Sudaanitti dippilomaatota US fi Gamtaa Awuuroopparratti haleellaan raawwate

Madda suuraa, AFP
Waraana Sudaanfi humna addaa biyyattii gidduutti Lola deemaa jiruun Sudaanitti dippilomaatota US fi Gamtaa Awurooppara haleellan qaqqabuun gabaafame.
Ministira Dhimma Alaa US kan ta'an Antoonii Biliinkan akka jedhanitti konkolaataa dippilomaatota US fe'ee deemaa turerra haleellaa qaqqabus garuu namni miidhame hin jiru.
Gama biraan ammoo Sudaanitti ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa kan ta'an Ayidan O'Hara, mana jireenyaaaanii keessatti haleellaan irra gahe.
Ambasaaddarri EU kun lammii Ayirlaand yoo ta'an miidhan cimaan akka irra hin geenye Ministiirri Dhimma Alaa Ayirland Misheel Maartin beeksisan.
Misheel akka jedhanitti haleellaan ambasaaddar Ayidan irra gahe "mirga dippilomaatotaa eeguu kan cabsuudha" jedhan.
Lola qaamolee nageenyaa Sudaan gidduutti gageeffamaa jiruun namoonni 185 yoo ajjeefaman 1,800 ol ammoo madaa'uu UN beeksise.
Haleellaa qileensarraa dabalatee dhukaasni meeshaalee waraanaa xixiqqaa hanga gurguddaa hirmaachise magaala guddoo Sudaan, Kaartum keessatti gaggeeffamaa jira.
Waranni Sudaanis ta'ee Humni Addaa (RSF) lamaan isaanii magaala Kaartum iddoo ijoo ta'e qabanneerra jedhanii dubbatu. Haa ta'u garuu waraana cimaa magaala namoonni heddu keessa jiraatan keessatti gaggeeffamaa jiruun lammiilen nagaan heddu miidhamaa jiru.
Gama biraan ammoo haleellan dippilomaatii EU irratti raawwachuutu gabaafame. Ministiirri Dhimma Alaa Ayirlan, ambasaaddaricha "dippilomaatii cimaa haala rakkisaa keessatti Ayirishfi EU bakka bu'ee hojjataa jiruudha" jechuun ibsan.
Itti gaafatamaa dhimma tarsiimoo alaa EU kan ta'an Joosef Boorel fuula Tiwitara isaanirratti, nageenya hawaasa dippilomaasif nageenyi dursaa kennuun angawoota Sudaanirraa akka eegamu barreessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Odu himaa Isteet Dippaartimet kan ta'an Joon Kirbii ammatti lammiilee US Sudaan keessaa baasuf karoorri akka hin jirre dubatan.
Lolli Sudaanitti gaggeeffamaa jiru lammiilee heddu manaa akka hin baane manatti ittisee jira. Waraanni Sudaan haleellaa qilleensarraan deeggaramee buufataalee Humna Addaa (RSF) haleeluu itti fufeera.
Buufanni Humna Addaa tokko tokko nannoo mana jireenyaa lammiilee nagaa ta'uurraa kan ka'e yeroo haleellan qilleensarraa gaggeeffamu maneen jireenyaa barbadeessuu bira darbee lubbuu lammiiles gaaga'aa jira.
Ogeeyyin fayyaa akka jedhanitti, lola kanaan hospitaalonnillee akka haleelaman dubbatu.
Hospitaala al-Shab kan magaala Kaartum keessatti argamu dabalatee kilinika lamarra miidhan gaheera akka ogeeyyin fayyaa jedhanitti.
Gaggeessaa Humna Addaa Sudaan kan ta'e Mohamed Hamdan Dagalo Wiixata, Ebla 19 "gareen finxaalesi Islaamikii lammiilee nagaarrati haleellaa qilleensarra raawwataa jira waan ta'eef" hawaasni idila-addunyaa akka gidduu galu gaafatee ture.
Namooni bahanii akka waa bitataniifi kanneen madaa'an waldhaansa akka argataniif gareen lamaanuu gaafa Wiixataa sa'aatii muraasaf waraanni akka dhaabatu walii galanii turan.
Haa ta'u garuu walii galtichi sa'aatii jedhameef osoo hin turin waraanni itti fufee ture.












