Itoophiyaan beekamtii walabummaa waggoota 30 dura Ertiraaf kennite haquu dandeessii?

Hoggantoonni biyyoota ollaa, Pireezidaantii Itoophiyaa yeroo sanaa dabalatee, labsii walabummaa Eertiraa isa jalqabaa Asmaraa, Caamsaa 24, 1993

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoggantoonni biyyoota ollaa, Pireezidaantii Itoophiyaa yeroo sanaa dabalatee, labsii walabummaa Eertiraa isa jalqabaa Asmaraa, Caamsaa 24, 1993

Itoophiyaan dhimma itti fayyadamaa ulaa galaanaa ilaalchistee gaaffiin kaaftee beekamtiin walabummaa biyyumma isheen Ertiraaf kennite irratti shakkiin tokko tokko akka ka'u ta'eera.

Ibsi hoggantoota mootummaa Itoophiyaa irraa yeroo adda addaa kennamu Eertiraa biratti dallansuu cimaa uumeera.

Deebiin aanga'oota Eertiraa irraa kenname akka agarsiisutti ibsi Itoophiyaan kennitu walabummaa Eertiraa irratti aggammii raawwatamuudha kan jedhu.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee, hoggantoonni olaanoon mootummaa waggoota lamaan darban, akkataan murtee buufata galaanaa malee hambisee ifa akka hin taane kaasu,

Murteen yeroo sanatti 'motummaa ce'umsaatiin murtaa'e waan ta'eef, 'sirraa'uu' akka qabullee yaada dhiyeessu.

Labsiin walabummaa Ertiraa yoomii fi akkamitti godhame? Itoophiyaan biyyummaa walabummaa fi abbaa biyyummaa Ertiraa yoomii fi akkamitti beekamtii kennite?

Beekamti kennite kana haquu ykn duubatti deebisuu dandeessi? Bu'aan isaa maal ta'uu danda'a? Seerotaa fi waliigalteewwan idil-addunyaa, akkasumas ogeeyyiin hariiroo idil-addunyaa dhimma kanarratti maal jedhu?

Labsii Walabummaa Biyyaalessaa Ertiraa

Ertiraan qabsoo hidhannoo kan waggoota 30f oliif Itoophiyaa waliin taasifteen dhuma Caamsaa bara 1991tti walabummaa argatte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu fudhatama idil-addunyaa argachuuf jecha walabummaa biyyaalessaa hatattamaan labsuu hin filanne. Inumaayyuu koreen giddugaleessaa dhaabichaa rifarandamii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi qaamolee birootiin ilaalame akka gaggeeffamu murteesse.

Dhaabni qabsoo hidhannoo gaggeessa ture Adda Bilusummaa Ertiraa dhuma bara 1970moota irraa eegalee waraanicha karaa nagaa xumuruuf sirna Dergii waliin marii dhoksaa hedduu taasisaa ture. Isaan keessaa muraasni biyyota akka Giriik, Roomaa, Xaaliyaanii fi Jarmaniitti kan taasifame ni eeramu.

Bara 1980 yeroo jalqabaaf yaadni rifarandamiin akka gaggeefamuu fi ummtani hiree isaa akka murteeffatuuf dhiyaate. Haa ta'u malee, mootummaa Dergiitin fudhatama waan hin arganneef hanga sirni Dargii Ertiraa fi Itoophiyaa keessatti injifatamutti waraanni itti fufe.

Waraanni Bilisummaa Ummata Eertiraa Caamsaa 24 magaalaa Asmaraa erga to'ateen booda, humni EPRDF wayyaaneen durfamus magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee to'annoo jala oolche.

Caamsaa 29, dhaabni Adda Bilisummaa Ertirea mootummaa qofa ijaaruu kan beeksise yoo ta'u, EPRDF ammoo jalqaba ji'a Adoolessa keessa konfiraansii nagaa fi dimokiraasii isaa irratti mootummaa ce'umsaa paartilee hedduu ijaare.

Yaa'iin Nagaa fi Dimokiraasii Adoolessa 1 hanga 5, 1991 geggeeffame irratti jilli Barreessaa olaanaa dhaabichaa Mootummaa Yeroo ce'uumsaa Eertiraa yeroo sanaa kan turani fi pirezidaantiin biyyatti ammaa Isaayyaas Afewerkiin durfamu irratti hirmaachuun hiree murteeffannaa ummata Ertiraa irratti rifarandamii akka gaggeeffamu waliigalame.

Konfiraansii kana boodas Pireezidaantiin Mootummaa Cehumsaa Itoophiyaa duraanii Meles Zeenaawii, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii rifarandamii kana akka ilaalu gaaffi Muddee 13, 1991 dhiyeessan.

Xalayaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii duraanii Bohutros Bohutros Qali Adoolessa 25, 1991 barreesseen, Isaayyaas paartiin kun rifarandamii Ertiraa irratti akka hirmaatu ifatti affeeran.

Ebla bara 1992 Mootummaan Yeroo labsii komishinii rifarandamii hundeessee rifarandamiidhaaf qophaa'u ibse.

Caamsaa 1992 jilli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Asmaraa daawwachuun komishinicha waliinis mari'ate. Haaluma kanaanis ergama Garee Taajjabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNOVER) ifatti hundaa'e.

Adeemsa sagalee kennuu Ebla 23 hanga 25 bara 1993 Hordoffii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNOVER) jalatti gaggeeffameen, filattoonni %99.8 walabummaaf biyyattiif filannoo 'eeyyee' jedhuun sagalee kennuu isaanii komishiniin rifarandamii kan beeksise. Filannoon dhiyaate Ertiraan akka biyya walabaa taatuuf 'eeyyee' ykn 'lakki' kan jedhu ture.

Bakka bu'aan barreessaa olaanaa fi itti gaafatamaa garee taajjabdoota UN kan turan lammii Libaanos Samiir Sambar rifarandamii kana ''bilisaa fi haqa qabeessa'' jechuun labsuun bu'aa argameetti ''quufuu'' guyyaa sana addunyaatti beeksisan

Gareen taajjabdoota Gamtaa Afrikaa adeemsa filannoo "bilisaa fi haqa qabeessa" jechuunis labsan

Bu'aan rifarandamii erga labsamee booda, Barreessaa olaanaa Mootummaa Yeroo Isaayyaas Afewerqii Ebla 27, 1993 ibsa baaseen Eertiraan guyyaa sana irraa eegalee biyya walaba ta'uu labse.

''Walabummaan Caamsaa 24, 1993 ifatti labsamuuf kan beellamame ta'us, guyyaa kana irraa eegalee Eertiraan biyya walabaa taatee abbaa biyyummaa ishee mirkaneessitetti,'' jedhan.

Adeemsa akka Biyyatti beekamtii idil-addunyaa ittiin argatte

Barreessaan olaanaa UN walabummaan Eertiraa naannichatti ''Nageenya abdachiisaa fidaa'' jechuun yoo ibsan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaan olaanaa UN walabummaan Eertiraa naannichatti ''Nageenya abdachiisaa fidaa'' jechuun yoo ibsan.

Caamsaa 12 bara 1993 Mootummaan Yeroo Ce'uumsa Eertiraa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata biyyoota Gamtoomaniif barreessee, Eertiraan miseensa Dhaabbatichaa akka taatu gaafate.

Isaayyaas gaaffii Butrus Qaliif dhiheesseen, ''Maqaa Eertiraan miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka taanuuf iyyata dhiyeeffannedha,'' jedhe.

Gama biraatiin walabummaan biyyoolessaa Eertiraa Caamsaa 24, 1993 bakka Pirezidaantiin Itoophiyaa Mallas zeenaawwii dabalatee hoggantoonni biyyoota ollaa argamanitti ifatti labsamee.

Guyyaa sana qofa biyyoonni addunyaa hedduun Eertiraa akka biyyaatti beekamtii akka kennan wal duraa duubaan beeksisuu jalqaban.

Barreessaan olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis walabummaan Eertiraa naannichatti ''bara abdachiisaa karaa saaqe'' jedhan.

''Har'a seenaa Eertiraa fi guutummaa Gaanfa Afrikaa keessatti jijjiirama guddaadha.

"Eertiraanonni akka ummata walabaatti egeree biyya isaanii murteessuuf aarsaa guddaa kaffalaniiru. Kaayyoon kun amma galma ga'eera."

''Bu'aan rifarandamii kanaa hawwii ummanni Eertiraa walabummaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, bara haaraa carraa fayyadamummaa bilisummaa fi nagaa, hojii cimaa fi kutannoo, dheebuu jireenya fooyya'aa, guddina itti fufiinsa qabuu fi mirgoota bu'uuraa fi bilisummaawwan bu'uuraatti fayyadamu baneera,'' jedhan.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii murtoo 828(1993) Caamsaa 26, 1993, Eertiraan Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa galchuuf dabarseera.

"Mani Maree Nageenyaa Eertiraan miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka taatu murtee Yaa'ii Waliigalaatiif dhiyeessuuf murteessee jira. Maqaa miseensota Mana Maree Nageenyaatiin Eertiraan baga seena qabeessa kana geessan, baga gammaddan jechuun barbaada" jedhan.

Yaa'iin Waliigalaa dabaree isaatiin walga'ii Caamsaa 28 bara 1993 gaggeesseen "sagalee guutuun" murtee Mana Maree Nageenyaa fi gaaffii Eertiraan dhiheessite irratti hundaa'uun Eertiraan miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka taatu murteesse.

Itoophiyaan yoomii fi akkamitti Ertiraaf beekamtii kennite?

Isaayaas Afawarqii Haasaa jalqabaa akka hogganaa Eertiraa Dhaabbata Biyyota Gamtoomanitti

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan bu'aan rifarandamii erga labsamee guyyaa lama booda abbaa biyyummaa fi walabummaa Eertiraa beekamtii kennuu ishee ifatti beeksiste.

Ebla 29, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummatoota Itiyoophiyaa bu'aa rifarandamii "taajjabdoonni UN fi Gamtaa Afrikaa akkasumas qaamolee hawaasa addunyaa birootiin bilisa fi haqa qabeessa ta'uu isaa mirkaneesse.

Rifarandamii kana ilaaluuf jilli hoggantoota olaanaa Itoophiyaa gara Eertiraa deemuun adeemsi sagalee kennuu bilisa fi haqa qabeessa ta'uu taajjabuu isaa mirkaneessera."

Haaluma kanaan ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaairra Caamsaa 4, 1993 bahe, " Mootummaan Ce'umsaa Itoophiyaa Itoophiyaan Eertiraa akka biyya abbaa biyyummaatti fudhachuu fi beekamtii akka kennitu hawaasa addunyaaf beeksisuu barbaada" jedheera.

Meles Zenawi sirna jalqabaa labsii abbaa biyyummaa Eertiraa Caamsaa 24, 1993 irratti maqaa Itoophiyaatiin haasawa taasisaniin, walabummaa Eertiraa beekamtii kennuu isaanii irra deebi'anii mirkaneessanii, ummata Eertiraa baga gammaddan jedhan

Bara 1993 booda biyyoonni lamaan lola dhiiga dhangalaasaa ture dhaabuun waltajjiiwwan naannoo, biyyaless fi idil-addunyaa irratti akka mootummoota abbaa biyyummaa walqixa qabanitti tumsaan hojjechuu eegalan.

Haa ta'u malee, ummtani hedduun, deggertoota sirna Dergi kan turanii fi kanneen hin taane biroollee walabummaa Eertiraa hin fudhannee kanneen yaada kana mormaa turanis heddudha.

Paartiin EPRDF jedhamu Eertiraan biyya biraa akka taatu hayyamuu isaatin yeroo dheeraaf hawaasaa fi namoota siyaasaa irraa mormiin cimaan isa mudateera.

Yreoo bara 1998 waraanni daangaa biyyoota lamaan giddutti jalqabee waggoota 20tti dhiyaataniif gaggeeffamaa ture keessattillee Mootumma Itoophiyaa yeroo sanaa ejjennoo abba biyyummaa Eertiraaf beekamtii kennuu ishee gaaffii keessa galchu hin fudhanne.

Hoggantootni Waraanaa waraanicha irratti hirmaatan akka, ajajaan waraana duraanii Itoohiyaa Lt. Jeneraal Tsadkan Gebretinsa'i lola daangaa sana irratti , buufata doonii Asaab qaama Itoophiyaa gochuuf yaadni akka ture dubbatan.

Haa ta'u malee, Mallas Zeenaawwi biratti addatti fudhatama hin arganne. Melles irra deddeebiin buufanni doonii Asaab lafa abbaa biyyummaa fi galaana Ertiraa ta'uu ijjannoo qabu.

Waliigaltee Aljeers Muddee 2000 mallattaa'e,irratti murtiin "xumuraa fi dirqisiisaa" Komishiniin Daangaa Idil-addunyaa Ertiraa fi Itoophiyaa gidduu jiru, daangaa abbaa biyyummaa Ertiraa fi kaartaan kaa'ames Itoophiyaan beekamtii argateera.

Gara waggoota 27f Itoophiyaa keessatti aangoo murteessaa fi dhiibbaa qabaachaa kan turtee TPLF, Finfinnee keessaa ba'ee gara Mekelleetti erga deebi'ee booda siyaasa Itoophiyaa keessatti boqonnaan haaraan baname.

Jalqaba Amajjii 2018tti akka tasaa hogganaa EPRDF kan ta'e Abiy Ahmad fedhii fi qophii nagaa ibsuu eegale.

Baruma sana Waxabajjii 5, Koreen Hojii Raawwachiiftuu EPRDF Waliigaltee Aljeersii fi murtii Komishinii Daangaa guutummaatti fudhachuuf murteessuu isaa ifatti beeksise.

Qilleensi bara sanaa biyyoonni lamaan murtee waggoota 15f Komishiniin Daangaa Idil-addunyaa dabarse hojiirra oolchuuf Asmaraa fi Jiddaa (Saudi Arabiyaa) keessatti "waliigaltee nagaa fi michoomaa" mallatteessaniiru.

"Murteen daangaa Eertiraa fi Itoophiyaa hojiirra oola," jedha "Labsii Nageenyaa fi Michoomaa Waliinii" Asmaraatti mallattaa'e keewwata 4.

Haaluma walfakkaatuun waliigaltee Jiddaa keewwata torbaa qabu "biyyoonni lamaan murtee Komishinii Daangaa Eertiraa fi Itoophiyaa hojiirra ni oolchu" jechuun kaa'ameera.

Waliigaltee kana hojiirra oolchuuf "Koreen waloo olaanaa fi koreewwan xixiqqaa akka barbaachisummaa isaatti" hundeessuus beeksisan

Haa ta'u malee gama Eertiraan yeroo Waraana Tigraay waggoota lamaaf gaggeefame bakkeewwaan falmisiisaa to'annoo Itoophiyaa jala jiran deebiftee to'achuu dandeesseetti.

Qondaaltonni gaaffiin amma Itoophiyaan dhiheessitu "buufata hafuura baafannaa" malee Eertiraa qaama ishee akka taatuuf akka hin taane yoo dubbatan dhaga'ama.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimad Adoolessa 3, 2025 paarlaamaatti akka himanitti, "Eertiraan biyya abbaa biyyummaa qabdu waan taateef dirqamatti qaama Itoophiyaa akka taatu hin barbaannu; biyya abbaa biyyummaa qabdu ta'uuf mirga qabdi" jedhan.

Haa ta'u malee biyyi isaanii "hidhamtuu ji'ograafii taatee hin haftu" jechuun "dhimma Galaanni Diimaa kaleessaa waggaa soddoma dura, dogoggora hojjetame ni sirreessina" jedhameera.

"Itoophiyaanis biyya abbaa biyyummaa qabdu, garuu buufata galaanaa malee itti fufuu hin dandeessu. Kun isaan biratti kabajamuu qaba," jechuun akeekkachiisaniiru.

Haa ta'u malee, dubbii MM booda ajajoonni waraanaa fi qondaaltonni biroo Eertiraan abbaa biyyummaa isheef beekamtii kennuu ishee gaaffii keessa galchaniiru.

Itoophiyaan sababa teessuma lafaatiin Galaana Diimaatti dhihoo ta'uu isheetiin mirga buufata doonii akka qabdus qondaaltootni ibsaa turan

Buufanni doonii Asaab bara sirna Derg "of-bulchaa" turte, jalqaba bara 1990moota keessa mootummaa ce'umsaa Itoophiyaatiin qaama Eertiraa akka ta'es yeroo dubbatan dhaga'ameera.

Mootummaan Eertiraa ji'a darbe deebii kenneen, abbaa biyyummaa Eertiraa bara 1993 seera addunyaa irratti hundaa'uun rifarandamii gaggeeffameen mirkanaa'uu isaa fi rifarandamiin UN'n hordofu, kan lammiileen Eertiraa dhibbeentaa 99 ol walabummaaf sagalee kennan, seera qabeessa ta'uu isaa falmeera.

''Riferandamichi bu'uuraan murtee Eertiraa tokkicha yoo ta'u, akkaataa qajeeltoowwan idil-addunyaatiin kan gaggeeffamedha.

Beekkamtiin abbaa biyyummaa deebi'ee kaafamuu danda'aa?

Alaabaan Ertiraa mooraa Waajjira Muummee UN magaalaa Niiw Yoorkitti bakka barreessaan olaanaa Dhaabatichaa argamanitti ifatti yoo dabalamu

Madda suuraa, FI

Ibsa waa'ee suuraa, Alaabaan Ertiraa mooraa Waajjira Muummee UN magaalaa Niiw Yoorkitti bakka barreessaan olaanaa Dhaabatichaa argamanitti ifatti yoo dabalamu

Yaad-rimeen biyya walaba ta'uu yeroo baay'ee muuxannoowwan koloneeffannaa alagaa darban waliin kan walqabatu yoo ta'u, sadarkaa biyyaatti aangoo ofiin of bulchuu bakka bu'u danda'a.

Haaluma wal fakkaatuun abbaa biyyummaanis amala adda addaa qabaatus, ilaalcha biyyoota ykn hariiroo idil-addunyaatiin qaamoleen alaa osoo hin seenin dhimma keessoo kee murteessuu fi to'achuu of keessatti qabata.

Biyyoonni abbaa biyyummaa qaban waliigalteedhaan abbaa biyyummaa isaanii keessaa gar tokko wal jijjiiruu ni danda'u. Fakkeenyaaf, yeroon dhimma biyya keessaa isaanii tokko tokko seeraa fi waliigalteewwan idil-addunyaa ofii isaanii mallatteessaniif dabarsee kennuun dirqama ta'e ni jira.

Kana malees, biyyoonni fi dhaabbileen seera aadaa idil-addunyaa kan isaan hin mallatteessine illee eeguu danda'u jiraachuu mala.

Haa ta'u malee, kun gidduu seenummaa seera kabajuuf malee qulqullina walabummaa biyyootaa cabsuu miti.

Galmeen jechootaa Yunivarsiitii Oksifoord abbaa biyyummaa akkas jechuun hiika: "Seera idil-addunyaa keessatti, daangeffamni seera idil-addunyaa kaa'us, mootummoonni dhimma keessoo isaanii irratti to'annoo olaanaa qabaachudha."

Chaartariin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii bara 1945 bahe (Keewwata 2(1)) "Miseensonni hundi hariiroo idil-addunyaa isaanii keessatti qulqullina naannoo fi walabummaa siyaasaa Biyya kamiyyuu ykn haala kaayyoo Dhaabbata Biyyootaa Gamtoomanii wajjin kan wal hin simne kamiinuu doorsisuu ykn humna fayyadamuu irraa of qusachuu qabu" jedha.

''Ilaalcha seera addunyaatiin yoo ilaalle, naannoleen qaamolee seeraa ummata isaanii bakka bu'anii fi itti gaafatamummaa fudhatanidha,'' jechuun Yunivarsiitii Dabliin Ayerlaanditti gargaaraa dura taa'aa kutaa seeraa fi bulchiinsa kan ta'an Piroofeesar Gezim Visoka BBC tti himan

Bara 1970 Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin kan ragga'e 'Murteen 2625', '"Dudhaalee Seera Idil-addunyaa Ilaalchisee," baay'ina ummataa, qabeenyaafi aangoo isaanii osoo hin ilaalin "mootummoonni seera jalatti walqixa" jedha.

"Mootummaan kamiyyuu mirga abbaa biyyummaa uumamaan qabu qaba. Mootummaan kamiyyuu namummaa [seera qabeessa] Biyya biraa kabajuuf itti gaafatamummaa qaba . . kun qulqullinni naannoo fi walabummaan siyaasaa Mootummaa kan hin tuqamnedha," jedha.

Biyyoonni Afrikaa kolonii Ingilizii, Faransaayii fi Poortugaal irraa walabummaa yeroo argatan, biyyoonni duraanuu walaba ta'an hambaa daangaa koloneeffataa 'maal gochuu qabna' kan jedhu irratti qormaata guddaatu isaan mudate.

Ni haqama moo itti fufaa kan jedhu falmii ture. Deebii kana argachuuf abbootiin hundeessitoota biyyoota Afrikaa garee lamatti qoodaman, jechuunis Kaasablaankaa fi Monrooviyaa.

Marii gadi fageenya qabu booda garuu gama lachuu Sarara Monrovia fudhachuu fi walabummaa fi abbaa biyyummaa biyyoota daangaa koloneeffataatiin ijaaraman eeguuf waliigalan.Bara 1963 Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (Gamtaa Afrikaa har'aa) jedhamus hundeessan.

Chaartarri Gamtaa Afrikaa Caamsaa 25, 1963 Finfinneetti tumame keessattis, "abbaa biyyummaa, qulqullina naannoo fi walabummaa" biyyoota kanaa akka kabajan irratti waliigalaniiru.

Qajeelfamni "kabaja abbaa biyyummaa, qulqullina naannoo fi walabummaa biyya tokkoon tokkoo isaanii kan hin mulqamne" jedhu Chaartaricha keewwata 3 (3) keessatti tumamera

Waliigaltichi "biyyoonni miseensa ta'an hundi walqixxummaa abbaa biyyummaa qabu" jedha.

Walgahii hoggantoota biyyootaa fi mootummaa jalqabaa bara 1964 Masrii magaalaa Kaayirootti gaggeeffamerratti "biyyoonni hundinuu yeroo walabummaa biyyaalessaa isaanii argatan daangaa qaban kabajuu qabu" jechuun murteessee ture.

Gaaffiin walabummaa biyyaalessaa Eertiraan dhiheessites daangaa koloneeffataa bulchitoonni Xaaliyaanii irratti waliigalan irratti kan hundaa'e yoo ta'u, kibbaan Itoophiyaa, dhihaa fi kaabaan Biriteen, qarqara kibbaan ammoo Faransaay.

Akka Visoka jedhutti seenaa biyyootaa keessatti beekamtiin abbaa biyyummaa kan irraa kaafame ykn addaan cite mul'ateera.

"Beekkamtiin biyyummaa kaasuun yeroo baayyee sababoota ji'oopoolitikaa fi dinagdeetiin yoo ta'u, kabaja seeraa fi aadaa idil-addunyaa waliin kan walqabatu miti."

''Haa ta'u malee, bu'aan beekamtii [abba biyyummaa] irraa kaasu ykn ofirraa kaasuu bu'aa hamaa fiduu danda'a. gama lamaanii fi michoota biyyoota lamaanii gidduutti diinummaa uumuu danda'a.

Visokaan akkasumas beekamtiin kenname haqamuun tasgabbii dhabuu naannoo fiduu fi biyyoota humna qaban gidduutti dorgommii atakarootttti geessuu akka danda'u dubbata.

"Kanaaf, beekamtii [abbaa biyyummaa fi walabummaa biyya tokkoo] irraa kaasuun akka waliigalaatti farra tasgabbii fi dippilomaasii ta'eetti ilaalamuu danda'a."

Miira kanaan, beekamtiin Mootummaa Cehumsaa Itoophiyaan Ertiraaf bara 1993 kenname ''kan hin deebine'' ta'uu mala jedhan Visokan.

Kanaaf ''Itoophiyaan beekamtii Eertiraa haquun ishee bu'uura hin qabu.

''Kana malees, Eertiraan miseensa guutuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waan taateef, Itoophiyaan beekamtii irraa kaasuun ishee bu'aa nageenyaa biyyoota lamaanii fiduu danda'a malee ejjennoo fi sadarkaa idil-addunyaa Eertiraan akka biyya abbaa biyyummaa fi walabaatti qabdu laaffisuu hin danda'u,'' jedhan.

Hanga ammaatti Itoophiyaan abbaa biyyummaa Eertiraatiif beekamtii kennite ifatti kaasuu akka barbaaddu waanti dubbatte hin jiru.

Gama kanaan dippilomaasiin Eertiraa laafaa dhufuu fi dhimma weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte akka fakkenyatti eeruun, lammiilee Eertiraa hedduutti yaaddoo ta'era.

Eertiraan lammummaa Falasxeemiif beekamtii kennuu dhabuun ishees xiyyeeffannaa guddaa akka argatu taasiseera