Sadarkaan paaspoortii Itoophiyaa kan duriirraa fooyya'e

Paaspoortii Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paaspoortii Itoophiyaa kan waggaa dura turerraa sadarkaa foyyeeffateera

Sadarkaa cimina paaspoortii addunyaatiin kan biyya kibba-lixa Eeshiyaatti argamu, Singaappoor' isa jabaa ykn jaallatamudha jedhame. Kan Itoophiyaa sadarkaa duraarraa fooyya'eera.

Ragaan Waldaa Geejiba Qilleensaarraa argame akka agarsiisutti namoonni paaspoortii Singaapoor qabatan biyyoota 227 keessaa 192 viizaa malee seenuu waan danda'anif paaspoortiin biyyatti caalee argameera.

Tarree paaspoortiiwwan dadhaboo jalatti kan ramadamu paaspoortiin Itoophiyaa sadarkaa 97ffaa irraa fooyyessuun sadarkaa 83ffaa argateera.

Jabina ragaa imalaa kan murteessu dhaabbatni Heenleey cimina paaspoortiiwwanii kan madaalu imaltoonni paaspoortii qabataniin viizaan osoo isaan hin barbaachisiin gara biyyoota meeqaatti imaluu danda'u kan jedhu xiinxaluuni.

Viizaan ragaa eeyyama biyya tokko seenuu, biyya tokkooti bahuu yookiin keessa turuu mirkaneessuuf paaspoortii irratti rukutamudha.

Akka gabaasni Heenleey jedhutti viizaan hin barbaadamu jechuun gara biyya tokkotti yoo imalan viizaa gaafatamuu dhabuu, yeroo biyya deeman gahan mirga viizaa argachuu dabalata jedha.

Dhaabbatichi odeeffannoo paaspoortii kan baasu imala viizaa malee taasifamuuf qabxii tokko kennuudhaani.

Singaapoor sadarkaa kana kan argatte biyya waggaa shaniif paaspoortii cimaa qabaachuun dursaa turte Jaappaaniin caaluudhaani.

Walumaagalatti Waldaa Geejiba Qilleensarraa odeeffannoo argameen paaspoortiin Jarman, Xaaliyaan fi Ispeen lammiileen qabatan gara biyyoota 190 viizaa malee deemuu akka danda'an agarsiiseera.

Waggoota dheeraaf sadarkaa paaspoortii 'cimaa' qabattee kan turte Jaappaan, Ostriyaa, Fiinlaand, Faransaay, Laakisabarg, Kooriyaa Kibbaa fi Siwiidiin waliin qabxii 189 fiduun sadarkaa sadaffaa qabatteetti.

Itoophiyaa

Dhaabbatni Heenley Eend Paartinars jedhamu gabaasa kurmaana waggaa, bara 2023 baaseen sadarkaan paaspoortii Itoophiyaa fooyya'uu himeera.

Sadarkaa kana dura dhaabbatichi baaseen paaspoortiiwwan 109 waliin dorgomee qabxii 49 argachuun sadarkaa 97ffaarra ture.

Gabaasa amma bahe kanaanimmoo qabxii 47'n sadarkaa 14 fooyyessee 83ffaa irra taa'eera.

Kana jechuun namoonni paaspoortii Itoophiyaa qabatan viizaa dursanii otoo hin argatiin gara biyyoota 47 imaluu jechuu dha.

Paaspoortiiwwan laafoo

Gabaasa Heenleeyiin Afgaanistaan ammallee sadarkaa dhumaarra jirti.

Afrgaanistaan, Iraaq, Sooriyaa, Paakistaaniifi Yaman biyyoota paaspoortii akkaan dadhabaa tahe qaban keessaati.

Gabaasa dhaabbaticha 2023 kanaan biyyooti Afrikaa paaspoortii dadhabaa qaban 10 Liibiyaa, Sudaan, Ertiraa, Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa, Laayibeeriyaa, Riippaabliika Koongoo fi Burundii dha.

Waggoota 10 darbanitti biyyoota paaspoortiin isaanii guddina agarsiisees gabaasa kana keessatti dabalamaniiru.

Paaspoortiin UAE waggoota 10 darbanitti fooyya'insa olaanaa agarsiisuun sadarkaa jalqabaarra jira.

Biyyi kuni sadarkaa 56ffaa turterraa barana gara sadarkaa 12ffaatti ol dhufuu dandeesseetti

Chaayinaafi Kaamboodiyaanis haaluma wal-fakkatuun waggoota keessatti biyyoota jabinni paaspoortii isaanii dabale keessatti ramadamaniiru.

Sadarkaan paaspoortii isaanii kanneen gad bu'e keessaa immoo biyyooti Lixaa lama ni argamu.

Paaspoortii Singaapoor

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paaspoortii Singaappor

Waggaa 10 dura tarree sadarkaa bahu kanaan tokko kan turan Ameerikaafi UK yeroo keessa sadarkaan isaan gadi bu'ee UK'n sadarkaan 4ffaa yoo qabattu Ameerikaan immoo sadarkaa 8ffaa irratti argamti.

Heenleey gabaasa isaa kanaan biyyooti kam imaltoota viizaa osoo hin gaafatiin simatu kan jedhu baaseera.

Biyyoota viizaa osoo hin gaafatiin ykn imaltoonni biyya isaanii yeroo gahan viizaa kennuun biyyoota bakballi isaanii banaa ta'e 12 keessaa Burundii, Odolawwan Komoroos, Jibuutii, Giinii Bissaawu, Mozaambiik, Ruwaandaa fi Sisheels keessatti argamu.

Afgaanistaan, Kooriyaa Kaabaa, Paapuwaa Giinii fi Turkimeenistaan immoo lammiin kamiyyuu viizaa otoo hin argatiin kanneen biyyatti galchuu hin eeyyamne dha.

Biyyoota baay'ee viizaa gaafachuun biyyoota tarreeffaman shan keessaa Ertiraan ni argamti.

Jabinni paaspoortii maaliin murtaa'a?

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti jabina paaspoortii dhimmoota murteessan keessaa inni ijoo galii lammiileen akka dhuunfaatti argatanidha.

Biyyooti lammiileen isaanii akka dhuunfaatti galii olaanaa argatan biyyoota hiyyeeyyiirra gara biyyoota baay'ee viizaa dursanii argachuun osoo irraa hin eegamiin imaluu danda'u.

Kana malees biyyi tokko nagaa qabaachuun jabina paaspoortii biyya sanaa waliin kallattiin wal-qabata.

Biyya tokko keessa haleellaan shororkeessummaa fi walitti bu'insi baay'ata taanaan akkasumas gareewwan qindaa'aniin yakki ni raawwatama taanaan imala irratti danqaa tahuu mala.

Mootummaa giddugalaa cimaa biyyoota hin qabneef namoota qe'eerraa buqqa'an baayyee qaban haala wal-fakkaataan biyya biraa galuuf viizaa gaafatamu.