Biyyoota Afrikaa lammummaa biyyoota lamaa hin eeyyamne beektuu? Itoophiyaan hoo?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti lammummaa biyyoota lamaa si'a tokkotti (dual citizenship) qabaachuun seeraan ala.
Haata'u malee lammummaa biyyoota lamaa si'a tokkotti qabaachuun fayidaalee hedduu qaba. Fakkeenyaaf, Visa malee biyyoota galuu, carraawwan jireenyaa fooyya'aa fi eegumsafaa dabalata.
Gabaabadhumatti, lammummaan biyyoota lamaa qabaachu jechuun, yeroo tokkootti lammii biyyoota lamaa ta'u jechuudha. Tokkoon tokkoo biyyootaa lammummaa dachaa ilaalchisee biyyoonni seera addaa qabu.
Biyyoonni Afrikaa asii gadii kunneenis kan lammummaa biyyoota lamaa yeroo tokkotti qabaachuu gonkumaa hin eeyyamneedha.
Kana jechuunis biyyoota kanneen keessa jiraattu yoo ta'e lammii biyya biraa ta'u hin dandeessan ykn lamummaa biyya biraa yoo filattan kan biyya keessanii dhiisuu qabdu jechuudha.
Kanneenis dubbisu dandeessu:
Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi Gaanfa Afrikaa keessatti argamtu Itoophiyaan, biyya gaarreen hedduu qabdu, kan ulaa galaana hin qabne, biyya Sulula qiinxamaa (Rift Valley) guddichi keessa qaxxaamuruudha.
Itoophiyaan biyya aadaa durii fi waldootni kiristaanaa itti argamaniidha. Magaalaan guddittii biyyattii, Finfinneen, teessoo waajjira muummee Gamtaa Afrikaati.
Seerri Itoophiyaa bara 1930 baahe, lammiileen Itoophiyaa lammummaa biyya biraa yoo argatan, lammummaa Itoophiyaa ta'uun akka haqamu ibsa.
Akkasumas lammileen biyya biraa lammummaa Itoophiyaa argachu barbaadan kamuu duraan dursanii lammummaa isaanii dura qaban dhiisuu isaanii mirkaneessuu qabu.
Kaameeruun

Madda suuraa, africanancestry
Rippabilikni Kaameeruun biyya Giddugaleessa Afrikaa keessatti argamtu yoo taatu, ummataa miliyoona 28.6tti dhiyaatu qabdi.
Karaa Dhihaa fi kaabaatiin Naayijeeriyaatu daangessa, karaa kaaba bahaatiin ammoo Chaadi, Bahaan Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaatu daangeessa. Kibbaan ammoo Ikuwaatooriyaal Giinii, Gaaboon fi Rippabiliika Koongoon daangeffamti.
Kaameeruun keessatti lammummaa biyya lamaa yeroo tokkotti qabaachuuf keeyyanni seeraa eeyyamu hin jiru.
Lammiin Kaameeruun tokko yoo lammummaa biyya biraa argate, lammummaan isaa ni haqama. Sababni isaa biyyattii keessatti lammummaan biyyoota lamaa hin eyyamamu waan tta'eef.
Haata'u malee, daa'imman warra lammii Kaameeruun irraa biyya alaatti dhalatan lammummaa biyya lamaa qabaachu dandeessi. Ta'us umurii waggaa 21 booda lammummaa Kaameeruun ykn kan biyya itti dhalatanii sana keessa tokko filachuu qabu.
Dimokraatiik Riippablikii Koongoo

Madda suuraa, UN
DR Koongoon biyya alboodota kanneen akka koobaaltii, sibiila diimaa ykn koopparii fi warqeen badhaatedha.
Akkasumas biyyattiin bosona naannoo ho'aafi jiidhaatti margu kan Amaazoon, kan Kibba Ameerikaa keessatti argamutti aanee, addunyaarratti guddinaan lammaffaatti argamu qabdi.
Kana malees, paarkiiwwan bakka bineensota bosonaa hedduu keessatti argaman kan qabdi.
DR Koongoon lammummaa biyya lamaa yeroo tokkotti qabaachuu kan hin eeyyamne taatulleen, daa'imman biyya biraatti dhalatan ammoo hanga umuriin isaanii waggaa 21ga'anitti lamummaa biyya lamaa akka qabaatan ni eeyyamti.
Isaan booda ammoo, lammummaa saanii biyya kamii ta'uu akka barbaadan filachuuf dirqamu.
Ikuwaatooriyaal Giinii

Madda suuraa, Getty Images
Ikuwaatooriyaal Giiniin jikita boba'aa fi gaazii uumamaa oomishuu fi biyyoota birootti erguun beekamti.
Al-ergii biyyattii keessaa harka caalaan boba'aa petirooliyeemiti. Akkasumas, warqee, yuuraaniyeemii fi daayimandii dabalatee, qabeenya albuudaan badhaatudha.
Ikuwaatooriyaal Giiniin sababa adda ta'en yoo ta'e malee lammummaa biyya lamaa yeroo tokkotti qabaachuu hin eeyyamtu.
Lammii biyyatti taanaan paaspoortii Ikuwaatooriyaal Giinii fayyadamuu dirqama. Kana jechuunis biyya filachuu fi paaspoortii biyyattii filachuu qabda jechuudha.
Eertiraa

Madda suuraa, Reuters
Eertiraan biyya kaaba baha Afrikaa qarqara Galaana Diimaatti argamtudha. Itoophiyaa, Sudaan fi Jibuutii waliin wal daangessiti.
Magaalaan guddoon Asmaraa gamoo bara kolonii Xaaliyaanii kan akka Kaatediraala Qulqulleettii Yooseef fi Kaatediraala Qulqulleettii Maariyaamii fi Masaraa Mootiitiin beekamti.
Lamummaan Eertiraa kan ibsu Heera mootummaa bara 1997 kan baheen yoo ta'u, namni abbaa ykn haadhaa lammii Eertiraarraa dhalate tokko lammummaa Eertiraa ni qabaata.
Akka seera biyyatiitti, lammiileen biyyatiif keewwan seeraa adddatti lamummaa biyyoota lamaa qabaachuu ilaachisee bahe hin jiru.
Taanzaaniyaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taanzaaniyaan biyya bineensota hawwata turiistiif oolan danuu qabdudha. Biyya gaara guddaa Afrikaa, olka'iinsa galaanaa irraa dheerian meetira 5,895 qabutti keessatti argama.
Taanzaaniyaanis lammiilee umuriin isaanii waggaa kudha saddeetii gadi ta'ee fi biyya biraa keessatti dhalataniif malee lammummaa biyya lamaa yeroo tokkotti qabaachuu hin hayyamtu.
Daa'imman biyya alaatti dhalatan hanga waggaa 21tti si'a tokkotti lammummaa biyya lamaa akka qabaatan kan eeyyamamu yoo ta'u, sana booda filachuu qabu.
Adeemsi lamummaa ittiin argatan biyyaa gara biyyaatti garaagarummaa qaba. Karaawwan namoonni lamummaa itti argatan inni baay'inaan beekamu dhalootaan.
Kana malees, namni tokko waggoota murtaa'eef itti fufinsaan biyyattii keessa yoo jiraate, waggoota murtaa'en booda lamummaa argachuu ni danda'a.
Biyyoota muraasa keessattis lammii biyya tokkoo wajjin gaa'ilaan walitti hidhamuun eeyyama jireenya dhaabbiin ni kennisiisa. Adeemsa keessa lammii biyyattii taasisa jechuudha.
Biyyoonni muraasni ammoo namoota hojii invastimantii gatii guddaa qabu hojjataaniif lammummaa ni kennu.












