu Hashiim yaaddoo qabanis ibsu.
Sudaaniifi gahee Itoophiyaa
Walitti bu’insi kun warra kaaniif ammoo carraa addaa uumuu danda’a.
Walitti bu’insichi karaa nagaatiin yoo hin xumuramne Itoophiyaafis tahe Ertiraaf balaa guddaa qabaata.
"Itoophiyaanis gama isheen of eeggannoo guddaa gochuu qabdi. Akka lammii Itoophiyaa tokkootti kun hubatamee eegumsis tahe waan hunduu waan qindaa’e taha jedheen amana,’’ kan jedhan Obbo Adam, Itoophiyaan walitti bu’insichi karaa nagaa akka xumuramu osoo dhiibbaa gootee waan gaarii taha jedhu.
Walitti bu’insichi akka dhaabbatu dhuunfaadhaam ykn IGAD fi Gamtaa Afrikaa waliin tahuun ajajootni waraanaa lamaan gara mariitti akka dhufan dhiibbaa gochuu akka qabdu amanu.
‘’Itoophiyaaf kan fayyadu Sudaan gara sirna dimokiraasii gaariitti akka ceetu deeggarsa gochuudha. Faayidaa mataa keenyaafis nagaa kan nuuf fidu dimokiraasii waan taheef.
Biyya biraa keessatti akka imaammata tokkoo goonee kan hordofuu qabnu, ajajaa waraanaa abbaa irree tahe tokko waliin nagaa buusnee faayidaa keenya kabachiifachuu osoo hin taane, sirna ifa taheefi faayidaa lammiilee Sudaan kabachiisuu danda’uufi dhaabbataa tahe waliin osoo tahe wayya ejjennoo jedhun qaba.
Jalqaba akka waraanni dhaabbatu, itti aansuun ammoo akka uummatni Sudaan jedhutti gara sirna dimokiraasitti akka galan deeggarsa gochuufiidha," jedhan Obbo Adam Kaasee.












