Filannoo Taanzaaniyaa 'dhibbaatami ajjeefaman' irratti Saamiyaan mo'atan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidant Saamiyaa Suluhuu Hasan filannoo pirezidantii torban kana taasifame 97.66'n injifachuu Komishiniin Filannoo Tanzaaniyaa beeksise.
Filannoo Tanzaaniyaa kana irratti mormiifi hookkarri ka'ee namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu paartiin mormituu ijoo biyyattii beeksiseera.
Hammi namoota du'an jedhaman garaagara ta'uufi intarneetiin akka guutuu biyyaatti baduun waan kana adda baasuuf rakkisaa taasiseera.
Dubbi-himaan paartii mormituu Chaademaa AFP'tti akka himanitti, namoonni ''naannawa 700 ta'an'' walitti bu'iinsa humnoota nageenyatti bu'anii ajjeefamaniiru jedhan.
Maddi dippilomaatikiii Tanzaaniyaatii BBC'n dubbisemmoo yoo xiqqaate namoonni 500 ajjeefamuu ragaan amanamaa jira jedhaniiru.
Mootummaan biyyattii garuu miidhaa hookkarri dhaqqabsiise gad buusanii ibsaa jiru.
Hookkara kana to'achuuf aangawoonni dhorkaa sochii dheeressaniiru.
Kanneen hiriira bahan gara caalu dargaggoota yoo ta'an filannoon gaggeeffame haqa jedhanii warra hin amannedha.
Mootummaan hoggantoota paartii mormituu hacuuce sirna dimookiraasii gad qabe jechuun himattu.
Hogganaan paartii mormituu tokko hidhaa keessa jiru, kaanimmoo sababa teeknikaan dorgommii keessaa baafamaniiru.
Akeekkachiisa ajajaa waraanaa biyyattii mormuun mormiin gaafa Jimaataas kan itti fufeera.
Dhimma mormii kanaa BBC'n kan gaafataman Ministirri Dhimma Alaa Tanzaaniyaa Maahmud Komboo Taabit hookkarri kuni bakkee muraasa qofa akka jiru ibsan.
Humnoonni nageenyaaf haalicha to'achuuf sosso'uu ibsan.
''Gabaasota qabeenyi saamaman jedhu nu bira gahaa jira,'' jedhan.
Intarneetiin kan balleessamees saamichaa to'achuufi lubbuu baraaruuf akka ta'e dubbatani.

Madda suuraa, Reuters
Gabaasota du'aa adda baasuun gaazexeessitootaafi gareewwan mirga namoomaaf rakkisaa ta'eera.
Hospitaalonnis waa'ee namoota miidhaman yeroo gaafatan odeeffannoo kennu hin feene.
Hospitaala Daar es Salaam tokkorraa maddi BBC'n dubbise tokko erga gaafa Kamisaatii miidhamtoonni baay'atuu dubbatani.
Bulchiinsa Tanzaaniyaa of dandeesse, Zaanzibaaritti, filannoo taasifameen pirezidantiin aangoorra jiran irra deebiin mo'ataniiru.
Achis paartiin mormituu dorgome waliin dhahameera jechuun himateera.















