Yaadota dogoggoraa waa'ee namoota yakka gudeeddii raawwatanii

Madda suuraa, Getty Images
Daa'imni waggaa torbaa Baahirdaaritti waggaa tokko dura nama haadhasheef mana kireessuun gudeedamtee ajjeefamteetti.
Namni yakka kana raawwates ji'a tokko dura hidhaan waggaa 25 itti murtaa'uun dhagahameera. Waa'ee daa'ima waggaa torbaa gudeedamtee duutee Heevan, harmee isheerraa akka dhageenyetti, gabaasun keenya ni yaadatama.
Murtoon kuni kennamuun booda adabbiin kenname gaha miti kan jedhu dabalatee miidiyaa hawaasaarra dheekkamsi dhagahamaa tureera.
Namoonni garii yakkamaan kuni ''ajjeefamuu qaba, kun nama miti bineensa,'' yaadota jedhan dabalatee nama yakka kana raawwate qaama hawaasaan ala akka taheetti ilaaluun ni mul'ata.
Falmitoota mirgoota dubartootaafi dhaabonni mirga namoomaa waa'ee namoota yakka gudeeddii raawwatanii yaadoti dogoggoraa hawaasa keessa yakkichi inumaa akka hammaatuuf shoora qabu jedhu.
Ilaalchota dogoggoraa muraasa baay'inaan waa'ee namoota yakka gudeeddii raawwatanii hawaasni amanu garummoo qabatamaan ''dhugaa miti'' jechuun ogeessonni mirga dubartootaa falman ilaalleerra.
Yaada dogoggoraa 1: Gudeeddiin nama hin beekamneen raawwatama
Yakki gudeeddii namoota miidhamtoonnin hin beekneen, bakka hin beekamnetti raawwatama yaadni jedhu hawaasa keessatti bal'inaan amanama.
Ogeettii wal-qixxummaa koorniyaafi mirga dubartootaa Hillinaa Dagafaa yaadni kuni dogoggora tahuurra darbee yakki kuni akka hammaatuuf haqni akka buune jabeessaa jetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijoollee dubartootaa hawaasni gaafa guddisu ''karaa kanaan hin deemin,dukkana keessa hin deemin,'' jechuun itti hima,'' jette.
Hawaasni yaada kana himaa guddisuun gudeedamuun ykn haleellaan saalaa mirga dubartootaa molqu akkuma yakka biraa akka qaqqabuu danda'u waan amanuufi jetti.
Yaadni dogoggoraa waa'ee namoota yakka gudeeddii raawwatanii ''manaa yeroo baanu kan isaan argannu, mana hiriyaa ykn mana dhugaatii gaafa deemnu qofa kan nu mudatan itti fakkachuusaati,'' jechuun ibsiti.
Haa tahu malee qabatamaan namoonni yakka gudeeddii raawwatan namoota miidhamtoonni dhiyootti beekaniin raawwata.
''Abbaa, eessuma, nama ollaa, abbaa biddeenaa akkasumas namoota nu eegu jenne yaadnu dha,'' jechuun ibsiti.
Hillinaan yakki kuni yeroo baayyee ''mana keenyaafi namoota nutti dhiyoo jiranitti haa raawwatamuyyuu malee yeroo namni hin jiretti ykn dhoksaatti raawwatama,'' jetti.
Yakki kuni dhoksaatti akka raawwatamu yoo ibsitus, ''amalli yakkichaa ishee gudeedamtu humnashee irraa molquufi olaantummaa itti agarsiisuu dha,'' jetti.
Ragaan Biyyoota Gamtoomanii akka agarsiisutti haleellaan saalaa dubartoota irratti abbaa warraa ykn jaalallee amma wajjin jiran ykn duraan waliin turaniin raawwatama.
Yakki gudeeddii yeroo baayyee kan hin gabaafamne yoo tahu kunis sababa miidhamtonni haaloo bahumsa dabalataa sodaataniifi ''yakkichi nama itti dhiyaataniin waan raawwatamuufi,'' jetti Hillinaan.
Gabaasota UN fi qorannoowwan dhaabota falmitoota mirga dubartootaan adeemsifamaniin dabalatee yakki gudeeddii harka 80 namoota miidhamtoonni beekaniin raawwatama.
Yaada dogoggoraa 2: Namoonni yakka gudeeddii raawwatan dhukkuba sammuu qabu
Yakki gudeeddii suukaneessaa tahe dubartoota irrattis tahe daa'imman irratti gaafa raawwatu hawaasni fayyaa sammuu nama yakka kana raawwatee gaafachuun wajjin dhufa.
Joornaaliin fayyaa Ameerikaa National Library of Medicine namoonni yakka gudeeddii raawwatan baayyeen rakkoo fayyaa sammuu akka hin qabne agarsiisa.
Ogeessonni yakka gudeeddii warreen raawwatan qoratan, ''otooma namoonni kunneen rakkoo fayyaa sammu qabaatanillee dhibee kanatu yakka gudeeddii akka raawwatan taasise jechuun hin danda'amu,'' jedhu.
Yakki gudeeddii fi rakkoon fayyaa sammuu hidhata kallattii akka hin qabne ibsu.
Ogeettiin mirga dubartootaa Hillinaa Birhaanuu gamasheen, ''akka hawaasaatti itti gaafatamummaa fudhachuu waan hin barbaanneefi gochaa kana dhibee sammuutti qabanna,'' jetti.
Kanaaf akka sababaattis kan keessus namni yakka kana raawwate ''murtoo badii dalaguu,'' isaa fudhachuun akka hawaasaatti ''hunda keenyatti'' itti gaafatamummaa waan fiduufi jechuun ibsiti.
Yakka nama raawwatu kana ''nu keessaa tokko'' akka hin taanetti adda baasuufi ''ofiin fayyaa sammuu gaarii'' namoota qabnu dha jechuun akka hawaasaatti ''soba'' ofitti himnu dha jechuunis gudunfiti.
Yakkamtoonni kunneen namoota nu gidduu jiraniifi yeroo ''gochootaafi amaloota saalaan loogan biroo raawwatan hawaasani callisee bira darbee har'a yakka isa ''guddaa'' jedhamu raawwatan ifatti bahan itti duulu dha jechuun ibsiti.
Yaada dogoggoraa 3: Dhiiroti fedhii ''saal-quunnamtii'' to'achuu hin danda'an
Dhiiroti miira ''saal-quunnamtii isaanii to'achuu hin danda'an'' yaada dogoggoraa biraa waa'ee namoota yakka gudeeddii raawwatanii himamuufi amanamu dha.
Hillinaan, ''namni gudeeduudhaan ykn saal-quunnamtii eeyyama malee raawwachuun fedhii saal-quunnamtii guuttachuu hin danda'u.
Gudeeddiin gochaa qaama namaa ''sarbuu, to'achuu, miidhuufi dararuu dha malee dhimma saal-quunnamtii miti,'' jechuun ibsiti.
Saal-qunnamtiin waan namoota eeyyama kennuu danda'an gidduutti eeyyamaan kan raawwatamu dha jechuunis ibsiti.
Haala kanaan gudeeddiin dhimma eenyummaafi qaama dubartootaa to'achuu akka tahes ibsiti.
Yeroo waraana Tigraayi waan mudate akka fakkeenyaatti kaasunis ibsiti ogeettiin kuni.
''Qaamota wal-lolaa turan keessaa dubartoota garee isaan diina jedhan keessa jiran kan isaan gudeedaa turan, ergaa dabarsuu waan barbaadaniifi. Dubartii kan kooti, nan eegaani jettu kana akkan barbaade si jalaan godha jechuun akka qodaatti ilaaluun jira yeroo waraanaa.
''Yeroo ''nagaa'' ammoo ilaalchi nuti waa'ee dubartii afaan, miidiyaa fi karaa garagaraan ijaarre dubartii dhiiraa gaditti akka taateefi dhiirri akka olaanu kan himani dha,'' jetti.
Gama biraan hawaasni, amantii fi biyyi otoo hin hafiin qaama dubartootaa ''to'achuu'' barbaada.
Haala kanaan dhiiroti gudeeddii raawwatan ''kan koo tahuu baattus, kan kooti,'' jechuun olaantummaa isaanii agarsiisuu barbaadu.
Hawaasnis akkaataa ishee, uffannaa ishee, iddoo isheen deemte, waan itti dubbattetu ''fedhii foonii isaa akka hin to'anne isa taasise'' kan jedhuunii ''fedhiiniifi kabajni isaa kan isheerra caala,'' ergaa jedhu dabarsu.
''Dhiirri akka bineensaa fedhii saal-qunnamtii to'achuu hin danda'u waan jedhamu, yaada dogoggoraa namoonni bal'inaan amanan dha.
Haa tahu malee, dhiirri akkauma aariifi miirota biraa to'achuu danda'u kanas to'achuu danda'a.
''Ragaan akka hin dandeenye agarsiisu hin jiru,'' jechuun ogeettiin mirga dubartootaa kuni ibsiti.
Yaada dogoggoraa 4: ''Isheetu isa dogoggorse''

Madda suuraa, Getty Images
''Inni nama gochaa akkasii raawwatu miti, nama naamusa qabu dha. Isheetu isa dogoggorse malee,'' yaada dogoggoraa isa kaan akka tahe dubbatti Hillinaan.
Haa tahu malee gudeeddiin, ''naamusa qabaachuu, amala gaarii qabaachuufi kabajamaa,'' tahuu wajjin wal hin argu jetti.
Ijoollee dhiiraa gaafa guddisnu akka hin sobneefi hin hanne barsiisnu yoo isa raawwatan ammoo akka isaan adabnu gaafa qaama dubartii eeyyma malee tuqan, gaafa qoccolanii fi akka isaanin gaditti taate gaafa ishee ilaalan hin gaafannuuni jetti.
Kunis ilaalcha ''saalaan loogu'' hawaasa keenyarraa kan maddu dha jechuun hubachiisti.
''Kanaaf namni hawaasni nama gaarii dha jedheen yakka gudeeddii raawwate yoo jedhame ani nan amana,'' jetti.
Kana malees yakka nama raawwate baraaruufi miidhamtuu himachuuf sababa kennamu akka tahe himti.
''Otoo gaarummaaf tahee yeroo Kooviid sana abbootiin manatti ijoollee isaanii hin gudeedan ture.''
Hawaasa Itoophiyaa keessatti mirga dubartii sarbuun akka nama naamusa hin qabnetti sin fudhachiisu jechuun ibsiti.
Gama biraan uffata qaamashee agarsiisu keewwattee, mana isaa dhaqxee qaama akkaan hawwatu qabdi, kana malees, ''dubartoonni saal-quunnamtii gochuu otoo barbaadanii 'lakki'' jedhu kanaaf isa ''lakki'' jedhan akka ''eeyyee'' tti fudhachuu qabna waan jedhu akka jirus ibsiti.
''Dhimma saal-quunnamtii irratti gaafa dhufu waan namni nuti saal-qunnamtii wajjin raawwannu waan jedhe akka jirutti fudhachuu qabna, dabalataan takkaa saal-quunnamtiif ''tole'' jedhanii sa'atii kamittiyyuu yaada isaanii kaasuu danda'u kunis kabajamuu qaba.''
Abbaan warraa haadha warraasaa irratti, jaalalleen jaalallee isaa irratti, abbaan intalasaa irratti gudeeddii raawwachuun ragaan bal'aa waan jiruuf ''ammas isa dogoggorsite'' waan jedhu ilaalcha dogoggoraati, sababiinsaas miseensi maatisaa isaa isa ''dogoggorsuu'' hin dandeessu, jetti.
Yaada dogoggoraa 5: Namoonni yakka gudeeddii raawwatan murtee seeraa malee ajjeefamuu qabu
Waggaa afur dura yeroo weerarri kooviid ture daa'immaniifi ijoolleen dubartootaa miseensota maatii isaaniin gudeedaman gabaasoti jedhan bahaa turan.
Miidiyaa hawaasaa dabalatee hawaasni namoonni yakka kana raawwatan ''haa fannifaman'' jechuun duulaa turan.
Yakka gudeeddiifi ajjeechaa daa'imaa waggaa torbaa Heevan Awoot irratti waggaa tokko dura raawwateen yakkamaa irratti adabbiin waggaa 25 murtaa'eera.
Miidiyaa hawaasaa irratti adabbiin kenname ''gahaa'' miti jechuun dabalataan yakka kana namni raawwate ''haa ajjeefamu'' ergaan jedhu akkasumas kanneen ''yoon isa arge nan isa ajjeesa'' jedhan mul'ataniiru.
Namoonni yaada kana dhiyeessanis, ''seenaa suukanessaa akkasii gaafa dhagahan waan balaan bu'e, waan kanaan dura tahee hin beekne waan itti fakkaatuufi kan isaan adabbii jabaatiin rakkoo kana hambisuu barbaadan,'' jetti Hillinaan.
Akka isheen jettu rakkoon kuni eessaa dhufee? Maddasaarraa akkamiin buqqisanaa? Dhimmoota jedhan irratti hojjetamu qaba. ''Sababiinsaas kuni mudannoo guyyaa tokkoo osoo hin taane, hawaasni aadaa isaa keessatti qabatee kan ture dha,'' jechuun ibsiti.
Haalli kunimmo otooma seerri yakka akkasii adabuu danda'u gahaan jiraatellee seericha raawwachiisuufi hiikuu irratti rakkoon akka jiru himti.
Otooma yakka gudeeddii irra hin gahiin dubartiin tokko eeyyama ishee malee qaamnishee tuqamee, qoccollaan saalaa irra gahee ykn abbaan warraashee reebee gaafa poolisii bira dhaqxu, ''rakkoonshee akka rakkootti hin ilaalamu sababiinsaa warri poolisiis himannaa akkasii baraniiru waan taheefi,'' jetti.
Abbaa alangaa fi daanyaanillee caasaa loogii dubartootaa jabeessu keessatti yeroon itti hirmaatan jira.
Walumagala yakka guyyaa guyyaatti mudatu kanaaf, ''raawwii seeraa jabeessuu, hawaasa eeyyamatti amanu barsiisuudhaan uumuu, ilaalcha saalaa loogu irratti hojjechuun dhaaboti seeraa dubartoota sirnan akka tajaajilan gochuu'' fa'i irratti xiyyeeffachuu gorsiti.
Namoota yakka kana raawwatan ajjeesna jechuun, ''namootuma naannoo keenya jiran ajjeesnee fixna jechuu dhaan dabalataan jijjiirama bu'uuraa arguu barbaannuufis faayidaa hin qabu,'' jechuun ibsiti ogeettiin kuni.












